'Lammiin Kaanaadaa haleellaawwan IS duuba ture jedhame US keessatti himatame

Maxxanfame

Lammiin Kaanaadaa viidiyoowwan garee Mootummaa Isalamaa (IS) dubbisaa ture jedhame US keessatti himatame.

Saawud-Arabiyaatti kan dhalate Mohaammad Khalifaa, milishoota Kurdishootaan bara 2019tti Siriyaa keessatti qabamee booda Biiroo Qorannoo Yakkaa Federaalaa Ameerikaa (FBI)tti dabarfamee kenname.

Abbootiin alangaa akka jedhaniitti, namni umuriin waggaa 38 kun ''haleellaawwan IS rawwatu duubaa sagalee'' ta'un tajaajileera.

Innis viidiyoowwan hiikuufi dubbiisuu osoo hin eegaliin dura loltuu IS akka ture dubbateera.

Mohaammad torbee dhufu keessa himannaa, ''garee shororkeessaatiif deeggarsa meeshaa'' taasisuutiin mana murtii UStti dhiyaata.

Erga to'atameen booda gaaffiifi deebii gaazexaa tokko waliin taasiseen, Mr Mohaamd loltuu sadarkaa gadi aanaa akka turee fi ''IS sagalee qofaa ta'aa'' akka ture himeera.

Haata'u malee, waraabbii viidiyoowwanii ykn haleellaawwan sukkanneessoo dubbisaa ture keessaa harka akka hin qabne waakkaateera.

Mr Mohaammada bara 2013tti Kaanaadaa gadhiisee bahuun Siriyaa keessatti garee IStti makame.

Isaan booda ture sababii dandeettii afaan Ingiliffaafi Arabaa isaatiin kan miseensa holoola garichaa murteessaa ta'ee garee sana tajaajiluu eegale, akka ibsi qajeelcha haqa US jedheetti.

Balleessaan kun yoo irratti mirkanaa'ees hidhaa hanga umurii guutuu irratti murtaa'u danda'a.

Viidiyoowwan karaa intarneetii akka mul'isaniitti, miseensoonni garee kanaa Siriyaafi Iraa keessatti gochaawwan ajjeechaa sukkaneessaa kan akka morma namootaa kutuun ajjeessuu fa'i raawwataa turan.

Haata'u malee, bara 2017 irraa kaasee sababii holoola viidiyoowwan kanaatiin milishoonni kunneen waljalaan akka dadhabaa adeeman taasiseera.