Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoota Sudaan Kibbaarraa Gambeellaa galaniin namoonni 8 ol ajjeeffaman
Haleellaa hidhattoota Sudaan Kibbaa irraa gara Gaambeellaa seenan gaggeessaniin namoonni 8 ol yoo ajjeeffaman shan ammoo miidhaan irra qaqqabuun ibsame.
Ittigaafatamaan Pirees Sakreetariyaatii naannichaa Obbo Ogeetuu Adiinguu BBCtti akka himaniitti, haleellicha kan raawwatan hidhattoota gosaa Murlee Sudaan Kibbaatii ka'an yoo ta'an, gara daangaa Itoophiyaatti qaxxaamuranii ce'uun namoota nagaarratti miidhaa qaqabsiisan.
Ittigaafatamaan kun dabaluunis, hidhattoonni gosa Murlee Amajjii 20, 2022 daangaa qaxxaamuranii seenuun godina Nuweer Aanaa Akooboo ganda Kaanakaan jedhamu keessatti ture jalqaba ambulaansii daandiirra deemaa turerratti dhukaasa banuun namoota sadii kan ajjeessan.
Ittaansuunis hidhattoonni kunneen gara mandaraatti galuun akka tasaa dhukaasa banuunsaanii kan himame yoo ta'u, dabalataan namoonni shan ajjeefamanii kaan shan ammoo miidhama cimaafi salphaaf saaxilamu BBCtti himan.
Kana malees, hidhattoonni kunneen Dilbata Amajjii 16, 20222 haleellaa aanaa Akooboo keessatti raawwataniin miseensa poolisii naannichaa ajjeessuun loon horsiise-bulaa 70 ol saamuusaanii ittigaafatamichi dubbataniiru.
Haleellicha hordoofees humna addaafi milishaa naannichaa bobbaasuun nageenyaafi tasgabbii naanncihaa eegsiisaa jiraachuu Komishinariin Komishina Poolisii naannoo Gaambeelaa Abuulaa Uboongi dubbachusaanii gabaafameera.
Ittigaafatamaan Pirees sekreetaraatiin naannichaa akka jedhaniitti, haleellaawwan waqtii eegganii raawwataman kanneen, keessattuu waqtii Boonaa keessa akka mudatan ibsuun, ammaan tana Gaambeellaatti yeroonsaa waqtii Bonaa waan ta'eef karaa daangaa bal'aa Sudaan Kibbaatiin waldaangeessuutiin hidhattoonni Murlee haala salphaan seenuun haleellaa raawwatu jedhan.
Hidhattoonni gosa Murlee kunneen kanaan duras kara daangaa Itoophiyaatti ce'uun naannoo Gaambeellaa keessatti yeroo garaa garaatti haleellaa raawwataa turunsaanii ni ayadatama.
Waggoota muraasan duras godinaalee Nuweeriifi Anyuwaak keessa seenuun ijoollee dhubbaatamaan lakkaa'aman butanii yoo fudhatan, kanneen 170 ol ajjeefamanii turan.
Hidhattoonni kunneenis haleellaa jiraattoota irraan gahaniin alatti loon hedduu saamuun akka fudhatan poolisiin ibseera.