Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin duraanii Afrikaa Kibbaa maallaqa inshuraansii argachuuf jecha hiriyaa dhiiraashee fi firootashe ajjeeste
Poolisiin duraanii Afrikaa Kibbaa Naa'oomii Roozemeerii Nidlovu firoota ishee shanii fi hiriyaa dhiiraashee ajjeesuun murtiin balleessaan irratti murame.
Namootni jaha kan ajjeefaman bara 2012 fi 2018 giduu yoo tahu, irra caalaan isaanii gargaarsa nama adamsuun ajjeesun yoo tahu isheen teessee maallaqa inshuraansii guurrataa turte.
Dubartiin ganna 46 dhumarratti namni isheen obboleettii ishee akka ajjeesuuf itti bitte poolisiitti himnaan qabamte.
Ji'a dhufu murtoon irratti darbuuf jedha. Poolisiin duraanii kun akkasuma harmeeshee ajjeesuuf yaaluudhaanis balleessan irratti argameera. Kana malees kaffaltii inshuraansii burjajessuun Raandii miliyoona 1.4 yookaan Doolaara 95,000 fudhachuu isheen balleessaa biraa irratti argamedha.
Qorannoon ji'a sadii irratti gaggeeffamaa ture haala akkamiin firootasheef inshuraansii jireenyaa fi awwaalchaa akka mijeesitee fi booda irra tooftaadhaan isaan ajjeesifte mul'isa.
Namni jalqaba bara 2012 ajjeefame ilma wasiila isheeti, jedhe namni ragaa irratti bahe Madalu Homu. Achii booda obboleettii ishee, jaalallee ishee, ijoollee obbolaashee lamaa fi intala obboleessasheeti.
Irra caalaa nama nama bitamee ajjeesu fayyadamuun isaan ajjeeste.
Garuu bara 2013 obboleettii ishee Oodirii Soomisa Nidilovu ofumasheen summii nyaachisuun huutee ajjeeste.
Ajjeechaan kun irratti baramee dhaabbate bara 2018 erga isheen nama tokko waliin waliigaltee akka obboleettii ishee fi ijoollee obboleettii ishee shan akka ajjeesuuf xumurteen booda.
Namni kun garuu poolisiitti himuun haala karoorichaa irratti yeroo isheen haasoftu sagalee ishee akka waraabamu godhe, akka gabaasa Times Live news jedhetti.
Ndilovu jahan isaanii mana keessa osoo lubbuun jiranii haalatti gubatanii bakka isaanii maallaqa inshuraansii argattu irratti yeroo dubbattu dhagahame.
Qorannoo yeroo gaggeeffame hundatti yakka irraa bilisa jette falmuun ragaa sobaa narrati bahame jechaa turte.
Qorannoon garuu firootashee ajjeefaman waliin hariiroo akkamii akka qabaachaa turtee fi isaan irraa fayyadamte agarsiisa.
''himatamtuun nama yeroo dhumaaf miidhamtoota argite yookaan nama dhabamuu isaanii yeroo jalqabaaf gabaasa gochaa turtedha,'' Riyaanaa Wiiliyaamsi.
''Faayidaa inshuraansii fi awwaalchaa kaffalamu argachuuf nama jalqabaa of gootee of galmeesiteetti.''