Amaazon: Anga'aan Biraazil saboota durii qoratu xiyyaan waraanamee lubbuun dabre

Madda suuraa, Reuters
Biraazilitti ogeessi olaanaa saboota daggala Amaazon keessatti kophaa jiraatan qorachuun beekaman, xiyya itti darbatameen qoma keessa dhahamanii du'an.
Namni ganna 56 Rieli Franciscato jedhaman kun, gaafa Roobii kaaba-baha Biraazil naannoo magaalaa guddoorraa fagoo taate Rondônia'tti du'an.
Namni kun naannichatti kan argaman, hojiisaanii idileen saba kophaa jiraatan tokko sakatta'uuf ture. Dhaabbata mootummaa saboota kanaaf dhaabbate Funai jedhamuuf hojjetu Rieli.
Namoonni ijaan argineerraa jedhan akka dubbatanitti, Obboo Franciscato fi gareen isaanii, wayita hawaasa kophaa jiraatan kanatti dhiyaatan, haleellaan irratti roobe.
Ogeessi kun poolisoota waliin kan ture yogguu tahu, wayita haleelamanitti konkolaataa duuba dahachuuf yaalus, lapheesarra xiyyaan dhawame jedha namni arge kun.
Poolisiin achi tuer tokkos, namni kun erga xiyyi lapheesaarra isa dhawe booda, xiyyicha ofirraa buqqisee ture.
''Iyyee xiyya ofirraa buqqisee fiigicha eegale. Meetira 50 akkuma deemeen lafa dhahe,'' jechuun poolisiin kun miidiyaa hawaasaa gubbaa maxxanse.
Gaazexeessaan suuraa naannichatti hojjetu Gabriel Uchida, AFPtti waan hime. Obbo Franciscato'n saboota adda bahanii jiraatan 'Cautario River isolated group' jedhamanirratti hordoffii taasisaa ture.
Gaazexeessaan taatee kana akka arge dubbatu kun, ''sabni jedhaman kun yeroo hedduu naga-qabeessa warra tahanidha. Haatahu malee yeroo kanatti, namoonni hidhatan shantu ture, isaantu waraana bane.''
Saboonni durii tahaniifi hawaasarraa adda bahanii jiraatan, biyya addunyaa hunda jiraatan, yeroo hedduu namootni haaraa tahan lafasaanitti dhufnaan, ofitti hin siqsan.

Madda suuraa, Getty Images
Gaggeessitooni uummattoota kanaa, waldhabdeen lafasaanii durii albuuda-baastotaafi bosona cirtoota seeraan alaa waliin taasisan, erga pireezidantiin Biraazil Jaayer Bolsonaaroo bara dabre aangoo qabatanii as daran hammaateera jedhu.
Amaazon bosona (rain forest) addunyaarraa isa guddicha yoo tahu, saboota yookaan uummattoota adda bahanii kophaa jiraatan garagaraa 100 tahan keessa jiraatu, akka ragaa Survival International'tti.

















