Koronaavaayiras: Itoophiyaatti guyyoota lama keessatti namoonni 70 caalan COVID-19n du'an

Maxxanfame

Itoophiyaatti guyyoota lamaa keessatti namoonni 70 caalan weerara Covid-19'n du'uu ragaan Ministeera Fayyaa fi Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa ni mul'isa.

Akka ragaalee waajjiraalee mootummaa lameeniitti Wiixata darbe namoonni 38, Kibxata kaleessaa ammoo namoonni 34 walumaagalatti namoonni 72 guyyoota lamaan darban keessatti vaayirasichaan du'aniiru.

Lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis dabaluu eeran waajjiraaleen kunneen.

Lakkoofsi lammiilee du'anii fi vaayirasichaan qabanii kan dabaleef, akaakuun vaayirasichaa 'Delta' jedhamu biyyattii keessatti tatamsa'uu waan eegaleef ta'uu deetaan Ministiraa Dr Darajjee Dhugumaa ibsan.

Itoophiyaatti akaakuun vaayirasii 'Delta' jedhamu argamuu fi weerarri marsaa sadaffaa mul'achuu torbee darbe Ministeerri Fayyaa ibsee ture.

Akaakuun vaayirasii kun nama umriidhaan kan hin daangessinee fi qabnaan carraan lubbuu namaa gaaga'uusaa olaanaa akka ta'e, immoo namoota hin talaalamne irratti akka hammaatu ogeeyyiin ni himu.

Dr Darajjeen akka jedhanitti yeroo ammaa namoonni akaakuu vaayirasii 'delta' jedhamuun qabamuun kutaa namoonni akkaan dhibaman keessatti wal'aanamanitti heddummaachuu fi baay'inaan du'aaf saaxilamaa jiraachuu himan.

Akaakuu Covid-19-Delta

Guyyoota muraasa dura Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddase akkaataan dhibeen Covid-19 itti tatamsa'aa jiru yaaddessaa ta'uu ibsanii turan.

Akaakuun Delta namoota talaallii vaayirasichaa fudhatan daran miidhuu waan hin dandeenyeef namoonni akka talaalaman gorsan.

Gosti koronaa kun saffisa guddaan namaa namatti kan tamsa'u ta'uutti dabalataan saffisaan sadarkaa dhibee jabaafii darbees du'aaf saaxila.

Vaayirasichi bifa haaraan tatamsa'uu isaatiin walqabatee mootummaan Itoophiyaa seerota of-eeggannoof ba'an fooyyessee, xiyyeeffannoon akka hojiirra ooluu qaban ajaja dabarseera.

Dabalataan daangaa umrii namoota talaallii fudhachuu qabaniif kaa'ame fooyyessuun qaamoleen hawaasaa hedduun akka talaalaman taasifameera jedha mootummaan.

Talaalliin Covid-19 wayita Itoophiyaa galu jalqaba ogeeyyii fayyaaf, itti aansee namoota umriin isaanii waggaa 65 ol ta'e akkasumas dhibee biroo qabaatanii kanneen umriinsaanii 50 fi 60 gidduu ta'eef dursi akka kennamu murtaa'e.

Yeroo ammaa garuu Finfinnee, bakka vaayirasichi akkaan tatamsa'aa jirutti, namoota umriinsaanii waggaa 35 ol ta'e, kutaalee biyyaatti ammoo kanneen umriinsaanii waggaa 55 ta'eef kennamuu akka eegale Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddase ibsan.

Itoophiyaatti hanga ammaatti namoonni miiliyoona 2.3 talaallii Covid-19 fudhataniiru.

Akka dhaabbata fayyaa addunyaatti Afrikaan uummatashee talaaluudhaan boodatti hafteetti.

Hoogganaa Olaanaan dhaabbata kanaa Dr Teedroos Adhaanoom, waggaa kana keessa biyyootni uummata isaanii keessaa dhibbeentaa 40 talaalchisuu qabu ulaagaa jedhu kan guutan Afrikaa keessaa biyyoota lama qofa jedhan.

Kunimmoo biyyoota kaan waliin birqabaan yoo ilaalamu akkaan gadi bu'aadha jedhan.

Hanga ammaatti addunyaarratti talaalliiwwan biiliyoona 5.7 kennamuu kan himan hoogganaan kun, kana keessaa biyyoota Afrikaa kan ga'e dhibbeentaa lama qofa jedhan.