Kooriyaan Kibbaa pireezidantii duraanii Park Geun-hye'f dhiifama goote

Maxxanfame

Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in Pireezdantii duraanii biyyattii kan yakka malaammaltummaan himatamanii hidhaan waggaa 22 itti murtaa'e Park Geun-hye'f dhiifama godhan.

Qondaalli siyaasaa gameettiin umrii waggaa 69 kun erga aangoorraa buqqifamuun akka himatamtu murtaa'ee booda bara 2018 osoo aangoorraa hin bu'iin dura aangoo seeraan ala fayyadamuun malaammaltummaa raawwachuun adabamte.

Park Geun-hye pireezidantoota Kooriyaa Kibbaa filannoo dimokiraasiin aangoo qabatan keessaa nama jalqabaa aangoorraa buqqifamtedha.

Park Geun-hye dhibee hamaa maashaalee harkaa fi qaamashee mudhii gadiin garmalee dhibamtee bara kana keessa qofa yeroo sadiif hospitaala seenteetti.

Miidiyaan biyyattii Yonhap akka gabaasetti Park Geun-hye namoota Pireezdant Moon bara haaraa ilaalchisuun dhiifama godhaniif keessaa tokko, sababni isheen itti dhiifama argatteef keessaa inni ijoon rakkoo fayyaa ishee mudateedha.

Pireezidant Moon Jae-in kanaan dura dhiifama wanti jedhamu akka hafu murteessanii waan turaniif, tarkaanfiin amma fudhatame kun namoota hedduu ajaa'ibsiiseera.

Ministirri Muummee dubartii jalqabaa biyyattii kan yakka matta'aa nyaachuun himatamtee bara 2015-2017 hidhaa turte Han Myeon-sook carraa kanaan yakka raawwatterraa walaba ta'uunshee labsameera.

Park Geun-hye himataawwan bara 2018 irratti dhiyaatan 18 keessaa 16 raawwachuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, himataawwan kunneenis irra jireessaan aangootti garmalee dhimma bahuu fi malaammaltummaan walqabatu.

Tujaarota dhuunfaa hiriyootashee ta'an michoomfachuun kubbaaniyyaawwan elektirooniksii biyyattii kanneen akka Samsung hacuucuu, ragaa iccitii mootummaa dabarsitee hiriyaasheef kennuu fi aangootti fayyadamuun waan feete murteessuun yakkoota manni murtii ittiin ishee adabeedha.

Hoogantuun duraanii kun himata kana hunda ni haalti.

Park jalqaba hidhaa waggaa 30 fi maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 16.8 itti murtaa'ee ture, boodarra garuu adabbiin kun fooyya'eefii hidhaa waggaa 15 yakka malaammaltummaan, waggaa 5 ammoo aangoo seeraan ala fayyadamuun, walumaagalatti waggaa 22 ta'eef.