Israa’el buufataalee Niwukilaraa Iraan haleeluuf sodaan uumte guddataa jira

Israa'el biyyoota michuuwwan naannichaa qabdu waliin shaakala waraanaa cimsite

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Israa'el biyyoota michuuwwan naannichaa qabdu waliin shaakala waraanaa cimsite
Maxxanfame

Galaana Diimaarratti humnoonni galaanarra Israa’el, Imeeretifi Bahareen yeroo jalqabaatiif guyyoota muraasa dura shaakala waraana waloo doonii waraaana Ameerikaa waliin taasisan.

Shaalakki sun shaakala waraana maadhee humna qilleensaa gammoojjii Kaaba magaala Elaatitti ji’a darbe gaggeeffame hordofuun kan gaggeeffame yoo ta’u, shaakala sanarratti xiyyaaronni Israa’elifi kan biyyoota biroo torba wajjin itti hirmaataniiru.

Shaakalli waraanaa akkasii dhaamsa Iraani dhiyeenyatti shaakala waraana guddaa gaggeessiteef akeekkachisaa dabarsuuf yaadameeti.

Haata’u malee, shaakalli kun yeroo lammiileen Israa’el hedduun isaanii biyyi xiqqoon kun qofaa ishee tarii haleellaa waraanaa gabbiisa niwukilara Iraan irratti raawwachuuf dirqamtii jedhanii yaadda’anitti.

Mootummaan Israa’el doolara Ameerikaa bil.15 ta’u waraanni Israa’el akka buufataalee niwukilaraa Iraan haleeluuf qophaa’aniif jecha ramadeera.

Amma guyyaa guyyaatti qondaaltoota waranaafi siyaasaa biyyattiirra akeekkachisni kennamaa jira.

Qondaalli tika Israa’el gameessi tokko akkas jedhe;’’Israa’el Iraan waliin waraanatti seenuuf fedha hin qabdu, taatullee Iraan akka meeshaa niwukilaraa qabaattu hin eeyyamnu,’’jedhe.

Itti dabaluun akkas jedhe qondaalli kun’’Ifatti Iraan sagantaa gabbisa niwukiraa ishee itti fufteetti, kanaaf nutis tarkaanfii waraanaa dabalatee taateefi filannoo jiru hundaaf qopha’aa jirra,’’jedhe.

Doorsifni waraanaa kun kan dhaga’ame mariin Iraaniifi biyyoota jajjaboo addunyaa shan waliin waliigaltee niwukilaraa bara 2015 deebisuu yaadame Ostiriyaa Veenaatti Sadaasa 29, 2021 wayita eegalamuuf jiruttidha.

Waliigaltichi Iraan sagantaa gabbisa niwukilara biyyattii daangessuun, qoqqoobbii sadarkaa idil-addunyaa gartokkeen wayita irraa kaafamutti biyyattiin buufataalee gabbisa niwukilaraa to’annoof banaa akka gootu taasisa.

Waliigaltichi Pirezedantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin bara 2018 diigame yoo ta’u, Israa’el diigamusaa simateetti.

Wayita marii marsaa haaraaf guyyaan qabame kanatti, Iraan yuraaniyeemii %60 qulqulleeffame kg25 akka qabdu ibsite-hamma boomibii niiwukilaraa tolchuuf barbaachisu gadi.

Teheraan gabbisa niwukilaraa nageenyaaf akka barbaaddu ibsuu itti fufteetti, sirumayyuu ogeeessii Iraan akka eeretti yuuraniyeemiin sadarkaa olaanaan qulqulleeffame kana biyyoota boombii niwukilaraa hidhatan qofatu qaba.

‘’Qondaalli tika Israa’el biyyi Iraan yeroo kamiyyuu caala boombii niwukilaraa tolfachuutti dhiyaachaa jiraachuu akeekkachisan.

‘’Dhugaan kun dhiibbaa gama nageenyaa guddaa biyya Israa’el irratti qaba’’ jedhan qondaalli kun.

Humni Ittisa Israa’el akka tilmaametti, Iraan kan raawwate taanaan biyyattiin hamma yuuraniyeemii niwukilara tokko tolchuuf oolu ji’a tokko keessatti kuufachuu dandeessi.

