Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kaappitol Hiil: Manni US gaaffii Tiraampi ragaan isaa akka hin ilaalamne gaafate kuffiise
Manni Murtii Ol iyyannoo yaada pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp qorattootni hokkara Kaappitol Hiil akka ragaa isaa Waayit Haawus hin arganneef dhorkuu qaba jedhee gaafate kuffise.
Tiraamp qunnamtii inni kana dura raawwachaa ture kabajaa ol aanaan eegamuu qaba jechuun morme. Akka seeraatti ragaan pireezidantotaa icciitiin eegamuu qaba.
Haatahu malee pireezidaant Joo Baayidan aangoo isaanii fayyadamuun ragaaleen kunneen akka ilaalamaniif gaafatan.
Abbootiin seeraas Tiraamp hookkara Amajji 6 ka'e sana dursee beekuu isaa adda baasuuf ragaalee kanneen qorachuu barbaadu.
Deeggartootni Tiraamp gaafa Joo Baayidan filannoo pireezidantummaa mo'achuu isaaniif Kongiransiin waraqaa ragaa kennuuf jedhu gamoo Kongiransii US, Kaappitool Hiil weeraran.
Tiraampi filannicha irratti mo'amuusaanii hin fudhanne. Ragaa malee sagaleen najalaa waliin dhahameera jedhan. Tiraampi murtee Kamisa darbe irratti ammas ol iyyannoo fudhachuuf jedha. Sanaa booda gara Mana Murtii Ol aanaatti darba.
Abbootiin seeraa sadii Mana Murtee Ol Iyyannoo US, Dhaddacha Naanna'aa Bulchiinsa Kolombiyaa irraa pireezidantiin duraanii kun akka murteen Baayidan hojiirra hin oolleef kan gargaaru ''waan qabatamaaa'' nuuf dhiyeesse hin qabu jedhan.
Qaamoleen mootummaa lameen ragaalee kanneen argachuuf seerri adda tahe jiraachuu akka qabu irratti waliigalaniiru jedhan. Kunis haleellaa Kaappitool waliin kallattiin kan wal qabatan irratti tahuu himan.
Gaaffichi kan dhiyaate koree Mana Maree irraa hundaa'aniin yoo tahu, irra caalaan isaanii paartii Joo Baayiden Dimokiraatota irraati.
Koreen kun ammoo ragaalee haasaa bilbilaa, fi ragaalee biroo Waayit Haawus keessaa haleellaan Kongirensii irratti akka taasifamuuf akeekan qorachuu barbaadu.
Ogeessi seeraa Tiraampi kana dura himata ol iyyannoo mana murtiif dhiyeessan irratti maamilli isaanii '' mirga heeraan kennameef dhabuu fi mirga nama pirezidaantummaa mo'ate waliin wal dhabdee jiru irratti dubbachuuf qaban dhorkamuun miidhaa irraa fayyuu hin dandeenyeef saaxilamaniiru,'' jedhan.
Hookkara Kaappitol Hiil hordofee Tiraampi mana maree gad aanaanun aangoo irraa akka fonqolchame. Haa tahu malee mana maree ol aanaa miseensa Rippaabilikaanotaan guuteen bilisa bahan.
Hookkarichaan namootni 670 tahan to'annoo jala oolaniiru.