Kamaalaa Hariis bara hojii waggaa jalqabaan maaliif hin milkoofne?

Maxxanfame

Kamaalaa Hariis filannoo waggaa darbeen ‘’pirezidaantummaaf xiqqumaaf hanqattee’’ pireezidantii itti-aantuu dubartii Ameerikaa jalqabaa taateetti.

Haatahu malee, waggaa tokko darbe yeroo itti-aantuu pireziaantii ta'uun hojjechaa turte keessatti wanti mari salphaa hin turreef.

Itti-gaafatamummaan ishee salphaa tahuu baatus, deeggarsi Hariis hir’ataa deeme. Pireezidantichi dalagaawwan mataa-jabaataniifi onlaayiniidhaan hin hiikamne fa’i irratti ishee kan ramadan. Waajirasheerraa namoonni maqaa guddaa qaban gadhiisan.

Hariis muudama pireezidantii itti-aantummaa paartiinshee isheef kennee, booda pireezidaantummaan itti-aanu kan kooti jettee teesseetti yoo taheef, kun yaada fudhatama dhabuuf yeroo dheeraa hin fudhanne jalaa taha.

Baayidan ibsa Roobii darbe kennaniin filannoo dhufu irratti yoo hirmaatan, akka isaan wajjin taatu akka barbaadan himanillee, jette jettee waa’ee egeree siyaasaa ishee dubbatamu dhaabachiisu danda’a yoo taheef sichi ilaalama.

Garuu maaltu qixachuufi dide- sirreessuu waan dandeessu dha? Kanaaf deebii gahaafi sirriin hin jiraatu.

Sagalee deeggarsaa rifaasisaa

Qorannoo sagalee uummataa dhaabbata USA Today jedhamuun hojjetame deeggarsi Hariis qabdu %28 irra gaheera. Kunis seenaa pireezidantota itti-aanoo Ameerikaatti deeggarsa isa xiqqoo jedhamu dha- pireezidantii itti-aanaa waraan Iraan qindeesse Diik Cheneeyin gaditti deeggarsi ishee.

Taateewwan ‘’rakkoon Kamaalaa maali? jechisiisan keessa sagalee uummataa gaarii hin jedhamne kanadha.

Bu’aan sagalee kanarraa argame haasaa waa’ee pireezidantii itti-aantuu kanaaa jibbisiisaa taasise.

Qorannoo itti dhiyeenyaan taasifameen garuu bu’aan sagalee kenname sanaa haala jiru irraa xiqqoo fagaataa akka tahe barame.

Bu’aa sagalee kenname kanaan %21 waa’ee pireezidantii kanaa yaada akkas jedhanii himan akka hin qabne kaa’aniiru. Sagalee kennuu irratti kanneen hirmaatan keessaa walakkaan bulchiinsi ishee ‘gaarii miti’ waan jedhu deebisan.

Lakkoofsi sagalee deeggarsaa argattee immoo kan Baayidan waliin walitti dhiyaata. Deeggarsii pireezidantiifi pireezidantii itti-aantotaa Ameerikaa keessatti yeroo baayyee wal-fakkaataadha.

Pireezidantiin Dhimmoota Hawaasaa Ameerikaa Kiliif Yaang dubbiin Hariisiin gadi qabaa jiran kanneen akka weerara Koronaafi haalli diinagdee kan Baayidan irratti haaluma wal-fakkataan dhiibbaa taasisanidha.

Yoo inni deeggarsa argachaa adeeme, lammiileen Ameerikaa rakkoowwan kunniin hiikamaniiru jedhanii gatii yaadaniif, deeggarsi ishees fooyya’aa adeema jedhu.

Pireezidantiin dhaabbatichaa ammallee deeggarsa abdii qabu qabdi jedha. Yoo xiqqaate paartishee, dubartootaafi saboota lakkoofsaan xiqqoo tahan keessatti deeggarsa guddaa qabdi jedha.

Gahee hojii jabaa

Hariis erga aangoo qabattee dalagaa itti-gaafatamummaa guddaa qabu lama irratti ramadamte.

Inni duraa rakkoo bu’uuraa godaansa seeraan alaa giddu-gala Ameerikaa irraa gara UStti taasifamu irratti kan xiyyeefatudha.

Lakkoofsi godaantotaa biyyoota Eel Saalvaadoor, Guteemaalaa fi Honduraas irraa gar US galan bara jalqabaa pireezidantummaa Baayidan keessatti baayyee dabale. Bulchiinsi kuni imaammata Tiraamp tokko tokko geeddarullee godaansa kana dhaabuuf garuu furmaata garagaraa barbaadaa ture.

Hojiin Hariisiif kenname kuni jabaataa tahus kan hin dalgamne garuu miti. Baayidan illee yeroo pireezidantii itti-aanaa Obaamaa turan dalagaa wal-fakkaataatu kennameefi ture.

Namoonni gariin itti-gaafatamummaan kennameefi dhimma godaansaa guutummaafi nageenya daangaa biyyaati- kuni danqaa waggoota kurnaaf adeemee as gahe waan taheef furuufis akkasuma yeroo wal-fakkaataa fudhachuu mala jedhu.

Kanaafis tahuu mala yeroo dhimma godaantota kanaan xaxamtee jirtu kanatti deeggarsi ishee kan hir’ise..