Meeshaa waraanaa akkasii hojjachuun baaruda fiixee misaayilota bilaastika iratti maxxanfamu barbaachisa.

Kunis yeroo hangamii akka gaafatu tilmaamuuf rakkisaa ta’ullee ogeeeyyiin ji’oota 18-24 gaafata jedhu.

Israa’el biyya meeshaa niwukilaraa qabdii jedhamee yaadamu yoo taatu, immaammata itti yaadanii qabachuuf dhiisuu ifoomsu dhiisu qabdi.

Gama biraatiin Iraan Israa’el biyya ta’u isheef beekamtii hin kennine.

Ameeerikaafi biyyoonni Araboota naannoo Galfitti argamani fi hariiroo Israa’el cimsachaa jiran Iraan boombii niwukilaaraa qabaattu hin barbaadan.

Biyyoonni kunneen sadarkaa kamiin bu’aa isaaniif jecha waraanarratti dubbatti akka harkifatan garuu ifa miti.

Gorsaan Dhimma Nageenyaa duraanii Israa’el Yaakoov Amidroor, yeroo jalqabaatiif yaaddoo niwukilarri Iraan uumu jalqaba bara 1990 keessaa akkeekkachisee ture.

Yeroo sanatti Yaakoov Amidroor qondaala tikaa waraana ta’uun tajaajilu turan.

‘’Israa’el haala Iraan boombii tolfachuutti dhiyaattu waliin hin jiraattu, Daftee akkatti dhaabuun danda’amu murteessuu qabdi,’’jedhe.

‘’Ani karaan biraa natti hin mul’atu, biyyattiin boombi tolfachuuf karaarra jiraaachu malee, warri Iraan abjuu meeshaa niwukilaraa qabaachuurraa duubatti deebi’aa hin jiran, gaafas kan ammaa caala hammaatu’’ jedhe.

Israa’el marroo lama ri’aaktaroota niwukilaraa diinota ishee balleessuuf tarkaanfii fudhatteetti-Bara 1981 Iraaqitti fi bara 2008 immoo Siriyaatti tarkaanfii fudhatteetti.

Haata’u malee, xiinxaltoonni hedduun Israa’el tarkaanfii walxaxaa Iraan sagantaa niwukilara caalatti gabbisuurra hambisu raawwachuuf gahumsa qabaachuu gaaffii keessa galchu.

Aab Amirdroor’’Namni Israa’el jiru kamiyyuu waanti hubatu, haleellaan irratti raawwatamu lola walxaxaa ta’eef ka’uumsa ta’uu mala’’ yaada jedhutti walii gala.

Iraan haleellaa irra qaqqabuuf deebii’’naasisaa‘’ ta’e kennuuf doorsifte.

Iraan humna qabdu fi humnoota naannichatti meeshaa waraanaa sirnaan hidhatan kanneen akka Hizoboola waliin qindoofti jedhame yaadama.

Hizobalaan Libaanoon keessa socho’u rokkeettiwwan kuma kudhanitti lakkaa’aman qaba, hidhattoonni Shiyaa Siiriya fi Iraaq, hidhattoonni Huuti Yamanitti fi jihaadistoonni Gaazaa keessa jiran Iraan waliin hidhata qaban.

Yaaddoo cimaan jiraatullee, cululleewwan Israa’el muraasni isaanii amms taanaan bu’aa qaba jedhanii yaadu.

Tarii yoo karoora sagantaa gabbisa niwukilara biyyattii ganna muraasaaf duubatti harkisa ta’ellee jedhu.

Haata’u malee, qondaaltoonni garuu fala marii karaa nagaa irratti hundaa’e filatu.

Hoggantuun duraanii qorannoo dhaabbata basaasaa Israa’el Mosaad Simaa Shini;’’ karaan dippiloomaasii ni milkaa’a jedheen yaada, garuu ammatti carraa guddaatu jira jedhee hin yaadu’’jette.

‘’Akka madaalli kootti ejjannoo Iraan gara duubaatti deebi’u hin barbaaddu’’ jette Shini.

Shini ammatti Jaarmiya Tasgabii Biyyaleessa Israa’el qorannoo gaggeessu hogganti.