Akkaataan guddisa daa'immanii biyyoota lixaa kan biyyoota kaanii irraa maaliif adda ta'e?

Hawaasi biyyoota lixaa daa'imman isaanii waliin kutaa adda addaa keessa ciisaa guddisu, gaarii daa'immaniif qophaa'e keessa kaa'anii bakkee keessa oofu-gochoonni kunneen mala guddisa daa'immanii biyoota lixaa kan biyyoota kaaniirraa adda taasisu.
Daa'imman addatti raffisaa guddisuun aadaa dhiyeenya baratamee fi kan addunyaa mara wal hin geenyedha.
Biyyoota hedduu keessatti daa'imman waliin kutaa tokko keessa, gaaf kaan ammoo siree tokkorra rafuun aadaa durii ka'ee eegamaa yoona ga'eedha.
Sagantaadhaan raffisuu, yeroo hirribaa shaakalsiisuu fi gaarii daa'immaniif qophaa'een bakkee keessa oofuun guddisa daa'immanii warra lixaa keessatti akka ulaagaatti fudhatama.
Maatiin UK fi US daa'imman isaanii hanga ji'a ja'a ga'anitti kutaa tokko keessa waliin rafu, hawaasa kaan keessatti ammoo waggoota dheeraaf waliin rafu.
Qorannoon bara 2016 gaggeeffame daa'imman siree fi kutaa maatii waliin qooddataa guddatan biyyoota Eeshiyaa keessatti akkaan olaanaadha.
Fakeenyaaf Indiyaa fi Indooneeshiyaa keessatti dhibbeentaa 70, Sirilaankaa fi Veetnaam keessatti ammoo dhibbeentaa 80.
Akkaataan guddisa daa'immanii biyyoota Afrikaa keessattis haala adda addaan mul'ata.
Indiyaa magaalaa Bangiloor keessatti doktara gorsa maatii kan taate Debmita Dutta daa'imman waliin siree tokkorra rafuun jeequmsa halkan isaan mudatu hambisuuf gargaara jette.
Daa'imni ishee dhalattee hanga waggaa torbaatti kutaa ciisichaa tokko keessa rafuu kan dubbattu Doktar Dutta, intalli ishee hanga yoonaa ishee waliin kutaa tokko keessa rafuu akka feetu dubbatti.

Biyyoota lixaa hedduu keessatti daa'imman kophaatti ba'anii akkaataa rafuu danda'an shaakalsiisu, daa'imman ofiisaaniin boo'anii fixatanii wayita dadhaban akka yeroo dheeraaf rafan godhu.
Awustiraaliyaa keessatti bakki daa'imman akka hirriiba rafuu shaakalan keessa tursuufaman-giddu galli mootummaan deeggaramu ni jira.
Daa'imman ganamumaan akka of danda'an gochuun kun aadaa jireenya dhuunfaadhaan gaggeeffachuu warra lixaa biratti baratame shaakalsiisuu waliin walsima.
Kanarraa kan ka'e biyyoota lixaa biratti daa'imman waliin siree tokkorra rafuun akka waan hirkattummaa daa'immanii babal'isaniitti ilaalama.
Dutta kanarratti wayita yaada kennitu: ''wayita ijoollee of bira raffisan inumaa ofitti amanamummaa itti horu. Dhawaataan ijoolleen of danda'anii akka ba'an gorsan ni argatu. Ijoolleen umriisaanii guutuu maatiirratti hirkatanii hin hafan,'' jette.
Dhiibbaan aadaa bakka daa'imman rafan qofa osoo hin taane yoomii fi yeroo hagamii akka rafan irrattis dhiibbaa uumeera.
Qorannoon Hoogganaa Wiirtuu Qorannoo Fayyaa Tokyo Bay Uraasuu Jun Kohyama fi waahillan isaan qoratame daa'imman Jappaan erga ji'a sadi guutanii booda kanneen biyyoota Eeshiyaa biroon gadi rafu.
Sababni isaa ammoo Jappaan keessatti hirribni akka mallattoo dadhabummaatti ilaalama jedhe.
Akka qorataa kanaatti maatiin daa'imman akka qaama isaaniitti waan ilaalaniif Jappaan keessatti daa'imman maatii waliin siree tokkorra rafuun aadaadha.
Akkaamiin dhimma daa'immanii US American Academy of Paediatrics jedhamu daa'imman maatii waliin kutaa tokko keessa rafuun dhuibee tas daa'imman galaafatu- sudden infant death syndrome (SIDS)- jedhamu ittisuuf gargaara jedhe, daa'imman waliin siree tokkorra rafuun ammoo dhibee kana hammeessa jedhe.
Insititiyuutii saayinsii fayyaa Indiyaatti pirofeesar kan ta'an Rashmi Das bakka dhugaatii fi tamboon hin jirretti daa'imman yoo maatii waliin rafan dhibeen kun ni mudata jedhee hin yaadu jedhan.
Qorannoon dhimma guddisa daa'immanii kun biyyoota dureeyyii irratti kan qiyyaafateedha, biyyoota kunneen keessatti daa'imman waliin siree tokkorra rafuun hin baratamne.
Biyyoota hiyyeeyyii-kan daa'imman waliin siree tokkorra rafuun aadaa itti ta'etti-carraan daa'immaan dhibee kanaan du'uuf qaban akkaan gadi aanaadha.

