Lammiin Kooriyaa Kibbaa haala hin baramneen gara Kooriyaa Kaabaatti miliqe

Maxxanfame

Lammiin Kooriyaa Kibbaa daangaa eegumsa cimaa qabuu fi zoonii waraanarraa bilisaa (DMZ) darbuun, miliqee Kooriyaa Kaabaa seenuu isaa humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa hime.

Sa’aatii dheeraaf loltoonni Kooriyaa Kibbaa barbaachaa turanis namni kun dhokatee darbuu danda’eera.

Hoggantoonni Waraanaa Sewul keessa jiran, namni kun ammayyuu lubbuun jiraachuu isaa akka hin beekne himuun, akka eegumsi taasifamuufif garuu ergaa gara Kooriyaa Kaabaatti akka ergan himaniiru.

Yeroo weerara Koronaavaayirasiitti Kooriyaan Kaabaa ajaja haaraa ‘akkuma agartaniin itti dhukaasaa’ (shoot-on-sight) jedhu dabarseera.

Namni kun daangaa DMZ jedhamu, kan biyyoota Kooriyaa lamaan addaan qoodu keessatti kan jalqaba argame Sanbata galgala 3:20 irratti ta’uu, Kooriyaan Kibbaa himteetti.

Namni kun sababa maaliin gara Kooriyaa Kaabaa miliquuf akka murteesse wanti beekame hin jiru.

Aanga’oonni Ittisaa Sewul jiran, erga haalli wal fakkaataa kana duras uumameen, sirna ittisa daangaa cimsuuf waadaa seenaniiru.

Fulbaana 2020 keessa loltoonni Kooriyaa Kaabaa, hojjataa qurxummii kiyyeessaa galaanaratti bakka buuteen isaa dhabame, dhukasanii ajjeesuun gubaaniru. Kun ammoo dheekkamsa guddaa kaasee ture.

Kooriyaa Kaabaan seeraa farra-vaayirasii himachuun, dhiifama gaafataniiru.

Hoogganaan Kooriyaa Kabaa Kim Jong-un, kana dura lammiin Kooriyaa Kibbaa koronaavaayirasii qabu Kooriyaa Kaabaa seeneera jechuun magaalaa tokko cufee ture.

Weerara koronaavaayirasiin wal qabatee dhorkii sochii biyyattii keessa turerraan kan ka’e lakkoofsi namoota Kooriyaa Kaabaa irraa gara Kooriyaa Kibbaatti miliqanii hir’isee ture.

Daangaan Kooriyaa Kibbaa fi Kaabaa gidduu jiru addunyaa keessatti bakkeewwan eegumsa guddaa qaban keessaa tokkodha.

Daangaan kun dallaa elektirikii, kaameeraa, boombiiwwan awwaalamanii fi loltoota saa’aatii 24’f socho’aniin eegama.