Bakakkaan Polaandiitti afur ajjeesee, 100 madeesse

Madda suuraa, EPA
Bakakkaa kaleessa Poolaandiitti qaqqabeen yoo xinnaate namonni afur du'anii kanneen 100 ta'an ammoo miidhaan irra qaqqabu ministirri mummee biyyattii Maateyuz Morawicki.
Bakakkichis namoota gareedhaan ta'uun gaara Kibba biyyattiitti argamu Giwoont jedhamu bahaa turan irratti bu'uun ture balaa kana kan qaqqabsiise.
Balaan kunis kan qaqqabee guyyaa Kamiisaa yoo ta'u, gaara lafarraa ol fageenya meetira 1,894 qabu Gewoont irratti bakka fannoon sibiilaa tureetti.
Kana malees ollaa Gaara kanaatti akkasumas namni biraa ISilovaakiyaatti lubbuun dabartee jirti. Kanneen du'an keessa tokko daa'ima jedhameera.
Bakakkaan kunis aduu ganama tureen booda rooba cimaa roobeen wal qabatee akkuma tasaa kan umamee jedhameera.
"Balaan akkasii ni uumama jedhee eenyumtu hin eegne ture. Tasa kan umameedha. Akka namaatti akkasi jechuun raaguun nama rakkisa,"jedhaniiru ministirri mummee biyyattii walgahii atattammaa naannichatti taasifameerratti kan dubbatan.
Naannoolee Gaara biraattis balaan walfakkaatu umamuun kan himame yoo ta'u, hilikoptaroonni lubbu baraarsitootaa afuur gara naannichaatti ergamaniiru.

"Sagalee bakakkichaa nama naasisu dhageenyeera. Achiinis namoonni ni kufan. isaan boodas namoota daandiirra turan hunda rukutuu eegale. Haallisaa baayyee nama sodaachisa ture,'' jechuun ture ittigaafatamaan ittisa balaa Gaaraa sanaa Jaan Kirzisztof PAP tti haala ture kan himan.
Jiraataan naannoo gaara kanaa jiraatu tokkos haala bakakkaa turee waraabuun midiyaa hawaasumaarratti qoodee ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Kantiibaan Zakopane Mr Leszek Dorula Jimaanni guyyaa gaddaa ta'ee akka olu labsaniiru.