Fakkeenyaaf lammiileen Paakistaan UK keessa jiraatan daa'imman isaanii waliin siree tokkorra bulaa guddisu, garuu dhibeen kun wayita daa'imman galaafatu baay'inaan hin mul'atu.
"Dhibee SIDS waliin kan walqabatu aadaa guddisa daa'immanii fi amala maatiiti,'' jetti Yuuniversitii Durhaamitti pirofeesarri antirooppooloojii Helen Ball.
Haadholiin Paakistaan kanneen UK keessa jiraatan daa'imman isaanii sadarkaa olaanaadhaan harma hoosisu, carraan dhuguu, xuuxuu fi daa'imman addatti raffisuu isaaniis gadi aanaadha-kunimmoo daa'imman balaa dhibee SIDS'n miidhamuuf carraa qaban gadi buuseera.
Kanaafuu daa'imman addatti raffisuurra, of biratti raffisanii kunuunsaa amaloota akka dhugaatii fi xuuxuu ofirraa ittisuutu barbaachisa jetti Helen.
Daa'imman uumamaan haadha yookiin abbaasaaniitti dhiyaatanii guddachuu fedhu.

"Waggoota dhibba yookiin kumaatama keessatti akkaataan uumamaa fi amalli daa'immanii jijjiirama hagas mara agarsiisee hin beeku. Aadaan guddisaa garuu jijjiirameera. Akkaataan guddisa daa'immanii waggaa gabaabaa keessatti akkaan geeddarameera,'' jette Helen Ball.
Daa'imman umriidhaan guddatan yeroo hirribaa halkan fayyadamuu qabu yaadi jedhu qorannoo bara 19500ta keessa gaggeeffameen dhiyaate.
Yeroo sana daa'imman 160 Landan keessa jiraatan keessaa dhibeentaa 70 kan ta'an umrii ji'a sadirraa eegalanii yeroon hirribaa isaan fayyadaman halkan guutuudha.
Dhibbeentaa 30 kan ta'an ammoo yeroo kanatti guutummaatti walitti fufiinsaan rafuuf ni rakkatu.

Akkaataa hiriiba daa'immanii fi yeroosaan itti rafan irratti qorannoon baay'inaan kan hojjetame biyyoota lixaa irrattidha kan jettu Helen Ball, kun ammoo biyya addunyaa mara bakka hin bu'u jette.
Akkaataan guddisa daa'immanii, aadaan hawaasaa fi duudhaan jiru biyyaa biyyatti garaagara, biyyuma tokko keessattuu akkaataa aadaa hawaasaatti adda adda ta'uuu mala jette.
Waan hundaafuu daa'imman addunyaa kanaaf keessummaa ta'an kan humnaa fi dandeettii tokkollee hin qabne maatiirraa deeggarsa ga'aa fi guutuu argachuu qabu jetti Duttan.
"Wanti nuti hubachuu qabnu daa'imman akka nama beekaa miti. Uumama homaa hin beeknetu addunyaa kanatti dhufe. Kanaafuu kunuunsa sirrii gochuuf dirqama qabna.''















