Haleellaa xiyyeen raawwateen Noorweyitti namootni shan ajjeefaman

An arrow left in a wall is seen after several people were killed and others were injured by a man using a bow and arrows to carry out attacks, in Kongsberg, Norway, October 13, 2021.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa kanaan xiyya darbatamee girgiddaarra hafe
Maxxanfame

Noorwey keessatti namichi tokko haleellaa xiyyeen taasiseen namootni shan du’anii, lama mada’aniiru.

Magaalaa Kongisbarg keessatti poolisiin waa’ee haleellaa kanaa jalqaba gabaasa kan dhaga’e, akka biyyattiitti gara galgalaa sa’aatii 12:13 irratti ture.

Haleellaa kana raawwachuun kan shakkame namni lammii Deenmaark ganna 37 tahe to’annoo jala oolfameera.

Haleellaa kana kophaa isaa raawwate jedhame akka amanamuufi kun gocha shororkeessummaadhamoo miti kan jedhu irratti qorannoon akka gaggeeffamu, dubbi-himaan poolisii ibsaniiru.

Ministirri Muummee biyyattii Ernaa Soolbarg, gaabaasni haleellaa kanaa “sukkanneessaadha” jetteetti.

“Hundi keenya akka sodaanneerru naaf gala, ta’us garuu amma poolisiin haalicha to’achuu isaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha,” jechuun ibsa miidiyaaleef kennuu ishee, Reuters gabaaseera.

Shakkamaan kun haleellaa kana kan raawwatee supparmaarkeetii Coop Extra lixa Koongisbaarg jiru keessattidha. Namoota mada’an keessaa tokko poolisii hojirra hin turre kan yeroo sanatti gabaa sana keessa turedha.

Dubbi-himaan bakka gabaa kanaa taateen kun mudachuu mirkaneessuun, hojjettoota isaanii keessaa namni miidhaan qaamaa irra gahe akk hinjirre himan.

Qondaalli poolisii naannichaa Oyvind Aas namni haleellaa raawwate kun poolisii jalaa miliquus, taateen kun eegalee daqiiqaa 34 booda to'annoo jala ooleera jedhan.

Armed police on the streets of Kongsberg after an attacker opened fire on people with a bow and arrow

Madda suuraa, Hakon Mosvold/NTB/via Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa kana hordofee poolisiin garii magaalaa to'achuun sochii dhorkeera

Dubartiin wanta uumame agarte tokko, waca erga dhageessee booda, dubartiin tokko yeroo dhokkattuu fi “namicha xiyyee qabatee dhaabbatu arge'' jechuun miidiyaa biyyatti TV2 jedhamutti himuu ishee AFP gabaaseera.

“Sana booda namootni yeroo lubbuu isaaniif baqatanin arge. Dubartiin tokko mucaa ishee harkatti baattee baqachaa turte,” jetteetti.

Shakkamaan kun haleellaa kana irratti meeshaa biraa fayyadameera yoo ta’e qondaaltonni poolisii qorachaa akka jiran, hoogganaan poolisii kun himaniiru.

Hanga aanga’oonni naannichaa qoratanii, ragaalee sassaabanitti jiraattonni mana isaanii keessa akka turaniif ajajamaniiru.

Shakkamaan kun buufata poolisii Dirameen keessatti to’annoo jala oolee jira.