Hiriirri mormii pireziantiin Biraazil akka aangoo gadhiisan gaafatan mgaalota 160 ol keessatti gaggeeffamaa jiru

Hiriirtota magaalaa Riiyoo keessatti

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Biraazilitti namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman magaalaawwan gurguddoofi xixiqqaa keessatti pirezidantii biyyattii Jeer Bolsonaaroo mormuun addabaabaayitti bahan.

Hiriira pirezidaantichi akka aangoo gadi dhiisan gaafatu kanaafi mormii filannoon biyyattiin gaggeessuuf jettu waggaan tokko yeroo hafetti taasifame kana waldaalee hojjetootaafi paartilee mormitootatu qindeesse.

Pirezidant Bolsonaaroon sagalee yaada ummataa filannoo dursee sassabameen mo'atamaa akka jiranidha.

Pirezidaantichi weerara dhibee koronoo lammileen biyyattii kuma 600 ol lubbuu akka dhabaniif sababa ta'e haalli ittiin qabatan lammileen Biraazil kan aarseha.

Sambata magaalota Biraazil 160 ol ta'an keessatti hiriirawwan pireziaanticha morman kan gaggeeffaman yoo ta'u, hirmattonni hiriraas dhaadannoowwan Pirezidant Bolsonaaroon aangoorraa akka ka'an gaafatn qabatanii mul'ataniiru.

"Pirezidantiin as jiru kun wantota boodatti hafummaa addunyaarra jiran bakka bu'an. Beela, iyyummaa, malaammaltummaa waan jiruuf nuti dimokiraasii gaafachuuf baane," jechuun hirmaataa hiriira kanaa keessaa tokko kan ta'e Vaaldoo Oliiveeraa jedhamu AFPtti himeera.

Pireziant Bolsonaaroo aangoorraa buusuudhaaf mana maree biyyattiidhaaf gaaffileen 100 ol ta'an kan dhiyaatan ta'ullee, gaggeessaan mana marichaa gaaffileen deebisuudhaaf hayyamamoo hin taane.

Manni murtii waliigalaa Biraazil garuu qorannoowwan hedduu dhiyeenyatti pirezidaanticharratti taasifaman raggaasiseera.

Hiriira mormii Sababata darbee kana dursee ji'a darbe keessa ammoo hiriirawwan pireziant Bolsonaaroo deeggaran hedduun gaggeeffamanii turan. Kun ammoo Pirezidaantichi deeggartoota hedduu qaba akka jedhamuuf yaalii taasifamedha jedhameera.

Pirezidaantichi hanga waggaa dhufuutti aangoorra kan turan ta'ullee, bifa argamee hin beekneen murteewwan mirkaneessisan akka malee hir'ataniiru.

Yaaa ummataa Dhaabbata Atilaas jedhamuun walitti qabameen lammileen Biraazil harka dhibba keessaa 61ta'an raawwii mootummaa isaanii 'badaa' ykn 'baayyee badaa' kan taedha jechuun ibsu.

Bara 2019 bulchiinsi Pirezidant Bolsonaaroo gara aangootti yeroo dhufu yaada ummataa haaluma wal fakkaatuun sassabameen sagaleen argatan harka dhibba keessaa 23 qofa ture.