Pirezidaantiin Taanzaaniyaa haaraan jechoota shaniin attamiin Keeniyaanota akka itti hawwatte

Maxxanfame

Pirezidaantiin haaraa Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhu Haasan tibba kana Keeniyaa doowwataniiru. Yeroo daawwannaa Keeniyaa taasisan kanattis walitti dhufeenya biyyishee biyya ollaa kana waliin qabdu fooyyeessuuf haasaa ummaticha hedduu hawwatan jajjaboo tasisaniiru.

Pirezidaantiin duraanii Joon Maagufulii kan Bitooteessa darbe du'an, waa'ee dhukkuba Covid-19 irratti jiraachuu amanu diduu isaanitiin walqabatees, daangaan biyya ollaa isaanii Keeniyaa waliin qaban km750 akka cufamu taasifamee ture.

Haata'u malee, Pirezidaantiin ammaa Saamiyaan daawwannaa ishe guyyaa lamaa Keeniyaatti dhiheenya taasifteen, aadaa sana cabsuu yeroo hundaa maaskii uffachuun mullachaa turte.

Turtii ishee kanaan yeroo dureewwan daldalaafi miseensoota mana maree Keeniyaatiif afaan Siwaahilitiin haasaa taasifteen mammaaksaafi ciqoodhaan ummata kolfaan macheessaa turte.

Haasawwan isheen taasifte keessaa ubbiiwwan jajjaboon shan kunooti:

Ree'ootaafi maaskii fuulaa

Pirezidantiittiin umuriin waggaa 61 tun daawwannaa ishee kun yeroo baayyee rakkiissaa keessa ta'uu kaafte... ''Yeroo itti weerara addunyaa Covid-19 nu mudatee jiru.''

"Namoonni asiitti argamnu hudi keenyaa maaskii kaawwanneera. Yoo namoota maaskii kaawwate arguus isa yeroo ijolluummaatti mandara keessa ree'oota tiksaa ture sana na yaadachiisa. Akka ree'oonni midhaan hin nyaanneef tiksaa turre. ..Akkuma amma gochaa jirru kana afaan isaanii hagugna ture... Gochuus qabna.''

Bineensaan walitti makamuu

Saamiyaan waa'ee barbaachisummaa daldala biyyoota Baha Afriikaa jidduu kan waggaatti doolaara miliyoona 450 olii kaaftee jirti. Kana wayita ibsituus waa'ee bineensoota dagalaa Masaayi Maaraa Keeniyaarraa gara Serengeettii kan Taanzaaniyaa keessaa akka fakkeenyaatti kaasuun dubbicha ibsite.

"Biyyoonni lamaan kun akka waliif ollaa ta'aniif Waaqni eebbiseera. Daangaa lafaafi galaanaa qabna. Haalli qilleensaa uumamaafi naannoo keenyas waan tokko. Kan biraa hafee bineensooti daggalaa keenya mataansaanii waliif maatiifi ollaadha jette.

"Bineensotiin daggalaa kanneen Keeniyaa keessatti ulfaa'uuf dhufanii garuu dahuumsaaf gara Taanzaaniyaatti deebi'an jiru... Amma osoo bineensoota kanneeniif lammummaan kan kennamu ta'e kamitu kennaamaaf tureree?''

Keeniyaanoonni attamiin Afaan Siwaahilii akka rakkisu

Lammiileen Taanzaaniyaa keessattuu kanneen akka Pirezidaanti Saamiyaa kan Zaanzibaar irraa dhufan akka afaan Siwaahilii isa 'qulqulluu' isa ta'e dubbanna jedhanii amanu. Gama biraatiin ammoo Siwaahiliin Keeniyaanoonni dubbatan baayyee kan naannoo kan ta'eedha jedhama. Siriiyyuu kaa akkuma barbaadaniitti dubbatamuufi kan hin ammaayyoofne jedhama. Kunis biyyoota ollaa lamaan jirruutti yeroo baayyee mata-dure kofalchiisaadh:

"Afaan Siwaahilii paarlaamaa keessatti itti fayyadamuuf murteessuu keessaniif baayyee gammadneerra. Isatu akkan adeemsa paarlaamaa Keeniyaa akkan dhaggeeffatamu taasisa- Siwaahilii keessan baayyeen jaaladha. Siwaahiliin keessa jechoota ibsuu heddu qaba. Isaan sun mataansaanii bohaarsituuwwan gahaadha.

''Kanneen haasa'a Siwaahiliidhaan lakkoofsa baraa waamuuf wayita rakkatan dhaggeeffataan ture.''

Maqaawwan pirezidaantii carroomoo

Maqaa isheetiin qoosuun eegaltee achiin maqaa pirezidaantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaatti ce'uun hawaasa daldaltootaan akka walitti hidhama daldalaa cimsaniif gaafatte akkasiin:

"Daldaltoonni biyyoota lamaan kanneen jidduutti baayyee carroomoodha isin. Gama tokkoon daldala gaggeessuuf 'Uhuruu' (afaan Siwaahiliitiin bilisummaaf) yoo jiraatu, gama achi aanuun ammoo 'Suluuhu' (afaa Siwaahilitiin furmaataaf) jirti danqaawwan daladlaa kaasuuf. Amma gaheen kan keessan,'' jette.

Hawwannaa maagineetii Naayirobii

Aaddee Saamiyaan waa'ee bashannana alkaniifi bashannanawwan magalaa guddoon Keeniyaa- Naayiroobiin qabdu garuu ammoo kan amma sababii ugura Covid-19 dhorkaman kaasan.

"Irra caalli jilli ani waliin asi dhufe wantoota magaala Naayirobii keessaa sirriitti beeku. Keessattuu, 'Nyaamaa Chomaa' (waaddii foonii kan Keeniyaatti beekamu) eessaa akka argamus sirriitti beeku.

"Amma garuu sababii koronaatiin akka duraa sana bashannanuu hin danda'an. Tarii muraasni isaanii booddeetti hafu jedhee yaadda'aan jira,'' jechuun baacoo fakkeessuun ummata Keeniyaa qalbii hawwatte Pirezidaanti Saamiyaan.