Ali al-Nimr: Saawudiin mucaa mootummaa mormusaatti du'a itti murteessite gadhiifte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Anga'oonni Saawudii nama yakka mormiin wal qabateen du'a irrratti murteessanii turan amma mana hiidhaatii gadhiisan. Murteen du'aa irratti murtaa'ee tures dheekkamsa addunyaa kaasee ture.

Ali al-Nimr wayita bara 2012tti to'annaa jala oolfamuutti mucaa waggaa 17 ture. Innis warra lakkoofsaan xiqqaa ta'an Shia irra yoo ta'u mormii motummaarratti taasiseen to'atame.

Bara 2014tti ammoo manni murtii fannifamuun osoo hintaane, mormisaa irraa kutamuun erga ajjeefameen booda reeffisaa ummatatti akka mul'ifamuuf murteesse.

Murteen kunis Guraandhala keessa erga mootichi gosa yakkaa muraasa ijoolleen raawwataniif adabbii du'aa dhaabanii booda fooyya'e.

Saawudi Arabiyaan biyyoota addunyaa adabbii du'aa raawwatan keessaa tokko. Baatii Ammajii- Adooleessaa jidduutti yoo xinnaate namoota 40 du'aan adabdee jirti. Kunis kan waggaa darbe guutuu kan caaluudha.

Ali al-Nimr ilma eessuma duree Shia beekamoo kan ta'an Sheekh Nimr al-Nimr, kan bara 2016tti aanga'oota Saawuditiin balleessaa shororkeessuummaatiin ajjeefameeti.

Sheikh nama mormii 'Arab Spring' kan bulchiinsa Baha biyyattii keessatti bara 2011tti umamee ture deeggaraa turan. Isaaniis Shia naannichaa kan mootii Saawudi Arabiyaa Sunnii ta'anii cunqurfamuu himataniin durfamaa turan.

Ali al- Nimr bara 2012 keessa mormiiwwan kanneen keessaa tokko irratti to'annaa jala oolfame. Boodas motummaarratti mormii gaggeessuufi poolisoota irratti haleellaa raawwachuu dhugaa bahuun, mana murtii dhaddacha shororkeessatiin balleessaan irratti murtaa'e.

Innis himannicha haaluun qondaaltoonni nageenyaa humnaan akka ''ofirratti dhugaa bahu'' isa gochuu mana murtiitti himataa ture.

Baatiiwwan afuriin boodas, ijoollee lama kan mormiidhuma walfakkaatu irratti hirmaatan himannaa addaa irratti banuun rogeeyyii Shia jechuun du'a itti murteesse.

Abdullah al-Zaheer fi Dawuud al-Marthoun kan umuriinsaanii waggaa 15 fi 17 kunneenis erga qabamaniin booda hanga ofirratti dhugaa bahuun mallatteessaniitti reebamusaanii himan.

Maatiiwwan isaaniifi dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman iyyata galfatanis, ijoolleen sadan kunneen du'a itti murtaa'e eeggataa turan - hanga jalqaba bara kanaatti Komishiniin Mirgoota Namoomaa Saawudii murteen isaaniin gara hidhaa waggaa 10tti fooyya'uu labsutti.

Komishinarichis seera bara 2018 kan adabbii du'aa ijoollee yakka raawwatanii dhorkuufi labsii Mootii 2020 kan hinmaxxanfame kan labsichi duubatti deebii'e akka hojjatu heeyyamu eeruun fooyya'insa kana labse.

Ali al-Nimr guyyaa Roobii hidhaarraa hiikamulleen, Abdullaah al-Zaher fi Daawuud al-Maarhoon ammaleen mana hidhaatti hafusaanii dhaabbanni farra adabbii du'aa himeera.

Akkasumas, dargaggoo kan amma waggaa 19 Abdullaah al- Howaiti, wayita waggaa 14 ture suuqii faayaa saamuufi qondaala poolisiitti dhukaasuun himatame ammaan tana adabbii du'aa eeggataa jira.