Pirezidant Erdogaan ambaasaaddara US fi kan biyyoota biroo sagal ari'uuf

Maxxanfame

Pirezidantiin Turkii Resep Xayib Erdogaan ambaasaaddaroota 10 kan Ameerikaa, Jarmaniifi Faransaay dabalatee kan hin simatamne jechuun labsan.

Ajajni Erdogaan kuni erga ambaasaaddaroonni duratti maqaan dhahame rogeessi Osmaan Kavaalaa saffisaan akka hiikamu waan gaafataniifi.

Osmaan mormiifi yaalii fonqolchaan walqabatee waggoota afur darbaniif hidhaa jira, garuu murtiin irratti darbe hin jiru.

Qondaalonni biyya isaan simattee keessa jiraatanirraa simannaa yoo dhaban eegumsi dippilomaatikiif taasifamu dhabu. Yeroo baay'ees beekkamtiin ergama biyya bu'anii erga dhabanii biyyaa ari'atamuun itti aana.

Torban kana obbo Osmaan irratti ibsi waloo kan bahe Imbaasii US, Kanaadaa, Faransaay, Finlaand, Denmaark, Jarman, Nezearlaandis, Niw Ziilaand, Noorwayiifi Siwidiinidha.

Kanneen keessaa torba miseensota Nato Turkiin miseensaa keessa taatedha.

Awurooppaa keessa dhaabbanni ijoo dhimma mirga namoomaa hordofu, Za Kaawunsil of Yuuroop, jedhamu Obbo Osmaan Kavaalaa akka hiiktu gaafateera.

Gaafa Sambataa Eskisehir'tti ummatatti kan dubbataa turan Erdogaan ambaasaaddaroonni ''ministeera dhimma alaa Turkiitti dhufanii ajaja kennuu hin danda'ani,'' jechuun balaaleeffatan.

''Ministira Dhimma Alaa keenyatti ajaja kenneera. Ambaasaaddaroonni kudhan kunneen erga takkaa akka persona non grata (kan hin simatamne) jedhamanii labsamuu qabu,'' jechuun himan.

Ammatti wanti si achi raawwachuuf deemu ifa miti.

Akka miidiyaan Turkii gabaasetti ergamoonni biyyoota Lixaa Turkii hubachuu qabu yookiin biyyattii gadhiisuu qabu jedhanii dubbatuu isaanii gabaasaniiru.

Ammatti ambaasaaddaroonni waan dubbatan hin qabani. Haa ta'u malee, Ministeerri Dhimma Alaa Jarman biyyoonni kunneen ''marii jabaatti'' akka turan ibse.

Qondaaltota Turkii irraas xalayaan isaan bira gahe hin jiru.

Ministeerri Dhimma alaa Noorway ambaasaaddarri isaanii wanta biyya baasuuf nama gahu homaa hin raawwanne jechuun Rooytarsiif himeera.

Imbaasiiwwan kudhan kunneen dhimmi mana murtii Osmaan Kavaalaa ''irra deddeebbiin dheerateera'' jechuun komatan. Mootummaan biyyattiimmoo kana hin fudhatu.

Dhimmi Kavaalaa Turkiifi michoota ishee Lixaa walitti buusaa jira. Biyyoonni kunneen Turkiin kanneen qeeqa dhiheessan seera yakkaan adabaa jirti jechuun himatu,