Loltoonni duraanii Jarmanii waraana Yaman keessatti shororkeessummaa karoorsuun hidhaman

Maxxanfame

Loltoonni duraanii Jarmanii lama, waraana Yaman keessatti loluuf humna shororkeessaa uumuuf yaalaniiru jedhan abbootiin alangaa.

Areend-Adoolf G fi Achiim A Kibba Jarmanii keessatti Roobii erga to’annoo jala oolanii booda, shororkeessummaan himatamaniiru.

Humna waraanaa dhuunfaa isaanii kanaaf loltootaa fi poolisoota duraanii keessaa namoota 150 qacaruuf karoorfatanii akka turan himameera.

Akka abbootiin alangaa jedhanitti namootni kun hojii seeraan alaa Yaman keessatti raawwachuuf mootummaa Sawuudii Arabiyaa tajaajiluu barbaadanii turani.

Bara 2014 irraa eegalee waraanaa waliinii Yaman mootummaa Sawuudiin deeggaramuu fi humnoota Huutii giddutti gaggeeffamaa jiruun Yaman miidhamteetti.

Sawudii Arabiyaan waranaa kanatti kan makamte bara 2015tti erga magaalaa guddiittiin Sanaa humnoota Huutii Iraaniin deeggaramaniin erga to’atamtee booda.

Looltonni duraanii himataman kunneen sochii dhuunfaa isaanii Yaman keessatti taasisaniif Sawudiin Arabiyaan maallaqaan akka deeggartu barbaadanii akka turan abbootiin alangaa Jarmanii himaniitu.

Loltoonni kun mootummaa Saawudii Arabiyaa qunnamuu yaalaniiru garuu deebii waan hin arganneef karoorri isaanii hin milkaa’in hafe.

Ibsa baasan irratti, abbootiin alangaa federaalaa loltoota lamaan ‘hoggantoota’ gartuu kanaa fi kan ‘dandeettii fi beekumsaa waraanaa’ kan qaban kana irratti himatni hedduu fi ciccimoo irratti dhiyaachuu ibseera.

Areend-Adoolf G fi Achiim A, humna waraanaa kan ajaja isaaniin jalqaba bara 2021tti hundeessuuf akka murteessaan abbootiin alangaa himaniiru.

Miseensota isaaniif ammo ji’atti doolaara 46,400 kaffaluuf karoorfatanii akka turanis ibsaniiru.

Areend-Adoolf G yoo xiqqaate namoota torba qacaruuf yaalee akka ture himameera.

Gaazexaan Jarmanii Spiegel, kan jalqaba to’annoo jala olfamuu isaanii gabaase, humni dhuunfaa ajjeechaaf hojjatan kun, Yaman keessatti nannoolee to’annoo gartuu Huutii jala jiran, haleelanii to’achuuf karoorsanii turani jechuun gabaaseera.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti, Areend-Adoolf G fi Achiim A, Yaman kana keessatti, “waraana kanaan wal qabatee namootni nagaa du’uu fi ajjeefamuu akka danda’ab tilmaamaniiru.”

Dabalataanis, namootni himataman kun tajaajila waraanaa isaanii naannolee lolli keessa jiran biroofis dhiyeessu barbaadaniiru jechuun akka shakkan abbootiin alangaa ibsaniiru.

Maddoota eeruunis, odeeffannoon Ittisa Basaasaa Waraana Jarmanii irraa kenname, qorattoonni namoota kana akka hordofaniif gargaareera jechuun Spiegel gabaaseera.

Shakkamtoota kana keessaa inni tokko Munich keessatti to’annoo jala kan oolee yoo ta’u inni tokko ammo bulchiinsa Breisgau-Hochschwarzwald keessatti to’atame. Manneen jireenyaa isaaniis sakkata’amaniiru.

Loltoonni duraanii kun Roobii mana murtiitti ni dhiyaatu jedhamee eegama.