Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kamaal Abdallaa: Dargaggeessa Baalee dargaggoota Eeshiyaafi Afrikaa walitti fiduuf hojjechaa jiru
Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti, bara 2019 baayyinni dargaggoota addunyaa biliyoona 1.2 ture. Kun bara 2030tti ammoo dhibeentaa torbaan akka dabalu tilmaamama.
Haata'u malee, sababa rakkoo nageenyaa, barnoota dhabiinsa, kufaatii dinagdeetiifi carraa hojii dhabuun dargaggoonni hedduun jireenni itti ulfaatee biyyarraa biyyatti baqachaa jiru.
Biyya uummata jiru keessaa harki caalaan dargaggoota ta'an akka Afrikaatti ammoo rakkoon kun daran hammaata.
Haala dargaggoota kana jijjiruun hawwiisaa guddaa ta’uu kan himu, dhalataan godina Baalee magaalaa Gaasaraa Kamaal Abdallaa, baayyina isaanii kanatti fayyadamuun dargaggoonni addunyaa carraa daldala, hooggansaafi barumsa akka argatan walitti fidaa jira.
Waggoota torbaaf dhaabbatichi humna dargaggootaa cimsuufi guddisuu irratti xiyyeeffachuun, oogummaa isaanii qaruu, ofitti amanamuudhaan akka jiraataniif namoota tajaajila hawaasaa keessatti yeroo dheeraaf itti fufee hojachuu danda’an akka tahan leenjii kennaa jira.
“Dhaabbati keenyaa dargaggoonni rakkoo uumameef furmaata ta’uu danda’u, jijjirama fiduu danda’u, akkasumas geggeessitoota addunyaa ta’uu danda’u kan jedhu itti-amanuudhaan kan hundaaʼedha. Kanaaf, tajaajilii keenya jijjirama kakaasuuf carraa guddaa qaba,” jedha dura ta'aafi hundeessan dhaabbatichaa Kamaal Abdallaa.
Kamaal, dhaabbata mit-mootummaa Opportunities for Youth Empowerment and Success (O-yes foundation) jedhamu, biyya Taayilaanditti bara 2014 hundeessuun, amma dargaggonni addunyaa yaadaafi muuxxannoo qaban akka wal-jijjiran fooramii dargaggoota biyyoota Eeshiyaafi Afrikaa jiraatan hirmaachisu Caamsaa keessa magaalaa Finfinneetti qopheesaa jira.
Kaayyoon isaa maal?
“Galmi sagantaa kanaa akka dargaggoonni ardii lamaanii biyya keennatti walitti dhufuun hariiroo uuman, yaada adda addaa wal-jijjiran taasisuudha.
Akkasumas ammoo, abbootii qabeennaa, hooggantoota, ambaasaddaroota, investarootaafi dhaabbilee garaa garaa hirmachiisuun dargaggootaan wal-qunnamsiisnee akka isaan carraa kanatti fayyadamanii of gargaaruu danda’an gochuuuf,” jedha Kamaal.
Bara 2018, sagantaa O-yes International jedhu kan dargaggoota biyyoota 13 irra dhufan hirmaachise qopheessuun, wal qunnamsiisaniin carraa barnoota dabalatee kan daldalaa akka uumeef hima dargaggoo Kamaal.
Achiin booda dargaggoonni akka lammilee idil-addunyaa tahan, mootummaa biyya Taayilaand, UNESCO, dhaabbilee mit-mootummaafi Investaroota hirmachisuun, Global Citizen Summit kan jedhamu magaalaa Bangkook keessatti qopheessan.
Dhaabbati bal’inaan Taayilaanditti hojjate kun, dhuma bara 2019 gara Itoophiyaatti dhufee waajjira banuun jireenna dargaggoota jijjiruuf hawwii guddaan eegamaa jira.
Barataan Yunivarsiitii Haramayaa Asad Fahmii Yunivarsiitichaafi naannawaa Hararitti qindeessaa O-YES Global Foundation tahuudhaan hojjachaa jira.
“Itoophiyatti amma wanti dhaabatichi hojjechaa jiru miseensa horachuufi leenjiiwwan gara garaa kan akka gaggeessummaa, carraa barumsaafi daldalaa kennuu irratti xiyyeeffatee hojjeta.
Akkasumas, gara fuula duraattillee hojiiwwan gurguddaa keessatti dargaggeessaaf carraa hojii uumuurratti cimsee hojjachuufi dargaggeessi akka carraa hojii uummatee of danda'ee dhaabbatu irratti buusii godhuudhaan akka milkaahu taasisuudha,” jedha Asad
Ammatti biyyattii keessatti, yunivarsiitoota hanga torbaa gahan waliin hojjachaa akka jiran kan himu Kamaal, karoorri itti aanu akka ifatti sagantaalee isaanii barattootaf dhiheessan, yunivarsiitoota kanneen wajiin mallatteessuudha jedha.
Kayyoon inni guddaan, dargaggoota aangessuu, akka isaan carraa argatan kanatti fayyadamani jireenna isaanii jijjiruu danda’an. Kana galmaan gahuudhaaf, waan hedduu dalagaa jirra, keessattuu biyya Taayilaanditti leenjii garaa garaa kennuudhaan dalaga cimaa geegessaaa ture jechuun ibsa Kamaal.
Namni kamuu carraa dandeettii isaanii galmaan gahan argachuu qabu kan jedhu irra ka’uun, dargaggoota yaada daldalaa gaarii qaban, investarootaafi dhaabbilee garaa garaa waliin walqunnamsiisuun buusii argatanii gara daldalatti akka galan carraa uumuu hima.
“Dargagoonni leenjii argatan kanatti fayyadamani hojii mataasaani akka uuman cinaa dhabbanne hojjachaa ture. Namoonni hedduun lenjii kennatti hirmaachuun yokaan yaadaa nu kenninurra milkaa’usaani deebii nuuf kennaa jiru. Kun waan hamilee nuuf kenna.”
Yaadni dhaabbata dargaggoota kuni, hawwiisaa kan daa’imummaa ta’u hima Kamaal. Ijjoollumasaa irra kaasee, geggeessummaarra waan tureef, rakkoo dargaggoonni keessa jiran akka gaaritti hubbannoo qabachuu irra kan ka’e isaan gargaaruun fedhi isa ta’u ibsa.
Dargaggoo Kamaal carraa hojii argatee gara Taayilaanditti yeroo imalu, namoota achi jiran waliin yaadaa wal-jijjiruun dhaabbata kana akka hundeesse dubbata.
Taayilaanditti, hojiiwwan hedduu akka hojjetan kan himu Kamaal, Itoophiyaatti ammoo karoora guddaa akka qaban ibsa.
Dargaggoonni yaadaa hedduu qabu kan jedhu Kamaal, yaadaa isaanii kana gara hojiitti galchuu irratti carraan jiraachuu dhabuuf hedduun isaanii hojii dhabanii rakkachaa jiru waan ta'eef dhaabbanni akkanaa biyyattiitti hundaa’un barattoota yunivarsiitiif faayidaa guddaa uuma jechuun abdii qabu ibsa.
Kamaal eennuu?
Kamaal Abdallaa kan dhalatee guddatee Godina Baalee, magaalaa Gaasaraatti yoo ta’u, barumsa isaa sadarkaa tokkooffaafi lammaffaa magaalaa Gaasaraafi Roobetti xumure. Achiin boodaa digriisaa jalqabaa Yunivarsiitii Adamaarra seeran bara 2012 eebbifame.
Digrii lammaffaa Public Administration tiin Yuniversiitii Koonkeen biyya Taayilandiirraa bara 2018 eebbifame. Achumatti barsiisaa Yunivarsiitichaa ta’e. Akkasuma leenjiiwwan adda addaa geggeessummaa, Interpirenershiippiifi barnootaa yeroo garaa garaattii fudhateen leenjiis keennaa ture, kennaas jira.
Biyya Taayilaanditti qorannoo adda addaafi konfaransii dargaggoota walitti fidu dhiheessaa ture. Yeroo ammaa dhaabbata O-YES hogganuufi biiznasii dhuunfaa hojjataa jira.