Daandiiwwan qilleensaa US tajaajila mobaayilii 5G balaliinsa jeeqa jechuun akeekkachise

Maxxanfame

Daandiiwwan qilleensaa gurguddooon Ameerikaa 10 tajaajilli mobaayilii 5G Amajjii 19, 2022 eegaluuf jiru balaliinsawwan xiyyaaraa irratti ''jeequumsa cimaa'' qaqabsiisuu akka danda'u akeekkachiisan.

Tajaajiliiwwan bilbila mobaayilii Verizon fi AT&T 5G ''guutummaatti rakkina diinadgee'' qaqabsiisuu danda'a jedhan.

Daandiiwwan qilleensaa kunneenis cararaan C-band 5G sirnawwan bohaartii xiyyaarootaa keessattuu kanneen haala qilleensaa gaarii hin taanee keessa imalan irraan gahu danda'a sodaa jedhu kaasu.

Akeekkachiisni kunis xalayaa abbaa Taayitaawwan aviyeeshinii US'tti ergameen kan kenname.

Hogganaan Olaanaan Daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa, Daandiin Qilleensaa Deltaa fi Daandiiwwan Qilleensaa Yunaayitid kaanis, raabsaa talaalii dabalatee ''imaltoota daandii qilleensaa, doonii, dhiiyeessitoota hidhataa fi dhiyeessitoota qorichoota barbaachisanii irratti osoo jeequumsi guddaan hin qaqabiin jidduu haa gallu,'' jedhan.

BBCn xalayaasaanii kana kan arge yoo ta'u, xalayichis Barreessaa Geejjibaa Pitar Butigegii akkasumas hogganaa Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa (FAA), dura taa'aa Komishinii Kumunikeshinii Federaalaa fi daariktera Kaawunsilii Diinagdee Biyyaaleessaatti ergame.

BBCnis waa'ee dhimma ''haala baayyee yaaddeessaa'' jedhame kanarratti mariin sadarkaalee olaanaatti motummaa UStti gaggeeffamaa jiraachuu bareera.

Daandiiwwan qiilleensaa kunneenis cararaawwan 5G akka ''haaluma FAAn Amajjii 19, 2022 ibsameetti, tilmaamaan bakka xiyyaaroonni ka'uuf irra balalii'an irraa fageenya maayilsiiwwan lamaaakka fagaatu barbaaduu.''

''Haala akkasiitiin 5G osoo indastirii aviyeeshin, geejjiba ummataa, adeemsa dhiyeessitiifi tamsaasa talaallii, hunda hojjataa keenyaafi diinagdee guddaa irratti dhiibaa hintaasifne akka hojiirra oolfamuuf ni dandeessisa.

"Kanaafi AFF buufataalee daandiiwwan qilleensaatti dhiyeenyaan argaman gurguddaa atattamaan akka adda baasuun, rakkinsa nageenyaa geessisaniin akka hambiisuuf gaaffanna,'' jedhan.

Yaaddoon kunis dhiheenya kanas dhaabbilee xiyyaara oomishan gurguddaa lamaa, Airbus fi Boeing kaafamee ture.

Gareen daandii qilleensaa akkas jedhan.''Oomishtootni xiyyaaraa balaliiwwan hedduu yeroo hin beekamneef dhaabbachuu qabu jechuun nutti himaniiru.

''Jeequmsa naannootti uumeen dabalata, hanqinni xiyyaarota qaamni isaanii gurguddaa fayyamu mul'atu lammiilee Ameerikaa kumaatama biyya alaatti akka danqaman taasiseera.''

Ibsa Dilbata baheen, FAA qaamni nageenya aviyeeshinii US kan to'atu, yeroo tajaajilli 5GC buufataalee daandii qilleensaa keessatti hojiirra oolu xiyyaarotni daldalaa %45 tahan osoo haala gaariin isaanitti hin mul'atiin [low-visibility landings] qubachuu danda'u'' jedhe.

Itti dabaluun ''qaama xiyyaarota Boeing fi Airbus jedhamaniif meeshaa elektirooniksii radio altimeter akka galuufiif raggaasisuu hime.

Meeshaan kun fageenya xiyyaarichaa fi gaara ykn lafa itti qubachuuf jedhu gidduu jiru himudha.

''Waan kun hundi mirkanaa'eefiiyyuu ammayyuu balaliin buufata xiyyaaraa tokko tokko inuma miidhamu,'' jedhe.

FAA kaampanota xiyyaara oomishan waliin tahun akkaataatti raadiyoo altimetiriin kun to'annoo balalii keessatti hojiirra ooluu danda'a kan jedhu irratti itti fufee hojjechaa jira.

Imaltootni xiyyaara isaanii keessa taa'uun bakka 5G galee jirutti haalli qilleensaa raagamuu danda'uu isaa adda baasuu qabu.

Kaampaanotni Moobaayilii oomishan doolaara biliyoonotaan baasuun neetwoorkii isaanii gara 5Gtti gudisuun tajaajilli interneetii saffisa guddaa qabu akka hojiirra oolu gochaa jiru.

Tajaajilicha hojiira oolchuuf sodaa aviyeeshinii irraa kan ka'e harkifannaa baay'een jira. Silaa ji'a Muddee fi jalqaba bara kanaatti hojiirra oola jedhamee ture, garuu lamaanuu duubatti harkifateera.

Indaastiriin tajaajila shuboo-maleessaa [wireless] US CTIA jedhamu tajaajilli interneetii 5G rakkoo homaatii hin qabu, indaastirii aviyeeshiniitu sodaa fi odeeffannoo qulqulluu hin taane facaasaa jira jedhe.

''Harkifannaan kun miidhaa qaqabsiisa. Waggaa tokkoof duubatti harkisuun yeroo biyy keenya weerara koroonaa irraa bayyaanachaa jirtutti guddina dingadee irraa doolaara biliyoona 50 tahu hir'isa,'' jedhe hojii gaggeessaa ol-aanaan CTIA Merediit Atweel Baaker, ji'a Sadaasaa keessa akka maxxansetti.

Odeessaalee walfakkaata: