Miseensi paarlaamaa UK Musliima tahuu koon hojiirraa ittifame jette

Maxxanfame

Miseensi paarlaamaa UK mootummaan Musliima tahuusheetiin bara 2020tti aangoo ministirummaa irraa akka ishee dhorke dubbatte.

Gaazexaan Sunday Times Torii Nusraat Gahaanii dhorkamuu ishee ilaachisee ibsa yeroo gaafatu ‘Musliima’ tahuunshee sababa akka tahe itti himamuu dubbatteetti.

Hogganaan paartii Conservative Wiip Maark Ispeensar, Aadde Gaaniin waa’ee isaa akka dubbattu himee garuu waan isheen jette dhugaa kan hin taaneefi maqa-balleessii dha jedhan.

Ministirri kaabinootaa Nadiim Zahawwii himannaan kun qoratamuu qaba jedhe.

Aadde Gaaniin bara 2018tti ministeera geejibaatti filatamtus yeroo hoggansa Booriis Jonsan bara 2020tti hojii kana dhabdeetti.

Akka ‘Sundaya Times’ jedhetti Aadde Gaaniin hojiirraa dhorkamuu isheef yeroo mariin taasifamu , ‘’dubartiin Musliimaa, wayilooti kaan miira gaarii akka hin qabaanne gochaa jirti,’’ jedhamee jette.

Miseensi paarlaam kuni dubbii kana itti cichitee yoo deemte, ‘’nan qollifama akkasumas maqaan gaarii hojii kootorratti qabu nan dhaba jedheenii,’’ jette.

Gaafa Sanbataa Ispeensar namni isheen quba itti qabdu anadhaa jedhan.

Waan ishee jette, ‘’guutummaan guutuutti sobaa fi maqa-balleessii dha,’’ jechuun waan Aadde Gaaniin himatan haalaniiru.

Ergaa Tiwiitara irratti barreessaniin ministeerri barnootaa paartii 'Conservative' keessaatti,''jibba Islaamaa ykn sanyummaa gosa kamiifuu iddoo hin qabnu,'' kanaaf himannaan kuni sirnaan qoratamee adda bahuu qaba jedhan.

Odeeffannoo kanatti dhiyaatan biroo: