Tapha Maanchister Yuunaayitid v Maanchister Siitii, wantoota beekuu qabdan

Madda suuraa, Getty Images
Tapha darbii Maanchister har'a gaggeeffamu haalaan kan eegamu taha. Taphni kun injifannoo Yuunaayitidiin kan xumuramu yoo tahu dhiibbaan Ole Gunar Soolshayer irra jiru ni salphata.
Yoo Man Siitiin injifate dorgommii waancaa Chelsii fi Liiverpuul waliin godhan cimsata. Yuunaayitid ammoo qabxii 10'n caalamuun gara sadarkaa 10ffaatti carraa bu'uu qabaata.
Kun ammoo leenjisaa haaraa kilabichi akka fidu gochuu danda'a jedhu xiinxaltootni kubba miilaa. Maanchister Yuunaayitid ittisa irratti ni cima jedhamee eegamaa ture bara kanas galchii hedduu irratti lakkaa'ame. Raafaa'el Vaaraan yoo xiqqaate aduu ji'a tokkoof miidhamaan hin taphatu.
Miiltoon isaa biraan Viiktar Liindiloof tapha Yuunaayitid Atalaantaa waliin godhe irraa miidhamaan hafe. Pool Poogbaan ammoo adabbii kaardii diimaa tapha Liiverpuul irratti argateen har'a hin taphatu.
Gama Maan Siitiidhaan taphataan sarara ittisaa Ayeemirik Laappoorti kaardii diimaa tapha Kiristaal Paalaas waliin godhan irratti argateen har'a hin taphatu.
Bakka isaa garuu Joon Istoonsi ni hiriira jedhama. Ittisa cinaa irra kan taphatu Kaayil Wooker dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Kilab Biruuj waliin godhan irratti ''miilla isaa irra dhiitamuun'' miidhame jedhe Peep Gaardiyoolaan. Tapha har'aaf gahuun isaa kan ilaalamu taha.
Yuunaayitid erga Liiverpuuliin galchii 5 fi 0'n mo'amee xiinxaltootni tapha Maan Siitii waliin godhan irratti ammoo akkam haa tahan jechuun yaada isaanii kennaa turan.
Haa tahu malee Maan Siitiin tibbana dorgommii Liig Kaappii keessaa West Haamiin mo'amee bahe. Itti aansii Kiristaal Paalaasiin mo'aman.
Maan Yuunaayitid ammoo ergasii Tootenahaamiin mo'atanii Atalaantaa waliin qixaan xumuran. Maan Siitiin ammoo dammaqee deebi'ee Kilab Birujiin garaagarummaa guddaan mo'ate.
Walumaagalatti taphni darbii kileboota lameen gidduutti taasifamu kan har'aa waliin 186ffaa isaati. Maan Siitiin erga dhiyeenyaa gahumsa gaarii irratti argama. Taphattootni hunduu gareen hojjetu, wal unatee deemaafii jira.
Gama biraan Kiristaanoo Roonaaldoon ganna 36'n waan taphataan kubba miilaa walitti fufinsaan hin goone agarsiisaa jira. 'Kilaba guddaa adunyaa kanaa baatee deemaa jira'' jechuun danda'ama jedhan xiinxaltootni kubba miilaa akka Maarki Laawurensan.
Maark Laawurensan tapha kana yoo tilmaamu Maan Siitiin ni injifata jedhe.
Maan Yuunaatitid 1 / 2 Maan Siitii
Har'a taphootni biroos ni gaggeeffamu.
Bireentifoordi v Noorwich Siitii
Chelsii v Barnileey
Kiristaal Paalaas v Woolvis
Biraayitan v Niw Kaastil













