US xiyyaaroota waraanaa doolaara biliyoona lamaa ol baasan Masriitti gurguruuf

Xiyyaaroota waraanaa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa gurgurtaan xiyyaaroota geejiba waaraanaa Masrii waliin akka raawwattuuf hayyame.

Masriin xiyyaarota geejiba waraanaa 12 Ameeriikaa irraa bituuf kan gaafatte yoo ta'u, gatiin isaaniis doolaara biliyoona lamaa ol jedhameera.

Kana malees, Ameerikaan sirnoota raadaarii ittisa haleellaa qilleensaafi meeshaalee loltummaa biraa doolaara miiliyoona 300 baasan gurgurtee jirti.

Gurgurtaan meeshaalee loltummaa mootummaan Ameerikaa Masriidhaaf hayyame kun, bulchiinsi Pirezidaant Joo Baayidan haala eegumsa mirgoota namoomaa Masrii irratti qeequumsa dhiyyeessaniin booda ta'unsaa qaamoolee tokko tokko biratti gaaffii uumeera.

Fulbaana darbe keessaa haala qabiinsa mirga namoomaa biyyattii keessa tureen wal qabatee, mootummaan Ameerikaa deeggarsi waraana Masriitiif ramadamee ture doolaarri miliyoonni 130 akka qabamu murteessuun isaa ni yaadatama.

Qondaaltoonni mootummaa Ameerikaa murtee isaanii kanaaf akka sababaatti dhiyeessanii kan turanis Masriin haala qabiinsa mirga namoomaa biyyashee keessaa irratti fooyya'insa hin taasifne kan jedhu ture.

Masriin biyyoota michuu Ameeriikaa Giddu-gala bahaa keessaa adda dureen kan eeramtu yoo ta'u, waggaan deeggarsa waraanaa doolaara miiliyoonotaan lakkaa'amu Ameerikaa irraa argatti.

Pirezidaantiin duraanii Masrii, kan mormii cimaa ummataatiin aangorraa buufamaniifi Abdul Fattah al-Sisiinis irra deeddeebiin haala sarbama mirga namoomaatiin himatamaa turan.

Ameerikaan haalli sarbama mirga namoomaa biyyattii keessa jiru akka sirreeffamuufi dhiibbaa gochaafi gaafataa turte. Kanarraa ka'uudhaan, deeggarsa loltummaa biyyattiif taasiftu yeroof dhorkuu beeksiisifte turte.

Masriin biyyoota naannichatti humna waraanaa cimaa qaban keessaa tokko yoo taatu, yeroodhaa gara yeroottis loltoota ishee ammayyeessuuf yaalii taasisaa turte.

Gama waraanaafi nageenyaatiin Masriin garee biyya hollaashee Liibiyaatti deegartu gara aangootti fiduuf yaalii taasisaa kan jirtu yoo ta'u, Sudaan waliin ammoo gaaffii daangaa yeroo tokko tokkoo ka'uufi eebiyee qabbannaa'u kaasaa turte.

Kanaan alatti, Masriin Itoophiyaa waliin daangaa walitti fidu qabaachuu baatulleen sababii Hidha Guddicha Laga Abbayyaa kan ijaarsi isaa xumuramaa jiruutiin waggoota kurnan darbaniif ataakaaroo keessa ture.