Shakkiin hojjettuu mootummaa aanaa Qarsaa tokkoo akkamiin dararaa daa'ima waggaa torbaa irratti qaqqabe saaxile?

Godina Jimmaatti Manni Murtii Aanaa Qarsaa dubartii daa'ima waggaa torbarraan miidhaa qaamaa hamaa qaqqabsiiste hidhaan adabe.
Himatamtuun Ruudee Dayyaas ibidda feestaaliitti qabsiistee maandajaarra kaa'uun daa'imni guddisuuf ofitti fudhatte irra teessee akka gubattu taasifte.
Daa'imni adaadaa isheetiin miidhaan gubaatii suukkanneessaa irratti raawwatame tunis qaamashee keessaa dhibbeentaan sadii gubaatii irra qaqqabuu ogeeyyiin fayyaa himaniiru.
Himatamtuun Aadde Ruudee Dayyaas jedhamtuu godina Jimma aanaa Qarsaatti barsiiftuu Mana Barumsa Waachoo yoo taatu, daa'ima obboleessa ishee umuriinshee waggaa torba taate "nan guddisa" jechuun ture godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuutii kan ofitti fudhatte.
Haa ta'u malee Fulbaana 25, 2014 tilmaamaan halkan naannoo sa'aa 9:00 irratti aadde Ruudeen daa'ima guddisuuf of bira keesse hirriibaa akka kaatu taasifte.
Sababni immoo "fincaan fincoofte na rakkiste" kan jedhu akka ta'e Abbaan Alangaa Aanaa Qarsaa Obbo Abdallaa Naasir himu.
Sana boodas himatamtuun ibidda feestaaliitti qabsiisuun maandajaarra erga keesse booda, daa'imni akka irra teessu goote. Qaamni daa'imattiis iddoowwan garaagaraatti miidhaan gubaatii irratti qaqqabe.
"Akka aanaa keenyaatti yakka akkanaa daa'ima irratti raawwatamee hin agarre. Yakki daa'imman irratti raawwatu yoo baay'ate reebicha. Darbee darbees humnaa ol hojjechiisuun ni mul'ata.
''Tarkaanfii gara jabeenyaa daangaa darbe akkanaa garuu nu mudatee hin beeku" jedhan Itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Dubartootaaf Daa'immanii aanaa Qarsaa aadde Zaynabaa Abbaagiddii.
"To'annoo jala ooluu himatamtuu…"
Aadde Ruudee Dayyaas daa'imni ibiddaan gubdee miidhaa irratti qaqqaberraa osoo hin fayyin hojii akka hojjettu taasisaa turte.
Haaluma kanaan guyyaa tokko daa'imni miidhamte bishaan waraabdee osoo galtuu karaarratti kuftee hojjettuun dhimma dubartootaaf daa'immanii gandichaa tasa agartee maal akka taate ishee gaafatte.
"Daa'imnis barsiistuu Ruudee akka ishee gubde itti himte. Ol qabdee yemmuu ilaaltu gubaatii cimaadha. Sana boodas milishaa itti waamtee (shakkamtuu) qabdee nuf fidde" jedhan Aadde Zayinabaa.
"Gaafuma poolisiif jecha laattu jecha amantaati kan laatte. Ragaa bifa sanaan qindeeffannee mucaa battaluma sana buufata fayyaa yeroo geessinu gara Hospitaala Rifaraalaa Jimmaatti 'riifar' jedhamte" jedhan.
Mucaan hospitaalatti yaalamaa osoo jirtuus hojiin maatiishee barbaaduu eegalame.
Maatiin daa'imaa godina Wallagga Bahaa aanaa Limmuu jiraatan erga argamanii boodas miseensi maatii tokko gara Hospitaala Rifaraalaa Jimmaa dhufuun hojjettoota Waajjira Dhimma Dubartootaaf Daa'immanii walin ta'uun adeemsa yaalaa akka hordofuufi mucaas akka kunuunsu taasifame.
Haa ta'u malee gidduu kanatti rakkoon biraa uumame.

Madda suuraa, Getty Images
"Maatiin mucaa hospitaalaa fudhatanii badan…"
Daa'imni waggaa torbaa miidhaa gubaatii guddistuu isheetiin irratti qaqqabe Hospitaala Rifaraalaa Jimmaatti yaalamaa osoo jirtuu, maatiin akka ishee kunuunsaniif godina Wallagga Bahaatii waamaman hospitaalaa ishee fudhatanii badan.
Kunis yakki daa'ima waggaa torbaa irratti raawwatame kun fira dhiyootiin kan raawwatame ta'uu isaatiin "yakkicha dhoksuuf" wanta godhame ta'uu akka malu shakkii qaban, itti gaafatamtuun Waajjira Dhimma Duartootaaf Daa'immanii aanaa Qarsaa Aadde Zaynabaa Abbaagiddii himu.
Dhimmi kunis qaamoleen mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran akka beekan erga godhamee booda, eessa buutee daa'imaa barbaaduun akka eegalame himu aadde Zayinabaan.
"Xalayaa waajjirri poolisii asii (aanaa Qarsaa) gara waajjira poolisii aanaa Limmuutti barreesseen maatiidhumti ishee fiduu danda'aniiru" jechuunis himan.
Himannaafi tarkaanfii seeraa…
Gochaa gara jabeenyaa himatamtuu aadde Ruudee Dayyaas daa'ima waggaa torbaa irratti raawwatan ilaalchisee galmeen erga qindaa'ee booda, Mana Murtii Aanaa Qarsaatti himatni banamuu, Abbaan Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Qarsaa Obbo Abdallaa Naasir BBCtti himaniiru.
Abbaan Alangaas gochichi halkaniin raawwatamuusaa, daa'ima ofirraa ittisuu hin dandeenyerratti raawwatamuusaa, akkasumas himatamtuun yakkicha fira ofiirratti kan raawwatte ta'uunsaa akka yaada adabbii cimsutti akka qabamuuf dhiyeessuu isaanii Obbo Abdallaan himaniiru.
Gama himatamtuutiin immoo gochicha raawwachuushee amanuufi gaabbuun ishee, akkasumas kuusaa yakkaa kan hinqabne ta'uunsaa akka yaada adabbii salphisutti akka qabamaniif himaniiru.
Manni Murtii Aanaa Qarsaas dhimmicha erga qorateen booda, dhaddacha Sadaasa 10, 2014 ooleen himatamtuu aadde Ruudee Dayyaas irratti hidhaa waggaa sadii fi ji'a torbaa irratti murteessee jira.










