Kongirasiin US miseensa viidiyoo goraadeen haleellaa Dimokiraatiirratti raawwatamu agarsiisu gadhiise adabuuf

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa US miseensa paarlaamaa paartii Rippablikaanii kaartunii goraadeedhaan osoo miseensota Dimookiraatii irratti haleellaa raawwatan agarsiisu qoodan adabuuf.
Miseensi Kongirasii Arizoonaa Pool Gosaar Kongirasii warri Dimookiraatikii to'atan keessatti qorannoon irratti ni taasifama.
Pool Gosaar viidiyoon animeeshinii tiwiitara gubbaa gadhiisanii deebisanii balleessaniiru.
Akka Dimookiraatonni jedhanitti qabiyyeen gadhiifame Pirezidant Joo Baayidaniifi miseensa paarlaamaa Aleeksaandiriyaa Okaasiyoo - Korteez irratti hookkara kakaasa.
Gosaar garuu viidiyoon gadhiifame ''kaartuniidhuma'' jedhaniiru.
Dubbiin kuni deeggartoonni Pirezidanti Donaald Tiraamp kan miseensa Rippablikaana ta'an Baayidan yeroo filannoo irra aanan mirkaneessuuf jedhametti kongirasiitti duulanii baatii 10 booda mudate.
Baatiiwwan muraasa dura Dimookiraatonni miseensa paarlaamaa Rippablikaanii biraa, Marjorie Taylor Greene, jedhaman dirqama koreerraa kaasaniiru.
Kunis, sababa Dimookiraatota irratti hookkarri akka ka'u deeggarani waan ta'eefi.
Gama kaaniin miseensonni kaan miseensi Dimookiraatikii Ilhaan Omaar yeroo farra - Semii dubbatte tarkaanfiin irratti hin fudhatamne jedhanii qeequ.
Wixineen Kongirasii gaafa Kibxataa onlaayinii gubbaa gadhiifame Gosaar Koree Qabeenya Uumamaa to'atan irraa akka ka'an gaafata.
Viidiyoo sakandii 90 Sadaasa bultii 8 gadhiifame keessatti Miseensi Kongirasii magaalaa Niw Yorki keessaa Aleeksaandiriyaa Okaasiyoo-Korteez goraadeen morma keessa yeroo rukutamtu agarsiisa.
Fakkiin biraa Pirezidant Baayidan fakkaatanis yeroo haleellaan irratti raawwatu agarsiisa.
Kana booda Miseensi Dimookiraatikii beekamtuu Naansi Pelosii ''doorsisi hookkaraa miseensa Kongirasiifi Pirezidanti Ameerikaa obsamuu hin qabu,'' jechuun tiwiitara gubbaa barreessan.
Pool Gosaar garuu viidiyoon kuni hookkaraaf hin kakaasu jechuun deebisan.
''Kaartuniin kuni imaammata bu'uura seeraa qabuufi hinqabne gidduu lola jiru agarsiisa malee Korteez irrattis ta'e Baayidan irratti kan aggaamame miti, '' jechuun ibsa baasaniin himan.
''Kuni kaartuniidha, jireenya dhugaa miti.''
Tiwiitarri viidiyoon bahe seera dhaabbaticha akka cabse eeruun viidiyoo kanarratti akeekkachiisa itti dabalee ture.
Aadde Okaasiwoo-Korteez immoo wanti mul'ate ''sodaachisaadha'' jedhaniiru.
Kana dura Gosaar yeroo filannoo Ameerikaa 2020 odeeffannoo sobaa tamsaasuun qeeqamaniiru.














