'Obbo Abdii Raggaasaa ji'a torbaaf arginee hin beeknu' - Abukaatoo

Maxxanfame

Wiixata kaleessaa qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Abdii Raggaasaa gadhiifamaniiru jechuun wanti odeeffame dhugaa miti jedhan abukaatoon isaaniifi dhaabi ABO.

Tibbana namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa qondaalli ABO kuni hiikamuu barreessaa turan.

Abukaatoonsaanii Obbo Tuulii Baay'isaa akka jedhanitti Obbo Abdiin bakka itti hidhamanii jiran magaalaa Galaan keessaa baafamanii bakka biraa geeffaman oduu jedhu malee hiikamuusaanii hin dhageenye jedhan.

''Hiikamuu kan jedhu homaa hin argine, Amma wantin beeku yoo jiraate ganama bakka itti hidhanii fuudhanii ba'uusaanii dhagaheera. Gara Galaan kanaa fuudhanii deemaniiru jechuun dhagahe. Iddoo biraa eessa akka geessan garuu wantin beeku hin jiru,'' jedhan Obbo Tuuliin.

Hoogganaan Sab-quunnamtii Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Lammii Gammachuu, Obbo Abdiin akka hin gadhiifamne mirkaneeffachuu BBC'tti himaniiru.

''Miidiyaa hawaasaa irraa dhagahaa turre. Garuu Jaal Abdiin Komishinii Poolisii Oromiyaa erga geeffamee booda bakka itti hidhamee ture, magaalaa Galaanitti, deebifame malee hin hiikamne. Kana qulqulleeffanne.''

Waggaa lamatti dhihaatuuf hidhaa kan jiran Obbo Abdii Raggaasaa, erga mana murtiitiin mana hidhaatii akka gadhiifaman murtaa'ee, booda qaamolee nageenyaan 'butamanii' dhabamanii, maatii fi abukatoon quba akka hin qabne himu Obbo Tuuliin.

''Waggaa lama guutuu abukaatummaan isaan duukaa dhaabbachaa tureera. Hanga gaafanni bilisa jedhamuutti namoota muraasa waliin abukaatoo taaneefii bira dhaabbachaa turre. Booda garuu bakka hin beekamnetti hiinaan dhiifne. Walargaa hin turre.''

Erga Waxabajjii 17 manni murti bilisa jedhee manni hidhaa gadi dhiisee booda balbalumarratti qaamoleen nageenyaa fudhatanii badan jedhu Obbo Tuuliin waan kana dura raawwate jedhan yoo ibsan.

''Ergii gaafa sanaatii qaamaan wal hin argine. Maatiinis hin argine, abukaatoo waliinis ta'e fira kamiinuu walarganii hin beekan,'' jechuun ji'a torbaaf Obbo Abdii arganii akka hin beekne himan.

Ajjeechaa itti-gaafatamaa waajjira bulchinsaafi nageenyaa magaalaa Buraayyuu Obbo Solomoon Taaddasaa fi yaalii ajjeechaa namoota biroo isaan waliin turan irratti raawwateen shakkamuun Guraandhala bultii 29, 2020 ture Obbo Abdii Raggaasaan to'annoo poolisii jala kan oolan.

Obbo Abdiin kana dura ajajaa olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo ta'un dhaaba ABO keessa tajaajilaa turan.

Odeessaalee dabalataa: