Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Hidhattoonni sirba cidharratti dhagahamaa ture dhaabsiisuuf haleellaa raawwatan
Hidhattoonni Taalibaanoota ta'uu himatan haleellaa baha Afgaanistaanitti muuziiqaa mana cidhaatii dhagahamaa ture dhaabsisuuf raawwataniin yoo xinnaate namoonni lama ajjeefamanii kan biroo 10 madaa'uu qondaaltoonni himan.
Dubbii Himaan Taalibaan akka jedhanitti, hidhattoota sadan haleellicha raawwatan keessaa lama to'atamuun bakka sochii Islaamummaa gochichaa raawwachusaanii haalaniiru.
Wayita Taalibaan bara 1996 - 2001tti biyyattii bulchaa tureetti muziqaan dhorkamee ture.
Haata'u malee, aanga'oonni Taalibaan haaraan dhimma kanarratti ammallee labsii hin dabarsine.
Namni ijaan arge tokko BBCtti akka himetti, sirna cidhaa bulchiinsa Surkh Rod keessatti guyyaa Jimaata ture sanarratti cimdiiwwan afuritu waliin gaa'ela raawwatachaa ture.
Isaanis waraabbii muziqaa naannichatti dubartoota qofaan taphatamu sirnicha irratti taphachiisuuf hogganaa Taalibaan naannichaa irraa hayyama argatanii ture.
Haata'u malee, booda halkan keessa, namoonni qawwee hidhatan humaan mana keessa seenuun sagalee-guddiftuu cacabsuuf yaalan.
Keessummoonni mormii taasifnaan hidhattoonni kunneen dhukaasa isaanirratti banan.
Dubbi Himaan Taalibaan, Zaabihullaah Mijaahid dhimmichi qoratamaa jiraachuu himan.
Gareen Mootummaa Islaamaa kan Taalibaaniin morman, naannicha keessa kan socha'an yoo ta'u, kanaan duras taatee walfakaatu raawwachuun balaaleeffatamu.
Afgaanistaan baatii Hagayyaa keessa waraanni Ameerikaa biyya gadhiisee bahusaa hordofuun harka Taalibaaniitti kufunshee ni yaadatama.
Taalibaan wayita kanaan dura biyyattii bulachaa turetti, seera Islaamaa baayyee cimaan biyyattii bulchaa ture.
Haata'u malee, tibbana fudhatama idil-addunyaa argachuu waan barbaadaniif fakkii caalaa ammayyaa ta'ee agrsiisuu eegalee jira.
Taalibaanoonni erga gara aangootti deebi'anii as, gareewwan sirbitootaa hedduu ajjeessuufi meeshaalee miziqaa saanii cacabsuun himatamu.
Walliftoonniifi oggeessoonni muziiqaa heddunis Afgaanistaanii baqataniiru.