Warri Rippaabilikaan sagaleen tokko tahuufi Demookiraatonni mata-jabaachuun pireezidantii itti-aantuu kana kufaattiitti waan qajeelche fakkata.

Gaazexeessituu fi barreessituun seenaa pireezidaantii itti-aantotaa Keet Andarsan Biroowar. Baayidanitu Kamaalaa kufaatiif saaxile jetti.

‘’Dalagaawwan cirumaaa hojjechuuf ulfaatan irratti ishee bobbaasan,’’ jette.

Kaayyoo guddaa

Pireezidantiiwwan ittii-aanoon yeroo dhufutti aangoo pireezidantummaa akka dhaalanitti ilaalama. Pireezidantiin amma jiru nama ganna 82 yeroo tahu immoo kana yaaduun waanuma hin hafnedha.

Hariis kaayyoo pireezidantii tahuu akka qabdu waanuma ifatti mul’atu dha. Yeroo pireezidantii ittii-aantuu taatee muudamtus, hoggantuu Demookiraatota dhaloota dhufanii jedhamuun waamamaa turte. Kunis maatii sab-daneessa irraa dhufuu isheefi dubartii tahuun ishee heeddummina waan agarsiisuuf ture.

Fiixee aangoo kanaarra tahuunshee garuu ibidda siyaasaa itti fide. Warri Rippaablikaanaa morkattuu isaanii yeroo dhufuu tahuushee baruun dadhabbinshee barbaadu. Paartishee keessaas pireezidantuummaaf kanneen dorgomuu barbaadan akka gufuutti ishee ilaaluun isaanii waan hafu miti.

Akka Yaang jedhanitti, ‘’xiyyeeffannoon guddaa ammaa Hariis irra kan tahe Baayidan filannoo dhufuuf dorgomu moo hin dorgoman inni jedhu mirkana gatii hin taaneef.

Kana dura yeroon itti pireezidantii itti-aanaa irratti xiyyeeffannoon akkasii kennamee beeku hin yaadadhu, bu’aa sagalee deeggarsaafi mormii yo ilaallates akkasuma,’’ jedhan.

Shakkii nama jeequ

Namoonni siyaasaa baayyee rakkoolee siyaasaa garagaraa arganii irraa hafaniiru.

Deeggartoonni pireezidantii itti-aantuu kanaa qeeqni irratti ka’u kan saalaan looguufi sanyummaan kan guutame dha jedhu.

Dhiyoo kana pireezidantiin gamtaa hojjetoota mootummaa Meeriilaand Maargaareet Hiinds, Haariis jajuun, pireezidantii itti-aantuun kuni dubartotni gurrraachaa,’’yoo kaayyoo qabaanne akka milkaa’uu dandeenyu agarsiistee,’’ jetteetti. Qeeqa Hariis irratti ka’us, ‘’warri odeessan oduu isaanii ittuma fufu,’’ jette.

Haa tahu malee akka ragaan agarsiisutti aangoo gubbaa jiru kanarra rakkoon hin jiru jechuun hin danda’amu.

Bara 2019 Hariis yeroo duraaf duula na filadhaa yeroo geggeessitu Kaalifoorniyaa fi Oklaandirraa deeggartoota kumaatamaan lakkaa’ama argattee ture. Falmii jalaqabaa erga taasifteen boodammoo deeggarsi argattu ittuu dabale.

Achii garuu mucucaachaa dhufte, waajirashee keessa waayiloota gidduu jeequmsi uumame, af-gaaffiiwwan miidiyaalee hawwatoo hin taane taasifte, paartii keessatti ergaa walitti fufinsa qabuuifi ifa tahe kennaa hin turre.

Yeroo hojiishee jalqabdetti waayilooti haala hin baramneen gadhiisan. Hogganaan koominikeeshinii isheefi dubbi himaan warreen bahan keessaati.

Keesumaa hojjetaan waajirichaa maqaa otoo hin beeksisiin gaazexaa Waashingitan irratti barreesse hojii hojjetamuu qabu hojjechuuf fedhii dhabuufi sodaashee hojjettootasheerratti keessi jechuun isaa dubbii jabaataa ture.

‘’Kamaalaa wajjin yeroo hojjettu qeeqa si dhukkubsuufi hanqina ofitti amanamumma mataashee danda’uu qabda,’’ jedha hojjetaan waajirichaa duraanii. Ifatti tahuu baatus doorsisa keessa taateetu hojjetta,’’ jedhe.

Rakkoon Haariis yeroo miidiyaa irratti dhiyaattuufi ibsa kennitu dogoggora uumuu fa’illee ni dabalata. Waajira isheefi waajiroota Waayit Hawuus kaan gidduu hariiroon mishaa waan jiru hin fakkaatu.

Namoonni siyaasaa danqaalee keessaa of baasan kanneen dogoggora isaaniirraa baratanifi dadhabbiin isaanii fooyyessani dha.

Hariisillee kanuma gochaa jiraachuu isheef agarsiistuuwwan jiru. Kunis yeroo dhiyoon asitti Baayidan waliin taateewwan garagaraa irratti argamuu, af-gaaffiiwwaniif deebii kennuufi kaan gochuuni.

Tarkaanfiiwwan fudhataa jirtu kunneen deeggarsa hawwachuun yoo seenaa hojjechuun aangoo qabatte, kufaatii seena qabeessa taheerraa hambisa yoo taheefi kunis.