Timniit Gabruu Google irraa kan ari'amte jidduugala haqa teeknoloojii walabaa hundeessite

Madda suuraa, Getty Images
Oggeettiin hubannoo nam-tolche (Artificial Intelligence) Dr Timniit Gabru Jidduugala qorannoo teeknolojii walabaa hundeessite.
Oggeettiin hubannoo nam-tolchee Timniiti BBCtti akka ibsiteetti, Jidduugalli kuni dameen hubannoo nam-tolcheetiin daandii filmaata qorannoo ni saaqa jette amanti.
Wayita ammaatti damee kanarratti qorannoon kan gaggeeffamu manneen barnootaafi dhaabbilee teknolojii gurguddaa keessatti.
''Dhaabbileen barnootaa qorattootaaf cufaadha. Akkasumas bakka waliin dha'uufi saamiichi itti baayyatuudha,'' jetti Timniiti.
Kana malees dhaabbileen kan aangoorratti argamu gammachiisuuf waan hojjataniifu, adeemsa sagaleewwan filmaataafi yaadawwan adda ta'an ukkaamsuuf akka agarsiisan kaafti.
Haaluma walfakkaatuun dhaabbileen teknolojii qorannoon itti gaggeeffamu gurguddaanis kan nama ukkaamsan ta'u kaafti.
Waldhabdee Google waliin keessa seente yaadachuun, ''dhaabbileen gurguddoon adeemsa oggeessota akka kiyyaa jiran dhiibu diriirsaniiru,'' jetti.
Gama biraatiin ammoo motummoonis yoo ta'e hubannoo nam-tolchee kan deeggaran qorannoowwan meeshaalee waraanaa ilaallatan qofaarratti jechun qeeqxi.
Kanaafu jidduugalli isheen hundeessite kunis ''yaadawwan filmaataatiif eddoo kennuun dhaabbilee wal fakkaatan kan gara biraatiif ka'umsa akka ta'u abdiin qaba,'' jechuun BBCtti himte.
Teeknolojii haqa qabeessa ta'e akka jiraatuuf falmuun kan beekamtu Timniiti, dhaabbanni amma hundeessite haaraan kunis gareewwan loogiin irra gahamu karaa teeknolojiitiin dhiibaa dabalataa qaqabuu ittisuuf akka hojjatu kaafti.
Oggeettiin Google kutaa naamusa hubannoo nam-tolchee keessaa hojjataa turte Timniitii bara darbe hojiirraa ari'atamunshee ni yaadatama. Gochaan sunis oggeessoota biratti ijoo dubbii ta'e ture.
Jidduuggalli amma Timniit hundeessite kunis Distributed Artificial Intelligence Research Institute (DAIR) jedhama.
Dhaabbatichi rakkoolee karaa hubannoo nam-tolcheetiin hawaasa loogeeffaman irraa qaqabuu kan qoratuufi jijjiramaaf sochi kan taasisuudha jette.
Ummattootaa jurraachaafi magaaloota. dubbartootaafi kanneen humna hinqabne karaa bu'aalee teknolojiin loogiin irra ni gaha.
DHiibbaa jireenya guyyaa guyyaatiin isaan irra qaqabu karaa hubannoo nam-tolcheetiin akka itti hincimneef Timniitifi oggeessooon kaanis ni mormu.
Dhaabbanni isheen amma hundeessite kunis oggeessoota addunyaa mara irraa ni hirmaachisa. AMmattif xiyyeeffannoo olaanaan Afriikaafi Ameerikaa irratti.
Oggeessoota ammatti hirmaataa jira afur keessaa lama Keeniyaa fi Afriikaa Kibbaa irraa, lama ammoo Ameerikaa irraay.
''Namoonni bakka garaa garaa irraa dhufan akkasiin waliin yoo hojjatan bu'aa qabeessoo ta'uuf ni gargaara. Dhiibbaa xin-sammuus ni hir'isa,'' jetti.
Dhaabbatichi kun deeggarsa doolaara miiliyoona 3.7 Faawundeeshinii Maakartar, Faawundeshinii Foord, Jidduugala Kaapoor, Faawundeeshinii Opan Socsaayitii fi Faawundeshinii Fokfeelar irraa argameen kan hundeeffameedha.
Timniiti tajaajilli teeknoloojii Google kennaa jiruu gama naamusaatiin hanqiina akka qabu qeequusheetiif ture hojiirraa kan ari'atamte.
Google dabalatee dhaabbileen teeknoloojii gurgurddoonni tajaajilli fayyadamtoota isaanitiif keessattuu kanneen loogiin irra gahuuf dhiiyeessan haqa qabeessummaan ni hanqata jedhamuun qeeqamu.
Qorannoon Timniiti kana dura hojjattees kanaaf agarsiiftuudha. Fakkeenyaaf meeshaa fuula namaa ilaaluun eenyummaa namaa karaa hubannoo nam-tolcheetiin gargaaru irratti, fakkii dubartoota gurraa ilaaluun eenyummaasaanii adda baasuuf carraan ciruu baayyee murtaa'aa akka ta'e qorannichi agarsiiseera.
Qaawwan kanas kan umee meeshichi irra caalaa fakkii dhiiroota adiitiin kan leenjii'ee waan ta'eefiidha jetti.
Dhaabbanni Timniiti haaraa kunis dogongorawwan akkasii sirreessuun haqa qabeessuummaa teknolojii babal'isuuf akka hojjatu karoorfame.
Qorannoowwan dhaabbileen walabaa hojjatan ammoo dhaabbileen teknoloojii gurguddaan akka Google fa'i adeemsaafi imaammatawwan hubannoo nam-tolchee isaanii akka sirreessaniif gaafata.
Qorannoowwan dhaabbatichaan hojjatamanis waasaaleen sababii hubannoo nam-tolcheetiin miidhaan irra gahu kan qooddattan malee kan dhaabbiilee teeknolojii biratti hafuu qofaa akka hintaane eegama.













