Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taanzaaniyaatti dhorkaan shamarran ulfaarra ture kaanaan daa'ima waliin daretti deebite
Shamarreen Taanzaaniyaa ajajni haaraan kanaan dura shamarran ulfaa mana barnootaa irraa ittisee ture yoo ta'atuu, amma da'ima ishee qabattee dareetti jirti.
Shamarreen maqaan ishee Isnaat Giidiyoon jedamtu BBC Swhili'tti akka himtetti, harka tokkoon daa'ima ishee, harka tokkoon ammoo qalamaafi dabtara qabattee daree seenuun dirqama itti ta'eera.
Nama ishee kunuunsuuf waan hin qabneef daa'ima waliin darbee barnootaa seenuun dirqama akka itti ta'e kan himtu shamarreen kun, barsiisonni qajeeloo waan ta'aniif daa'ima ishee umuriin ji'a afurii waliin akka daree seentee barattu hayyamuufiif dubbatti.
Umuriin ishee wagaa 19 kan ta'e Isnaat, osoo balbala afur barattuu yeroo ulfooftetti barnoota sihee xumuruuf abdii kutattee turte.
Mootummaan haadholiin umurii dargaggummaa keessa jiran akka barnootatti deebiyan waan hayyameef baayyee akka gammadde kan himtu shamarreen kun, cimtee barattee ogeettii seeraa ta'uuf fedha akka qabdu dubbatti.
"Daa'ima qabadhee daree keessa taa'ee barachuun qalbii kiyya kan hiru ta'ullee garuu gara caalu dhageeffachuu nan danda'a. Rakkoon yeroo daa'imni jijjiirraa daayipparii [erbee fincaanii] barbaadudha, sababiin isaa ammoo mana barumsaa keessatti bakkaawan itti daa'imaaf jijjiiru hin jiru," jetti.
Isnaat Giidiyoon akkayyaa ishee kan saambuusaa gurgurtee jiraachiftu waliin kan jiraattu yoo ta'u, akkayyaan ishee kunis intalli intalashee barachuu danda'uu isheetti gammadduudha.
Akkaayyaan yeroo jalqaba Isnaat ulfoofte aartee turte sababiin isaa ammoo biyyattii keessatti shamarran ulfaa'an mana barumsaa irraa dhorkamanii turan waan ta'eef.
Pireziantiin duraanii Taanzaaniyaa, Joon Magufuulii shamarran ulfaafi aa'ima qaban akka hin baranne dhorkanii turan. Pirezidaantiin Taanzaaniyaa yeroo ammaa Aadde Saamiyaa Hasan Suluuhu garuu dhorkaa sana kaasaniiru.
Barattoota shamarranii dhorkaa kaa'ameen mana barumsaa dhiisan keessaa 240 kan ta'an kan mana barumsaatti deebiyan yoo ta'u, barnoota isaan darbe akkaataa ittiin kennameefiif kaaniin walqixxaatan irratti haalli mijeeffamaaf jira jehameera.