Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Lessootoo Toomaas Tabanee haadha warraa isaa ajjeese jedhamuun himatamuufi jedhe poolisiin
Ministirri Muummee Lessoottoo ganna 80 tahan haadha warraa isaanii Lipoleloo Tabanee ajjeesan jedhamuun himatamuuf akka tahe poolisiin beeksise.
MM Tabaaneen sababa umurii isaanii irraa kan ka'e ji'a Waxabajjii keessa aangoo isaanii akka gad lakkisan himanis waa'ee dhimma ajjeechaa haadha warraa isaanii kana ilaalchisee garuu waan dubbatan hin turre.
Haati warraa isaanii ammaa Ma'eessaah Tabaanee ajjeechaa haadha warraa ministira muummee duraanii kanaan shakkamuun himanni durumaan irratti banamee jira.
Biyya Kibba Afrikaa kana keessatti osoo aangoo irra jiruu yakka ajjeechaan himatamuun nama jalqabaa tahuu isaaniiti.
Lippooloon haati warraa isaanii ajjeefamte dubartii ganna 58 kan turte yoo tahu. bara 2017 Toomaas Tabaaneen ministira muummee tahuun muudamuu isaanii guyyaa lama dursuun ture rasaasaan rukutamuun kan ajjeefamte.
Yeroo sana du'aatii ishee kana '' waan gatii hin qabne'' jechuun balaleffachuun ibsanis poolisiin ammoo ajjeechaa kana keessaa harka qabu jechuun himata irratti banuuf jedha.
"Ministirri Muummee yakka ajjeechaan himatamuuf'' Itti Aanaa Komishinera Poolisii Lesseettoo Paaseekaa Moketee, Rooyitarsi akka gabaasetti.
Poolisiin ajaja qopheessaa jira. Bor himanni irratti banama jedhamee eegama jedhan.
Ministirri Muummee maal jedhan?
Mr Toomaas Tabaaneen raadiyoo mootummaa biyyichaa irratti biyya kana haala gaariin tajaajileera. Ji'a Waxabajjii keessa ammoo sooraman baha jechuu isaanii Rooyitarsi gabaseera.
''Nageenyaa fi tasgabbii biyya kanaaf hojjedheera. Har'a...umuriikoo kanaan humna koos fixeera,'' jedhan.
Qaamni biyyicha bulchaa jiru All Basotho Convention hanga har'aatti aangoo isaanii akka gadhiisaniif guyyaa xumuraa kenneeraaf.
Haati warraa isaanii akkamiin ajjeefamte?
Lipooleeloon osoo ganda naannoo magaalaa Maseeruu jirtuu gara mana isheetti deebi'aa jirtuuti daandii irratti itti dhiyeenyaan rasaasaan rukutamtee ajjeefamte.
Yeroo ajjeefamte garuu abbaa warraa ishee waliin wal hiikuuf adeemsa keessa turte jedhama.
Yeroo sana abbaan warraa ishee jechuun MM Toomaas Tabaaneen akka haadha warraa isaaniitti Ma'eessaah Tabaanee kan amma fuudhanii jiran waliin jiraachaa turan.
Ministira Muummee tahuun muudamuuf qophii irra waan turaniifis haati warraa isaanii ajjeefamte kun giifti duree tahuun ishee akka mirkanaa'ufiif mana murtiitti falmii tureen irra aantee ture.
Muudama isaanii guyyaa lamaan dura erga ajjeefamtee haati warraa isaanii amma sirna muudamichaa irratti waliin argamteetti.
Mr Toomaas ji'a lamaan haati warraa isaanii ajjeefamtetti haadha warraa isaanii amma kana fuudhan. Kanaaf harka keessaa qabdi jedhamuuni kan himanni ishee irrattis baname. Garuu mirga wabii $67'n gadhiifamuun beellamaan dedebi'aa jirti.