Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fonqolcha Tiraamp: Dimokiraatotni, Tiraamp namoota Kaappitol Hiil keessa turan 'du'atti dabarsee kenne' jedhan
Fonqolcha Tiraamp marsaa lammaffaa irratti senaaterootni viidiyoo haleellaa sodaachisaa deeggartootni Tiraamp geessisan agarsiisan.
Jechootuma Tiraampiifi Tiwiitera isaa fayyadamuun Dimokiraatotni himannicha dursan, Tiraamp guyyaa sanaa fi isa dura akka ''hogganaa dubbii kakkaasuutti'' raawwate jedhan.
Hoggantootni fonqolcha kanaa malaan jeequmsicha walitti qabuun dhiyeessan. Viidiyoon nageenyaa hin tamsa'iin ture jeeqxotni hammam akka miseensota seera baastotaatti dhiyaatan agarsiisa.
Poolisoonni galmicha keessa turan yeroo namootni siyaasaa gara bakka nagaa qabutti galchuun yeroo eegaa turan mul'ateera.
Sagalee viidiyichaa irraan dhagahamaa tureen, qondaalonni nageenyaa yeroo deeggarsa akka barbaadanii fi hookkara kan kaasan ulee fi gaazii fayyadamuun isaan dhaanaa jiraachuu himataa turan.
Bakka buutuu Isteesii Pilaaskeet ragaa yeroo dhiyeessite pirezidaantiin duraanii hookkaricha ''tahe jedhee kakaaseera'' hoggantoota ol aanoo itti aanaa pirezidaantii isaa dabalatee gara duddubaatti dhiiseera jedhan.
Amajji 6 bara 2021 deeggartootni Tiraampi kumaatamni himannaa sobaa filannoon na jalaa burjaaja'e jechuun dhiyaate deeggaruuf kumaatamni walitti qabaman.
Poolisii dabalatee namootni shan du'aniiru. Kun yeroo namootni hookkara kaasan gamoo waraqaan ragaa filannicha mo'achuu ibsu kennamu cabsuun seenanidha.
Gareen seeraa Tiraampi torban kana ittisa isaanii ni dhiyeessu. Haa tahu malee isaan himanni isa irratti dhiyaatan heeraan alaa fi fedha siyaasaaf jecha kan raawwatedha jedhan.
Tiraamp himatamuuf seeneetiin miseensota 100 qabu keessaa harka lama sadaffaan sagalee akka himataman deeggaru kennuu qabu.
Haatahu malee, miseensonni Rippaabilikaanotaa hedduun ammayyuu amanamummaa Tiraampiif qaban waan eegaa jiraniif bilisa bahun isaanii waan hafu miti.
Yoo himataman aangoo uummata kana booda qabachuu irraa guutummaatti dhorkamu.
Roobii maaltu tahe?
Adeemsa heera qabeessa tahuu isaan booda seenaterootni qorannicha ilaalchisee ragaa dhagahuuf guyyaa isa jalqabaa kan taa'an yoo tahu, gareen lamaan himata isaanii dhiyeeffachuuf addatti sa'aatii 16 qabu.
Himaticha kan dursan Jaamii Raaskiin, Tiraamp nama balleessaa hin qabne tahee dhaabbachuu hin danda'u. Sababni isaas jeequmsa ji'a darbee ''kakaasuun, dadammaqsuuniifi mijeessuun'' sana dura ji'ootaaf hojjechaa ture jedhan.
Maxxansa miidiyaa hawaasaa fi viidiyoo Tiraamp fayyadamuun akkamiin akka torbanootaaf ''Soba adii'' dubbachuun filannoon na jalaa hatameera jechaa kakaasaa akka ture ibsaniiru.
Viidiyoo inni Amajji 6 bara 2021 dubbachun ''abidda qabsiisee'' deeggartootni isaa akka gara Kaappitol Hiil deeman godhes fayyadamaniiru.
Viidiyoo kana dura hin gadhiifamneen kanneen hookkar kaasan gariin ittisa qaamaa uffachuun gamoo sana caccabsuun seenuun warra achi keessatti waraqaa ragaa filannichaa kennuuf taa'aan akka baasan agarsiisu fayyadamaniiru.
Viidiyoo kiliippii tokko irratti senaterri Rippaabilikaanotaafi kaadhimamaa pirezedaantii kan turan Miit Roomnii yeroo poolisii Kaappitol Hiiliin bakka naga qabeessatti geeffaman mul'ateera.
"Halleellaa kan geessisan bakkuma ati jirtu dhaabbatu... bakkicha dhuunfachuun caccabsan. Pirezidaantichi nu gargaaruuf homaayyuu hin goone, taa'ee gammadaa ture jechuun danda'ama,'' jedhe bakka bu'aa Deevid Siisilin Rippaabilikaanotatti yoo himu. ''Waan sirrii gochuu qabna, waan sirrii gochuus dandeessu.''
Erga adeemsichi xumurameen booda himannaa fonqolcha kana kan dursan, Tiraamp gochicha balaaleffachuu dhabuu fi deeggartootni isaa akka akkas hin goone waamicha gochuu dhabuu isaa irratti xiyyeeffatan.
"Pirezidaant Tiraamp nama hundumaa Kaappitol Hiil keessa turan du'atti kenne,'' jedhan bakka bu'aa kan tahan Joaquin Castro.