Dubartiin abbaa warraasheetiin si'a 29 albeen waraanamte lubbuun hafuu

Maxxanfame

Namtichi UK tokko erga haadha warraa isaa si'a 29 meeshaa qara qabuun waraanee booda akka duutuuf mana itti cufe jedhame.

Namtichi maqaansaa Istiivan Wuud jedhamuufi gaheessa waggaa 54 dubartii maqaan ishee Tinaa Turnar jedhamtu haala gara jabiinaatiin ableedhaan waraanuu isaa manni murtii dhaddacha Niiwkaastil irratti himame.

Haata'u malee, dubartiittiin lubbuun hafuu dandeesseetti.

Namni kun Aadde Tarnar ajjeessuuf akka karoorftee ture Caamsaa 21 wayita isheen, ''Si ajjeessuun qaba, siif jecha mana hidhaa dhaquu hinqabu'' jechuun dubateetti mirkaneesseera.

Dubartiin umurii waggaa 53 tunis onnee, dugugguuruufi miilasheerra dabalatee qaamaashee guutuutti miidhaa jireenyashee geeddarutu irra gaheera.

Kanaan duras namtichi kun haadha warraasaa kana waggaa lamaan dura kutaa nyaata itti bilcheessan keessatti guyyaa sana akka baatu erga itti himteen booda duubaan dhaquun miidhaa irraan gahee akka ture himame.

Albeen Wuud ittiin dubartii kana waraanaa ture kan jalqabaa erga jalaa cabee booda akka waraanuu dhaabuuf kadhattuulleen albee biraa bakka olkaa'anii fudhachuun ittiin ishee waraanuu akka itti fufe himame.

Baraaramuu 'ajaa'ibaa'

Mr Wuul jalqaba wayita ilmasaa kan Liivarpuul jiraatuuf bilbileefii tureetti waan ''hamaa'' tokko raawwachuu itti himee ture.

Aadde Tarnar ammoo osoo Mr Wuud karra duubaan itti cufee furtuu dhoksuun deemee hin fagaatiin dura sagalee gadi qabuun akka qaqabaniif poolisiitti bilbilachuu dandeesse.

Poolisiin wayita mana keessa seenutti dubartiin baayyee miidhamte bakka uffanni kaa'amu keessa suuqamtee lubbuun argamte.

Mr Wuur ammoo erga gochicha raawwateen booda poolisiitiin to'atame.

Inspektarri Luuwiis Jeenkinsi Poolisii Noorzumbriyaa irraa, ''Gochaan kunis haleellaa sadarkaa miidhaa nama kamuu irra gahuu hinqabne haamaadha.

''Tinaan dhugaatti dubartii baayyee cimtuufi haalli isheen luubbuun itti haftes baraaramuu ajaa'ibaati,'' jedhan.

''Isheenis qaamaan, sammuufi miiraan fayyuuf gara fuulduraashee imala dheeraatu eeggataan. Haleellaan kunis waan bara jireenyaa ishee waliin turu akka ta'een yaada.''

"Kunis shakkii tokko malee miidhaa mana keessaa baayyee sukkaneessaafi naasisaa na mudateedha.

"Hawaasni keenyas mala akkasiitiif obsa akka hin qabne akka hubatu nan abdadha. Jeequumsiifi miidhaa gosa kamiitu gonkumaa xiyyeeffannaa dhabu hin qabaatu,'' jedhan.

Himannaa Obbo Wuud irrattis Guraandhala 4 irratti murteen ni kennama.

Odeeffannoo biroo kanaan walitti dhiyaatan: