Maatiin Obbo Jawaariifi kaan poolisiin ganama to'atee ture wabiin gadhiifamuu abokaatoon isaanii himan

Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, OMN

Maxxanfame

Maatii Obbo Jawaar Mahaammadiifi konkolaachisaan maatii obbo Baqqalaa Garbaa, akkasumas hakiima isaani kan taate Dr. Ilillii Jamaal har'a ganama mana jireenyaa isaaniitti humnoota nageenyaa mootummaan to'atamanii akka ture abukaatoo Obbo Jawaar fa'a keessa tokko kan ta'an Obbo Tuulii Baayisaa BBCtti himan.

Poolisoonni to'atanii erga gara buufata Boolee Bulbulaa geessanii booda wabiidhaan gadhiifamuu isaanii BBC'n Abokaatoo isaanii kanarraa odeeffateera.

Obbo Tuuliin sababa maaliif akka to'annoo jala oolchan hin beeknu jedhan.

Dhimma kana irratti Komishinii poolisii magaalaa Finfinnee dubbisuuf yaaliin goone hin milkoofne.

Maaltu ta'e?

Har'a ganama sa'aatii 12:00 irratti poolisoonni mana obbolaan Obbo Jawaar Mohaammadfaa kireeffatanii ''nyaata qopheessaafiif jiranitti marsanii nama mana sanatti argame hundumayyu fuudhanii deeman,'' jedhu Obbo Tuuliin.

Konkolaachisaan Obbo Baqqalaa Garbaas nyaata qabatanii kan maatii Obbo Jawaar biraas fuudhaniii gara Qaallittii geessuudhaaf achitti tures maatiidhuma Obbo Jawaar waliin poolisoota kanaan to'atamee akka ture himan.

Kana malees, 'wanti akka qufaa kun mana hidhaa Obbo Baqqalaanfaa jiranitti waan mul'ateeruuf Qaallittii deemtee isaan ilaaluuf jettee Dr. Ilillii Jamaalis yeroo sanatti waliin to'atamtee' turuu dubbatu Obbo Tuuliin.

"Sa'aatii sanatti namoota achitti argaman dabalatee gara namoota torba ykn saddeeti ta'anii gara buufata poolisii Kutaa Magaalaa Boolee geessani.

''Boodarra homaa wanti qulqulleeffanne hin jiru, wabiidhaan baatu jechuun nama Libiree konkolaataa qabu jennaan sana barbaadaa osoo jirruu deebiyanii garuu wabiidhuma namaatiin namni mallatteessee bahan."

Kanaan alatti tibba kana waa'ee Obbo Jawaarfaa ilaalchisee wanti haaraan akka hin jirre BBCtti himan Obbo Tuuliin.

Obbo Baqqalaa Garbaafi Obbo Jawaar Mohaammad

Madda suuraa, OMN

Akka dhaga'anitti, odeeffannoo manni sakatta'aameeru jedhu dhugaa akka hin taane himuun, namoota achitti arganii qaban akka sakatta'an dubbatan.

Poolisoota magaalaa Finfinneefi kan Federaalaa wal makanii akka achi turan dubbatu Obbo Tuuliin.

Eegasii deebiyanii sokkuu isaanii BBCtti himaniiru abokaatoon Obbo Jawaarfaa kun.

Namootni to'atan gara Torbaa tahan har'uma sa'a booda erga buufata poolisiitti hidhamanii booda wabiin gadhiifamuu himan.

Obbo Jawaar, Obbo Baqqalaafi kaan ajjeechaa weellisaa Hacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara uumuun shakkamanii poolisiin to'ataman.

Qondaaltonni paartii mormituu KFO Obbo Jawaar fa'i himannaa poolisiin irratti kaase hin fudhatani.

Yeroo ammaa himannaan irratti banamee dhimma isaanii mana murtiitti hordofaa jiru.