Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeneraalli waraanaa Sudaan Hamdaan Dagaaloo Itoophiyaa daawwachuun maal akeeka?
Pireezidantii Itti aanaa mana maree ce'umsaa Sudaan kan ta'an Leeftanaant Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo Sambataa fi Dilbata darbe gara Finfinnee imaluun MM Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalate qondaaltoota olaanoo biyyattii waliin mari'ataniiru.
Jeneraal Dagaaloon waggoottan sadan darbaniif biyyasaanii rakkoo siyaasaa keessatti argamtu keessatti, Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaanitti aanuun nama murteessaa yoo ta'an, humnootii waraanaa isaan duuba hiriiraniin siyaasa biyyattii keessatti gahee murteessaa kan qabaniidha.
Daawwannaan Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo (Hemetii) Finfinnee kunis walitti dhufeenya biyyoota lamaan jidduutti waggaa tokkoo oliif gaarii hin turreen wali biratti yoo ilaalamu kan hin eegamne ture.
Waldhabdeen daangaa waggootaaf biyyoota lamaan jiddu jiru kan bubbule ta'ullee, waraana Tigraay hordofuun erga waraanni Sudaan lafa qonnaan bultoota Itoophiyaa harka ture to'ataniin booda, walitti dhufeenya biyyoota lamaanii boora'e.
Itoophiyaan erga Al Baashir aangoorraa buufameen booda wal dhabdee waraanaa fi qaamoolee siyaasa biyyatti jidduutti umamee ture karaa nagaatiin furuuf gahee olaanaa bahaa turte.
MM Abiy Ahimad gamasaanitiin adeemsa hundeeffama motummaa ce'umsaa keessatti gahee olaanaa bahunsaanii ni yaadatama.
Haata'u malee erga waldhabdeen daangaa biyyoota lamaan jidduutti umameen booda walitti dhufeenyi ture qabbanaa'usaatiin alattis darbee darbee gama lamaaniinu wal himachuun ture.
Kanaafu daawwannaan amma Jeneraal Haamdaan Daagaalootiin guyyoota lamaaf Finfinneetti ta'e kunis daawwannaa qondaala Sudaan olaanaan waggaa tokko keessatti taasifame kan jalqabaati.
Turtii qondaaltoota olaanoo waliin
Simannaa qondaaltoota Itoophiyaa olaanootiin Daagaaloo wayita Finfinnee galaniitti taasifameen yoo ilaalame mataansaa dawwannaan qondaala kanaa kan akka salphaatti ilaalame akka hin turre hubachuun ni danda'ama.
Ministirra Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Dr Abrihaam Balaayii fi Daarektara Olaanaa Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaaleessaa Obbo Tamasgan Xurunaa fa'itu simannaa taasiseef.
Ittaansees MM Abiy Ahimadii fi Itaamaazhuur Shumii Raayyaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanu Julaa waliin mari'achuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.
Kunis aanga'oonni biyyoota lamaanii dhimmoota waraanaa fi nageenyaa irratti xiyyeeffannaa kennuun mari'achu kan agrsiisu yoo ta'u, maddi oduu Sudaan gamasaatiin Jeneraalichiifi MM Abiy dhimmoota walitti dhufeenyaa caalaa cimsaniifi haala ummata biyyoota lamaanii caalaa fayyadu irratti mari'achu gabaaseera.
Ministirri Ministeera Ittisaa Itoophiyaa Dr Abrihaam Balaay madda Oduu Itoophiyaatiif akka ibsaniitti, marii guyyoota lamaa Jeneraal Mahaammad Hamdaan waliin taasisaniin biyyooti lamaan ''walitti dhiheenyaan hojjachu akka qabnu waliigalleera'' jedhan.
Tarkaanfiiwwan jajjabeessaa
Itoophiyaa fi Sudaan jidduutti madda waldhabdee ta'ee kan ture kan biraa dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha dhiheenya daangaa Sudaaniitti ijaaramaa jiruun walqabatee haala nageenyaa karaa daangaa naannoo Beenshaanguliin jirudha.
Gama daangaa sanaaatiin hidhattoonni Sudaan irraa dhufu jedhamaniin haleellaawwan raawwatamuun, du'aatiif buqqaatii namoota hedduutiif sababa ta'uun alatti iddoowwan naannichaa irra caalli komaandi poostii jala akka oolfamu taasiseera.
Haala nageenya naannichaa ilaalchisuunis dhiheenya kana buchiinsi Biluu Naayil Sudaaniifi qandaaltoonni olaanoon naannoo Beenishaangul Gumuuz waliin mari'achuun waliin hojjachuuf waliigalte taasisuun isaanii dhagahameera.
Kana malees walitti dhufeenyi Sudaaniifi Itoophiyaa qabbannaa'u hordofuun baatiiwwan jahaaf cufamee kan ture daandii guddaan Gaalaabaat-Matammaa kan biyyoota lamaan walitti fidu saaqamuunsaa ni yaadatama.
Dhimma lafaa madda waldhabee ta'e ilaalchisee jijjiramni jiraachuun gabaafamu baatulleen, baatii Muddee irraa kaasee haalli waliitti dhiyaachu biyyoota lamaan jidduutti mul'ataa jira.
Waldhabdee bubbule
Itoophiyaa tibba waraanni Tigraayiitti eergale loltoota ishee daangaa Sudaan irraa kaasuu hordofuun ture Sudaan loltootashee kan daangaa wal falmisiisaa ture irratti bobbaafte. Kunis gama Itoophiyaatiin komii olaanaa kaasaa tureera.
Qondaaltoota olaanoo Sudaan dabalatee humni waraana biyyatti qabiyyee seeraa isaanii deebiifachu ibsuun waanti jijjiramu akka hinjiraane himaa akka turan gabaafame ture.
Haata'u malee biyyoonni lamaanu gara wal waraanaatti seenuuf fedhii akka hin qabnee kan ibsan yoo ta'u, Itoophiyaa gamasheetiin yeroo biyyattiin waraana biraa keessa galteetti eeguun Sudaan eddoowwan qabattee keessaa akka baatuufi dhimmichi bakka duraan irratti ilaalamaa ture karaa Komishinii Daaangaatiin akka furamuuf watwaataa turte.
Gama biraatiin ammoo Sudaan yeroo garaa garaatti milishoonni gama Itoophiyaatiin jiran loltoota kiyyarratti haleellaa raawwataniin loltoonni jalaa miidhamu himattee turte.
Gama Itoophiyaatiin ammoo karaa daangaalee biyyoota lamaanitiin hidhattoonni loo'anii galuun haleellaa akka raawwatan ibsuun, humnootiin nageenyaa biyyattii tarkaanfii akka fudhatan aanga'oonni Itoophiyaa deebii kennanii ture.
Walitti dhufeenya fooyyessuu
Janaraal Mohaammad Hamdaan Daagaaloo tibba Itoophiyaa doowwataniitti MM Abiy Ahimad, Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa, Ministira Raayyaa Ittisaa itoophiyaa Dr Abirihaam Balaay, fi ittigaafatamaa nageenya biyyattii waliin marii taasisaniiru.
Dhimmi ijoon mariisaanii ifatti ibfamu baatulleen, rakkoo siyaasaa Sudaan amma keessatti argamtuun alatti dhimmoota wal dhabdee biyyoota lamaanii irratti akka dubbatan qaamooleen waliin mari'atan ni mul'isu.
Waraana kaaba Itoophiyaatti waggaa tokkoo oliif gaggeeffameetti aansee, dhimmoota raayyaan ittisaafi dhaabban tikaa biyyattii xiyyeeffannaa olaanaa kennuuf keessaa tokko walidhabdeen daangaa Sudaan waliin jiru akka ta'u amanama.
Humnootiin Itoophiyaa eddoowwan finciltoota TPLFn baatiiwwaniif qabatamanii turan deebiisee erga to'ateen booda waraanichi karaa nagaatiin dhuma akka argatuuf qaamooleen adda addaa yaalii taasisuurratti argamu.
Waraanni biyya Sudaan kan ammaan tana rakkoo siyaasaa waggoota sadii keessatti argamtu hogganaa jiru yoo ta'u, wayita mormii ummataatiin dhiphataa jiru kanatti waldhabdee daangaa itoophiyaa waliin qabaniif furmaata marii barbaacha yaalii taasisaa kan jiru fakkaata.