Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kavala: Dhimma Tarkii biyyoota Lixaa waliin walitti buuse
- Barreessaa, Orla Guerin
- Gahee, BBC News, Istaanbul
- Maxxanfame
Kuni xalayaa Ayisii Buugraa tursiiftedha- xalayaa harkaan abbaa warraashee Osmaan Kavalaan, kan mana hidhaa keessatti ukkamfamee jiruun barraa'e.
Nama qaamaan guddaa mataa luuccaa fi arjaan kun homaan osoo hin himatamiin waggoota afuriif mana hidhaatti dabarse.
Manni Murtii Mirga Namoomaa Awurooppaa manguddoon ganna 64 mirga namoomaaf falmiu akka inni callsiuuf hidhame jedhe.
Dhaabbileen mirga namoomaaf falman dhimmi nama kanaa agarsiiftuu xiqqoo waa'ee pirezidaanti Reesip Taayib Erdoohan jedhan.
Haati warraa isaa ganna 33 taate nama barattee fi suuta dubbachuun beekamtu ji'atti al-lama qofa akka daawwattuuf eeyamamaaf.
''Kitaaba tokko dubbisuuf yaalla,'' jette. Yaada keenyas waliif barreesina. Waan dubbisaa jirrufaa waliif dhaamna. Waan hunda kana keessatti waliin jiraachuuf yaalaa jirra.''
'Dhabamuun isaa bakka hundattidha'
Osmaan Kavala himata akkasumaan bu'uura tokko malee dedebisu irra ture.
Jalqaba fincila mootummaa irratti bara 2013 ka'e maallaqaan deeggaruun akka kaka'i godheera jedhamuun himatame.
Sana booda hiikame tahus garaagarummaa sa'aatii muraasaa keessatti basaaseera jedhamuun himata haaraan dhiyaate.
''Himata gaarii'' jechuu dippartimantiin Ameerikaa ibse.
Kitaabotni isaa biiroo keessaa akkuma yeroo inni hidhame sanaatti tarree galanii jiru. Hojii aartii fi boca isaan guutamuun taa'anii jiru.
''Dhabamuun isaa bakka hundatti'' jette haati warraa isaa.
Mana hidhaa qarqara Istaanbul jiru keessaa Obbo Kvalaan akka BBCtti himetti manni murtii '' mootummaaf dursa kennuun akka meeshaa haloo bahuutti oolan'' jedhe.
Gaaffiilee ergamniif barreefamaan deebise.
''Fonqolcha bara 2016 fashalaa'een booda ragaa malee qabamuu fi hojii irraa ari'amuun waanuma barame taheera,'' jedhe.
''Haalli Tarkiin iti bulaa jirtu yeroo ammaa dimokiraasii dhugaa hin fakkaatu,'' jedhe.
Yoo tarii mana hidhaatii bahe walaba akka tahuu isaa akka hin amanne hime.
Dafe hii;kamaa?
Dhaddachi itti aanu Jimaata boruuti.Ayisii Bugraa akka jettetti ''abdii godhachuu hin feetu, abdii godhachuun abdii kutannaatti waan nama geessuuf.''
Hidhamuun isaa Tarkii biyyoota Lixaa fi michoota ishee Awurooppaa walaiin waliin walitti ishee buuseera.
Xumura ji'a kanaatti hin hiikamu taanaan manni maree Awurooppaa adeemsa seera cabsuun himachuu akka jalqabu himeera. Kun ammoo Tarkiin miseensa dhaabbata mirga namoomaa biyyoota 47 qabu keessaa akka baatu taasisa.
Pirezidaanti Erdohaan ofirraa qolachuun nama arjoomuun beekamu tujaara Joorji Sooros waliin walitti dhufeenya akka qabanitti himan.
Manni murti mIrga Namoomaa Awurooppa murtii kenneera,'' jedhe.
''Shiftoota akkamiin gadiista, warra nama ajjeesu yookaan shororkeesitoota biyya kee keessaa?'' jedhan.
Kana dura dursaan Tarkiin kun haqa biqiltuutti fakkeessuun ibsan. ''Biqiltuu bishaan obaasuu dhabuun ni gogsa, humnaa ol obaasuunis ni coologsa'' jechuun mirga namoomaa karoorsan irratti ji'a Caamsaa keessa dubbatan.
Dhaabbileen mirga namoomaa ammoo kun eegumsa mirga namoomaaf godhamu diiguufi ol aantummaa seeraa cabsuuf kan godhamudha jedhan.
''Dimokiraasii malee qaawwaan ni jiraata,'' jette Iimaa Siinkilar- Istaanbulitti Mirga Namoomaa irra kan hojjettu..
Namootni kumaatamaan maqaa himata shororkeesummaan mana hidhaa galaniiru. Tarkiin qeeqxota isaatti cufuun kana hojjechaa jira,'' jette.
Bara 2017 namni gameessi mirga namoomaaf falmu Gunal Kuursunii fi hiriyyootni isaa poolisin qabaman.
''Balballi baname,''jedhe. Achumaan 'harkakee ol qabi, sakatta;insa irra jirra,' jechuun nu hidhan. Anaafi hiriyyootakoof waan nama naasisudha. Waggoota 20 darbaniif namoota gara mana hidhaatti geeffaman argaa turre. Kun garuu yeroo jalqabaaf nurratti raawwate'' jedhe.
Dr Kursun, ofumasayyuu ogeessa seera yakkaa kan tahe mana hidhaa Osmaan keessa jiru keessatti of argae. Guyyoota 100 oliif erga hidhamee amma bilisa baheera.
Shororkeesitoota gargaarta jedhamuun himatamee ture.
Yakka kanaan himatamuun nama dhukkubsa jedhe.
''Namoota dhibbaan lakkaa'aman himata wal fakkaatan irratti dhiyaate jiru,'' jedhe. Manni hidhaa Tarkii namoota yakka akanaan himatamaniin guuteera. Kanaafuu ana qofa waan hin taaneef isa qofa na jajjabeessa.''
Fonqolcha fashalaa'een booda seera yakkaan gargaarsaa pirofeseraa kan ture akka irraa mulqamu tahe. Labsii yeroo sana baheen [2016] namootni 125,000 tahan hojii isaanii irraa ari'aman.
Waggoota shanan darbaniif halli Trakiin itti jirtu akka isa yaadessu hima Gunaal. Michoonni Tarkii biyyoota Lixaas sodaa wal fakkaataa duudhaalee dimokiraasii fi yaada ofii bilisaan ibsachuu irraa baati jedhu qabu.
''Yoo mootummaan kun haala kanaan itti fufe, Tarkiin akkuma Raashiyaa taati,'' jedhe. Haala tokko tokkoon ammayyuu taheera. Guyya guyyaan hammaataa deeme. Waa'ee sarbama mirga namoomaa yoo waa jette, mootummaan salphumatti yakkamaa si taasisa'' jedhe.
Waa'ee kabaja mirga namoomaa fi dhimma Osmaan Kavalaa irratti mootummaan Tarkii akka deebii kennu gaafatamee deebii hin kennine.