Ameerikaa erga Afgaanii baate yeroo jalqabaatiif mariifTaalibaan waliin teesse

Maxxanfame

Qondaaltoonni Ameerikaa erga loltoota isaanii baatii Hagayyaa keessa Afgaanii baasanii booda yeroo jalqabaatiif fuulaafi fuulatti bulchitoota Taalibaan waliin mari'atan.

Marii Kaataar keessatti gaggeeffameen dhimmoota mankaraarsitoota to'achuu dabalatee, lammiilee Ameerikaa baasuuf deeggarsa namoomaa irratti kan xiyyeeffate ta'u qondaaltonni himan.

Ameerikaan walgahichi Taalibaanotaaf beekamtii kennuu akka hintaane himti.

Walgahiin kunis erga humnootiin Ameerikaa biyyattii keessaa baahanii haleellaa cimaa erga raawwatamee guyyaa tokkoon booda.

Halleellaa badanii balleessuu Masjiida kaaba magaalaa Kunduuz irratti raawwatameen yoo xinnaate namoonni 50 ajjeefamanii, 100 ol madaa'aniiru.

Masjiidi Abaad jedhamu irra caalaan hawaasa hordoftoota amantaa Islaama Shiyaa lakkoofsaan gadaanaan itti waaqeeffataniidha. Gareen Islaamik Isteet(IS) haleellicha raawwachutu himame.

Walgahii Kaataariitti taasifameen booda kan dubbatan, Ministirri Haajaa Alaa Taalibaan Afgaanistaan, Amiir Khaan Mutaaqii, gareen lamaanuu waliigaltee Dohaa bara 2020tti mallattaa'ee kabajuuf waliigalu himan.

Waliigaltichi dirqama Taalibaan gareewwan akka al-Qaa'idaa nageenya US fi michoota ishee akka hin miinee gochuu akka ittiftu dirqama irra jiru kan dabalatu ture.

Mutaaqiin qondaalonni US ammoo talaalli Covid-19 fi deeggarsa namoomaatiin Taalibaan gargaaruuf dubbachu himan.

Haata'u malee US marii Sanbataa irratti hanga ammaatti wanti dubbatte hinjiru.

Garuu ammoo dubbi himaan isteet Dippaartimantii duraan qondaaltonni walgahichatti fayyadamuun Taalibaanonni mirga dubartootaa akka kabajaniifi eejansiiwwan deeggarsa namoomaa akka hojjataniif akka hayyaman cimsuun akka gaafatan kaasee ture.

Waligahichi Dilbata har'aas akka itti fufu himameera.

Mutaaqi gaazexessitootatti akka himaniitti, gareen isaanii hawaasa idil-addunyaa waliin walitti dhufeenya isaanii fooyyeessu barbaadu. Garuu ammoo qaamni kamu akka imaamatawwan keessoo biyyatti jidduu hingallee akeekkachiiseera.

Ameerikaan walgahichii itti fufiinsa walitti dhufeenya Taalibaan waliin dhimmoota dantaa biyyaa ta'aniiti malee waa'ee sochii garichaatiif beekkamti kennuu miti jetti.

Marichi magaalaa guddoo Kaataar Dohaa keessatti gaggeeffamaa wayita jiru kanattis, sirni awwaalcha namoota haleellaa bombiitiin Jimaata ajjeefamanii Afgaan keessatti gaggeeffamaa jira.

''Sababii filmaata biraa hinqabneef reeffa wal cinaadhumatti awwaalle. Boolla awwalchaa jumlaa qopheessine,'' jedhan namni maatiin jalaa ajjeeffame tokko.

Mootummoonni Gamtoomanii haleellaa bombii guyyaa Jimaataa raawwatameen, ''haleellaa dhaabbilee amantaa irratti xiyyeeffachuun torban kana raawwataman sadaffaadha,'' jechuun, ''kunis haleellaa sukanneessaa nama jeequudha'' jechun ibse.