Roobootiin nyaata mi'aawaa akka fedha keessaniitti qopheessu hojii eegaluu dhaggeessanii?

Roobootiin nyaata qopheessuufi Z Moolii jedhamu

Madda suuraa, Moley Robotics

Maxxanfame

Bara kana keessa roobootiin hojiiwwan namootaan raawwataman hedduu hojjachuu eegaluun himamaa jira.

Tibbana ammoo roobootiin nyaata baayyee mi'aawaa ta'e tolchu hojii eegaluutu dhagahame.

Kubbaaniyyoonni teeknoolojii muraasni roobootii namoota dhuunfaafi dhaabbileef dhangaa bareedaa bilcheessuun dhiyeessu hojjachaa jiru.

Kubbaaniyyoota kanneen keessaa tokko kan ta'efi Landanitti kan argamu 'Moolii Roobotiksi' bara dhufaatti roobootiiwwan nyaata qopheessan gabaaf dhiyeessuuf karoorfateera.

Roobootiiwwan baaxii mana nyaata itti qopheessan keessatti hidhaman kunneenis harka sibiilaa lama kan qaban yoo ta'u, isin irraa kan eegamu nyaata attamii nyaachuu akka barbaaddan dubbachuu qofaadha.

Roobootiin nyaata gosa kuma shan ta'u bilcheessuu danda'u kunis waan isa barbaachisu gunnaaniif nyaata barbaaddan bilcheesuun dhiyeessa jedhameera.

Roobootiin kunis nyaata dhandhamachuun alatti, qullubbii qunciisuu, nyaataa sochoosu, soogida itti dabaluun waan namni tokko raawwatu hunda ni raawwata.

Dhaabbanni roobootii kunis nyaatawwan qopheessuu mirkanneessuuf oggeessaa nyaataa beekamaa kan ta'e Tiim Indarsan waliin hojjataa jira. Tiim waggaan dura dorgommii nyaataa qopheessuu BBCn qophaa'ee mo'ateera.

Roobootoonni kunneenis Tiim wayita nyaataa qopheessuu waan raawwatu hunda hordofuun akka hojjataniitti kan qopheeffaman.

''Ani kutaa nyaanni itti bilchaatu keessa seenee yoon nyaataa hojjachuu eegalu kompitaroonni roobootiksii Moolii sochii kiyya hunda galmeessanii olkaa'u. Isaan booda ragaalee kanneen roobootiiwwanniif kennu,'' jedha.

"Hojjattoonni dhaabbatichaa ammoo harki roobotootaa attamiin hojjachu fi attamiin waan hunda sirreessee naquu akka qaban baruuf ragaalee barbaachisan hunda kennuuf. Isaan booda nyaataa dhandhamisaa walfakkaatuufi kan yeroo hunda wal fakkaatu qopheessuu ni danda'u.''

Gatii roobootii nyaataa qopheessu kanaas paawundii kuma 150 ykn birrii Itoophiyaa miiliyoona 9.5 ta'a jedhameera. Roobootiiwwan tajaajila walfakkaataa kennan akkasumas Ingliziin alatti, Israa'eeliifi Ameerikaa keessattis hojjatamaa jiru.

Oggeessa nyaataa Tiim Andarsan kan roobootiin sochiisaa hordofuun nyaataa qopheessuu

Madda suuraa, Paul Winch-Furness

Oggeettiin gorsaa lammii Ameerikaa Juuliiyaa Seegaal, gatii rooboota kanneenii wal jalaan hir'ataa akka adeemu himti.

''Ammaan tana roobootiiwwan kunneen kushinaa nama dhunfaa keessatti argamu hindanda'an. Garuu ammoo waggoota muraasaan booda, teknooloojii yoo fooyya'aa adeemuutti gatiin rooboota kanneenii waljalaan hir'ataa deemuun hin oolu.''

Dhaabbanni Paazii biyya Faransaay keessatti piizaa hojjatu tokko kanneen teknolojii walfakkaataa fayyadman keessaa tokko.

Dhaabbanni kunis maandisoota teknolojii lamaan hundeeffame. Dhaabbatichis roobootaan deegaramuun piizaa hojjate gurgura.

Hojii daldala piizaa bara 2019tti Paariis keessatti eegalame kunis, ammaan tanas damee dabalataa Paariis keessaafi kan biraa ammoo Beeljiiyeem Biraasilsi keessatti saaqeera.

Dhaabbata kana keessatti adeemsi piizaa hojjachuu hundu kan raawwatamu roobootiidhaan. Ajajamanii daqiiqaa shan keessatti piizaa dhiyeessu.

Hundeessitoota dhaabbatichaa keessaa tokko kan ta'e Fiiliip Goo;dimaan akka jedhaniitti, roobootiiwwan of eeggannoo cimaan piizaa midhaawaa akka hojjatan taasifamuun hojjatamu dubbatu.

''Roobootiiwwan wayita bukoo qopheessaniitti yoo haphachuu ykn jabaachu argan battalatti sirreessu. Wantoota itti makaman hundaa of eeggannoo fi beekumsa olaanaan qopheessu.''

Wantoota piizaa tolchuuf barbaachisan hunda kan roobootiiwwaniif dhiyeessan garuu hojajttota dhaabbatichaati. Akkasumas hojiin maamiltoota simachuun keessuummeessuun kan hojjatan namootaan.

Amaan tanas roobootii piizaa hojjatu kana namoonni kuma tokkoo ol ta'an argachuuf gaaffii dhiyeessan. Abbootiin qabeenyaa Ameerikaa, Xaaliyaan, Jarmaniifi biyyoota biraa dhufan roobootiiwwan kanneen bitachuuf gaaffii dhiyeessaniiru.

Roobootiiwwan nyaataa qopheessan kanneen irratti gama qulqullina, nageenyaafi dhandhamaatiin gaaffiin irratti ka'u tokko akka hin jiraannee kan dubbattu ammoo oggeettii nyaataa Miikaa'eelaa Piisaaniiti.

Gamam biraatiin ammoo roobootoonni hojiiwwan namaan hojjataman waan fadhataniif yaaddoo qabaachu himti.

Roobootiiwwan kunneen yeroo gabaabaa keessatti biyyootaa hedduu keessatti bal'inaan hojiirra oolfamu baatan illeen, waljalaan garuu baramunsaanii waan hin oolleedha.

Keessattu qophii guddaaf deeggarsa roobootii barbaaduun yeroo dhihootti baramu danda'a kanneen jedhanis jiru.

Roobootichi tarree odeeffannoo sirnasaa to'achuuf qaba

Madda suuraa, Moley Robotics

Ibsa waa'ee suuraa, Roobootichi tarree odeeffannoo sirnasaa to'achuuf qaba