Sudaanitti namoonni mormiif bahan 14 ajjeefamuu hakiimoonni himan

Namoota mormiif Sudaan keessatti bahan
Maxxanfame

Sudaanitti leelliftoonni sirna dimokiraasii mormiidhaaf daandiitti bahan 14 ajjeefamuu gareen hakiimootaa beeksiise.

Hakiimoonni Sudaan keessaa akka jedhaniitti, dhukaasa namoota walitti fufiinsaan fonqolcha dhiheenya waraanaan taasifame mormuuf bahan dhaabsisuuf jecha, humnootii nageenyaatiin raawwatameen namoonni kudhan ajeeffaman.

Garee ummataa magaalaa guddoo biyyattii Kaartum keessaa tokko irratti ammoo gaaziin imimmaaneessaa dhukaafameera jedheera.

Rogeeyyiinis ummata Sudaan guutuu akka daandiiwwan irratti bahuun guyyaa silaa siiviliin itti hooggansa Mana maree Walaba Motummaa itti fudhatu akka yaadataniif waamicha taasisan.

Humnootii nageenyaatiin mormii kana dhaabisisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamanillee dhiiroonni, dubartoonni fi daa'imman bahuun magaalaa Kaartuum keessatti daandiiwwan guutanii ture.

Hiriirawwan hedduu irratti ummanni alaabaa Sudaan mirmiirsaa waraanaa balaaleeffata. Gaaffiin ummataa kunis deeggarsa idil-addunyaa olaanaa argateera.

Ministirri Dhimma Alaa US Antonii Bilinkeen, waraanni fonqolcha raawwate yoo booddeetti deebi'e, deeggarsi maallaqaa baayyee barbaadamu deebifamee kennamuu akka danda'u dubbatan.

Gulaalaan BBC Africa ka tahe Wiil Roos akka jedhutti, qondaalonni nageenyaa Sudaan keessa jiran irra deddeebiin waan barbaadan raawwachuuf, dhimmicha humnaan hiikuuf yaalii godhaa jiru.

Haata'u malee mormitoonni cimoon ammalleen waan abdii kutatan hin fakkaatan. Kanaafuu Sudaan keessatti ammallee muddamni kan adda hin citiiniif jechuun barreesse Wiil Roos.

Erga baatii darbe keessa waraanni Janaraal Abdal Fattaah al-Burhaaniin hogganamu forqolcha mootummaa gaggeessuun aanga'oota gama siiviliitiin turan to'annoo jala oolche kaasee, Sudaan mormii ummataatiin raafamaa jirti.

Kana malees Gamtaa Afriikaa dabalatee dhaabbileefi biyyoota idil-addunyaa irraas balaaleeffannaa cimaan irratti ka'aa jira.