Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ingilaand fi Weels keessatti maqaa daa'immanii jaalatamaa bara 2020
Maqaa jaalatamaa maatiin hedduun ijoollee isaaniif moggaasan beekuun ni danda'amaa? UK'tti eeyyee.
Haadholiin dargaggeeyyiin kanneen umuriin isaanii 35 fi isaa ol ta'an waliin yoo wal bira qabaman, bara darbe keessa ijoollee isaaniif maqaa ammayyaawaa fi gabaabaa ta'e moggaasaniiru.
Ragaan daa'imman haaraa dhalatanii Ingilaand fi Weels kan bara 2020 akka agarsiisutti Oliiviyaa fi Olivar waggaa shanaffaaf maqaa jaalatamaa ta'anii itti fufaniiru.
Ayivii, Roozii fi Archii maqoota haarawa tarree maqoota jaalatamoo 10 keessa galanidha.
Ragaan Waajjira Istaatistiiksii Biyyaalessaa UK akka mul'isutti daa'imma dhiiraa 4,225 bara 2020 keessa dhalatan maqaan Olivar jedhu moggaafameefira. Daa'imman dubaraa 3,640 ta'aniif ammoo Oliiviyaatu moggaafame.
Maqaawwan kunneen lamaan waggoota 5 darbaniif maqaa jaalatamoo daa'imman hedduuf moggaafamanidha. Bara 2019 Olivar daa'imman dhiiraa 4,932f moggaafame. Baruma kana Oliiviyaan daa'imman dubaraa 4,082f moggaafamee ture.
Maqaan ilma Meegaan Meerkil fi ilma mootii Heerii - Archiin maqaa jaalatamaa sadarkaa 19ffaarra ture bara darbe sadarkaa 9ffaatti ol siqeera.
Maqichi bara 2020 daa'imman 2,944f moggaafameera.
Erga bara 2015 as bara darbe yeroo duraatiif maqaan Chaarlii tarree maqoota jaalatamoo 10 keessaa bahe.
Maqaan Ayivii jedhu daa'imman dubaraaf moggaafamu erga bara 2010 as sadarkaawwan 221 ol bahuun bara 2020 sadarkaa 6ffaa qabateera.
Bar-kurneewwan lamaan darban maqootni Aartar fi Nooh jedhaman jaalatamummaan isaanii dabaleera.
Muhaammad maqaa jaalatamaa dhiirotaa bara 2020 sadarkaa afraffaarra jirudha.
Akka Waajjira Istaatistiiksii Biyyaalessaa jedhutti maatiin ijoollee isaaniif maqaa baasuuf namoota bebbeekamoo fi taatoowwan bebbeekamoo ka'uumsa godhatu.
Akka fakkeenyaatti maqaan Miiv fi Otis sagantaa televivhiinii beekamaa 'Sex Education' jedhamu hordofeeti kan jaalatamummaan isaanii dabale.