Hakimiin miila maamilashee wallaanaa jirtu dogoggoraan isa fayyaa murte maallaqaan adabamte

Maxxanfame

Awustiraaliyaatti hakiimiin baqaqsanii wal'aanuu miila maamilashee wallaanaa jirtu dogoggoraan isa fayyaa murtee maallaqaan adabamte.

Miilli maanguddoo dhukkubsataa mana yaala geeffamanii isa bitaatu irraa muramuu qaba ture, garuu miilli mirgaa dogoggoraan irraa muramuun guyyaa lama booda barame.

Roobii darbe Manni Murtii Liinzitti argamu dubartiin umrii ganna 43 dhibaa'umaa cimaa agarsiisan jechuun Paawuundii 2,296 ykn €2,700 akka kaffaltu itti mure.

Haati warraan dhukkubsataa miilli dogoggoraan irraa muramee kanaa otoo galmeen himannaa mana murtii hin qaqqabiin kan duute.

Badii qaqqabeef beenyaa maallaqaa €5,000 akka argattu murameefiif jira.

Dhukkubsataan kun miilli isaanii akka cituuf kilinika Firaayistaad keessatti argamu Caamsaa darbe geeffaman ture.

Haata'u malee, hakiimni miila biraatti dogoggoraan mallattoo godhan jedhe gabaasni AFP.

Dogoggorri mudachuun kan adda baafame wayita hidhaan madaa isaarra geeddaruuf turetti, dhukkubsatichaan 'miilli kee hafes cituu qaba' jedhamee itti himame.

Hosptaalli wanti kun keessatti mudate ''tartiiba ta'iiwwan ta'uu hin malleen tasa rawwatameerra madde'' jechuun ibsee ture.

Daarektarrii hospitaalichaa ifatti ibsa hawaasaaf kennameerratti dhiifama gaafatanii turan.

Mana murtitti hakiimni dhiyaatan dogoggorri iddoo baqaqsanii wal'aanuun gaggeeffamutti ture jedhan.

Maaliif miila bitaatti mallattoo gochuu otoo qabduu, miila mirgaatti mallattoo akka goote gaafatamanii akkas jechuun dubbatan:''ani hin beeku,''

Erga taateen kun mudatee booda, ogeettiin kun iddoo hojii kilinika biraattii geeddaratan.

Maallaqa hakiimni kun adabamte gartokkee hin kaffalamne.

Himannaan akkasii hedduun kan hin baratamne ta'ullee, taatee kanaan walfakkaatu kanaan duras mudatee beeka.

Bara 1995tti doktorri Ameerikaa tokko miila dhukkubsata dhibee sukkaaraa qabame baqaqsee dogoggoraan irraa muraa jiraachuu kan bare wal'aansicha erga qixxeen gahee booda .

Hakikni sun maashaalee fi ribuu erga muruu erga hubatee booda muruuf dirqame ture.