Humaa Abediin: Gorsituun Hilaarii Kilintan Senaateriin US fedhiishee malee ishee dhungachuu himte

Humaa Abediin senetara ishee qoccola maqaa hin dhoofne

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Humaa Abediin senetara ishee qoccola maqaa hin dhoofne
Maxxanfame

Gorsituun duraanii Hilaarii Kilintan senaaterri US tokko fedhii saal-qunnamtiif ishee barbaadee akkamitti akka ishee qoccolaa ture kitaaba haaraa muuxannoo keessa darbite ibsuuf barreesite keessatti ifa goote

Humaa Abediin namichi fedhiishee malee ishee akka ishee dhungate yaadachuun, wanta hin barbaadamneta'uu ubbatte.

Akka Za Gaardiyaan gabaasetti, namni siyaasaa maqaan isaa ammatti hin dha'amiin kun baroota 2000 keessa manasaatti erga hafeereen booda soofaa isheen teessurratti tasa akka ishee qabate dubbatte.

Ta'us garuu yeroo inni ittuma fufee [fedhiisaa fedhiishee malee] raawwachuuf jedhu wallaansoodhaan akka harkaa miliqxee kitaaba haaraa waa'ee mudannooshee ilaalchisuun barreessite keessatti ibsite Humaan.

Kitaabni ishee mata-dureen isaa Both/And: A Life in Many Worlds jedhamu kun torban dhufu maxxanfama jehamee eegama.

Gaaffiifi deebii yeroo jalqabaa CBS Sunday irratti taasifteenis waan yeroo sana isheerratti raawwatamuuf ture gadi fageenyaan ibsiteetti Humaa Abediin.

"Senaaterii tokko waliin bakka mijataa hin taane tokko keessa waan tureef akkamitti akkan keessa darbullee hin beekneyyun ture," jette.

Humaa Abediin Hilaarii Kilintaniif hojjechuu kan jalqabde akka [intarshiippiitti] ture

Madda suuraa, AFP/GETTY

Humaa Abediin bara 2016 kadhiimamtoota Diimokiraatoota bakka bu’uun dorgomuuf kaadhimaman keessaa tokko turte. Bara bulchiinsa Obaamaa gargaartuu (gorsituu) Hilaarii Kilinteen amanamtuu waan turteef yeroo tokko, "intala koo ishee lammataati" jechuun Kilinteen amma ibsuutti geesse turte.

Humaa Abediin akka ibsitetti, qoccollaan saalqunnamtii irra gahe kun wayita Kilintan waliin hojjetteefi Senaatera Niwu Yoork bara 2001-2009tti turtetti mudannoo ishee wayita himtutti ture.

Aadde Humaa Abediin dubartii umuriin ishee ganna 45 yoo taatu, eenyummaa nama qoccollaa saalqunnamtii irraan gahee garuu hin ibsine.

Humaan akka himtetti, affeerraa irbata Waashingteenitti nama siyaasa kana waliin qaban hordofuun waliin deemanii, mana namticha kanaa dura takka dhaabatanii booda mana isaatti buna akka dhugdu affeere.

Isheen hin didne, tole jettee simatte.

Akka barruun Za Gaardiyaan jedhutti, Humaa Abediin akkas jettee barreessitetti.

‘’Sana booda battaluma haalonni dafanii geeddaraman.

Natti hirkatee harkasaa bitaa gatiittirra kaa’ee na dhungate, arrabasaa afaan kootti loosee soofatti na maxxanse," jette.

‘’Baayyeen rifadhe, ofirraan achi isa dhiibe. Sekoondiiwwaan 10n xumuraaf dhabamuun hawwe ture,’’

Aadde Humaa Abediin akka jettetti, senaaterichi dhiifama ishee gaafachuun "sin hubanne’’ jedheen.

Itti aansuun akkas jettee barreessite: ’’baayyeen gadda jedheen bahee of tasgabeessuun yaale," jette.

Guyyoota muraasa booda Kaapitaal Hiilitti keessatti wayta walitti dhufan senaatarichi ammallee hiriyaadha {wal hin habne] mitii jedhee gaafatee akka tures barreessite.

Dubartiin kun kitaaba ishee kana keessatti aarii abbaa manaashee duraaniirraa qabdus bal'inaan ibsiteetti.

Abbaan manaashee duraanii Antoonii Waayiner Dimokiraatiifi miseensa kondirasii Niiwu Yoork kan ture yoo ta'u, jiruun isaa yakkawwan saal-qunnamtii waliin walqabataniin jalaa nama gaaga'amedha.