Ji’oota sadii hidhaa kan ture Obbo Abrahaa Dastaa hiikame

Maxxanfame

Turtii mana hidhaa ji’a sadii guutuuf deemuun booda dura ta’aan Paartiin Arenaa Tigraay Obbo Abrahaa Dastaa hidhaatii bahe.

Obboleessi Obbo Abrahaa Obbo Tawaldee Dastaa BBCtti akka himanitti, wabii Birrii kuma kudhaniitiin gadhiifame.

Obbo Abrahaam Dastaa hidhaatii bahu isaa ilaalchisuun fuula Feesbuukiirratti, “turtii hidhaa guyyoota 82 booda wabii Birrii kuma 10tiin hiikameera,” jedhe.

Obbo Tawaldeen obboleessi isaa Obbo Abrahaa mana hidhaa Maa’ikelaawwii Finfinneetti argamu keessatti hidhamee akka ture BBCtti himeera.

“Haala yeroo ammaa jiru ilaalcha keessa galchuun natti fakkaata kanan wabii Birrii kuma 10niin hiikameef. Fulbaana 20 hidhamee booda turtii ji’oota sadiitti siquun booda hidhaatii bahe.”

Ji’oota dura, baatii Waxabajjii keessa Tigraay irraa gara magaalaa Finfinnee dhufuun hoteela kireeffatee jiru keessaa humnoota nageenyaatiin to’annoo jala akka oole maatiin isaafi Paartiin Arenaa BBCf ibsaniiru.

Obbo Abrhaan hoteela naannawaa Arat Kiilootti argamu keessaa poolisoota lamaafi namoota tikaa uffata sivilii uffatan biroo waliin yeroo to’atametti, meeshaa seeraan alaa akka qabate poolisiin itti himuu isaa miseensi maatii BBCf ibsanii turan.

Obbo Abrahaan aanga’oota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay keessaa tokko kan ture yoo ta’u, meeshaa bulchiisni yeroo Tigraay hidhachiise qabaachuu himu maatiin.

Obbo Abrahaan meeshicha kan kenneef bulchiinsa yeroo Tigraay ta’uu poolisiif ibsuurrayyu darbee, sanada isaa waliin qaamolee nageenyaatti akka kenneefi poolisiinis sanadicharratti akka mallatteessee ture miseensi maatii dubbatanii ture.

Poolisiin sababa maaliitii Obbo Abrahaa Dastaa to’annoo jala akka oolfaman ifatti kan jedhe jiraachuu baatus, maatiin Obbo Abrahaa BBCn dubbise garuu meeshaa seeraan alaa qabateera jechuun himanni irratti banamuu isaa ibsanii turan.

Obbo Abrahaa Dastaa yeroo Tigraay keessatti waraanni jalqabetti bulchiisa yeroo Ministira Muummee Abiy Ahmad (PhD) tiin hundeeffame keessatti hogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa ta’uun ji’oota ja’af kan hojjete yoo ta’u, humnoonni mootummaa yeroo Tigraay keessaa bahanitti gara Finfinnee deemuun isaa ni yaadatama.

Obbo Abrahaan Finfinnee keessatti hidhaa jumlaa dhalattoota Tigraay irratti gaggeeffamaa jiru miidiyaa hawaasummaa isaarratti mormii isaa ibsachaa akka ture ni yaadatama.

Obbo Abrahaam filannoo A L I bara 2007 dursee Adoolessa 2006 yeroo bulchiinsa ADWUI keessatti Ginbota 7 fi Paartii Damhaat jehamu waliin hariiroo qaba jechuun waggoota lamaaf hidhaarra ture.