TPLF hidhi Takazee haleelameera jedhus Humni Ibsaa Itoophiyaa garuu soba jedhe

Hidha Takazee

Madda suuraa, @Ethioelectric

Ibsa waa'ee suuraa, Hidha Takazee
Maxxanfame

Humni Ibsaa Itoophiyaa kan TPLF Madda Anniisaa Takazee irratti haleellaan raawwateera jechuun himate soba jechuun himannicha kuffise.

Dubbi himaan TPLF Geetaachoo Raddaa Kibxata kaleessaa ture Hidhaan Humna Ibsaa Takazee haleelameera jechuun tiwiitarii isaarratti kan barreesse.

''Har'a ganama [Sadaasa 30,2021] maddi anniisaa elektirikii Takazee haleelamee jira,'' jedhee barreesse dubbi himaan kun.

Humni Ibsaa Itoophiyaa garuu hidhi Takazee mootummaadhaan haleelameera jechuun oduun TPLF irraa tamsa'aa ture sobadha jechuun miidiyaa hawaasummaasarratti barreesse.

Humni Ibsaa Itoophiyaa ibsa baase keessatti, ''hidhi Takazee karaa ogummaan ala ta'een kaayyoo hedameef alatti akka hojjetu kan godhamu yoo ta'e miidhaan olaanaa ta'e irra ga'uu danda'a,'' jechuun akeekkachiise.

"Uummata shororkeessuufi xiyyeeffannoo addunyaa argachuuf TPLF hidhicharraa bishaan gadi lakkisuu waan danda'uuf, iddoowwan yaa'a gadiirra jirtan of-eeggadhaa,'' jechuunis dhaameera Humni Ibsaa Itoophiyaa.

Bakka hidhi kun itti argamuufi kutaalee kaaba Itoophiyaa iddoowwan waraanni itti gaggeeffamaa jirutti malli quunnamtii waan hin jirreef haala qabatamaa achi jiru qulqulleessuun rakkisaadha.

TPLF hidha kanarra miidhaan ga'uu wayita ibsu kan kaleessaa isa jalqabaa miti.

Kanaan duras hidhichi haleelameera jechuun himatee turus, mootummaan federaalaa garuu dubbichi soba ta'uu ibsee ture.

Waggaa darbe ji'ootaaf tajaajila dhaabee kan ture humni ibsaa Takazee, Bitootessa darbe hojii eegaluu isaa Humni Ibsaa Itoophiyaa ibsee ture.

Maddi humna ibsaa Takazee sarara giddu gala biyyaarraa adda cituusaatiin ture hojii dhaabee kan ture.

Hidhi laga Takazeerratti ijaarame hojjaansaa meetira 188 yoo ta'u, kanaanis Afrikaa keessaa dheerinaan jalqabarra ta'uutu himama.

Humni Ibsaa Takazee yuunitiiwwan afur kan qabu yoo ta'u, waliigalatti anniisaa meegaawaatii 300 maddisiisa.