'Waligalteen US fi Taalibaan taasisan kufaatii Afgaan ariifachiiseera'

Maxxanfame

Qondaaltoonni olaanoo humana ittisaa US, Taalibaan Afgaanistaan to’achuun isaaf waliigaltee bulchiinsi Tiraamp fi Taaliban taasisan waliin hidhata qabaachuu mala jedhan.

Waligalteen Dohaa jedhamu kan Guraandhala 2020 mallatteeffame yoo ta’u, guyyaa US loltoota ishee itti baastu kan itti kaa’e turedha.

Jeneraal Firaank Makeenzii, waligalteen kun mootummaa fi humna waraanaa Afgaan irratti “dhiibbaa hamaa” uumeera jedhu.

Dubbi himaan humna ittisa Looyid Oostin hima kanaan walii galuun, waliigalteen kun Taaliban caalaatti “akka jabaatu” godheera jedhan.

Guyyaa loltoonni itti ba’an murteessuun dabalataan, walii galteen Doohaa kun humnootni akka al-Qaayidaa nageenya US fi waayilootasheerra miidha akka hin geessisneef Taalibaan tarkaanfii akka fudhatuuf itti gaafatamummaa kan kennudha.

Pirezdaantiin US Joo Baayden aangoo qabachuu isaa booda karoora loltootaa Afgaanii baasuu kan itti fufe yoo ta’u, ta’us garuu guyyaa jalqaba kaa’amae Caamsaa keessa utuu hin taane dhuma Hagayya 31 akka ba’an taasise.

Qondaaltonni humna ittisaa US kana kan dubbatan Roobii, Koomitee Mana Maree bakka bu’uuta Tajaajila Waraanaa irratti raagaa dhaggeeffatame irrattidha.

Humnoonni waraanaa buufata xiyyaraa Kabuul keessaan yeroo ba’anii fi biyyootiin adda addaa lammilee isaanii biyyattii keessaa baasuuf hokkora keessa turanitti, lammileen Afgaan kumaataman lakka’amanis olchamuuf kadhaachaa turan. Mariin kun kan gaggeeffame hojiin lammilee fi loltoota biyyattiitti baasuu hojjatame, torban muraasa booda.

Yeroo kanatti haleellaa bade balleessaan taasifameen namootni 182 ajjeeffamaniiru.

AkKa hogganaa Ajaja Gidduugaleessaa UStti, Makeenziin, waggoota 20 booda hojii loltoota US Afgaanistaan keessaa baasuu kana hogganaa turan.

Jeneraal Makeenzii, waligalteen Dohaa mootummaa Afgaanistaan irratti dhibbaa xiinsammuu guddaa uumee ture, sababiin isaan guyyaa itti “gargaarsi hundi akka dhaabbatu eegaan” kan murteesse waan turefi jechuun koomitee kanatti himaniiru.

Yeroo dheeraaf yoo US loltoota ishee Afgaanistan jiran 2,500 gaditti hir’ite, mootummaa fi humni waraanaa Afgaan ni kufa jedhe akka amanu ture hima.

Waliigaltee Dohaa booda, Pireezdaanti Baayden Ebla keessa loltoonni akka ba’aniif ajajuun isaa wanti inni amanaa ture akka mirkaneesse hima.

Waligalteen Dohaa kun US haleellaa qilleensaa Taalibaan irratti rawwattuu akka dhaabdu taasisuun isaa, gartuun kun “jabaatanii haleelaa humnoota nageenya Afgaan irratti haleellaa isaani akka dabalan goodheera, kanaaf torban torbaniin lammileen Afgaan dhuman dabalaa deeme,” jedhan Oostin.

Qondaaltonno ittisaa kun Kibxata yemmuu Seneetii kana waliin haasa’an, Jeneraal Miliii fi Jeneraal Makeenzii, Hagayya keessa loltoonni guutummaatti achii baafamuu isaanii dura, Afgaanistaan keessa loltoonni US 2,500 ta’an akka turfamaniif yaada dhiyeessani akka turan himu.

Jeneraal Milii akka jedhanitti Taalibaan angoo qabchuun isaa lammilee US haleelllaa shororkessummaa irraa ittisuuf hojii taasifamu ni kan cimsu ta’a jechuun, gartuun Taalbaan gartuu shororkeessa “hidhata al-Qaayidaa waliin qabu ammayyu hin kunnedha” jedhaniiru.

Dubbi himaan Taaliban Zabihullaa Majahiid ammoo, gartuun kun “dachee Afgaan irraa US’s ta’e biyyootii biroo irratti haleellaan gaggeeffamu akka hin jiraanne addunyaaf waadaa seeneera,” jechuun Roobii BBCtti himaniiru.

“Walii galtee Doohaa keessatti US fi Islamic Emirate of Afghanistan (Taliban) gidduutti mallataa’ee kabajuuf murteessoodha. Ameerikaa fi wayiilotni ishee waligaltee kana akka kabajan barbaanna. Yaada hamaa ta’e dubbachuurra daandii waliinii fi dippiloomaasii filachuu wayya,” jedhan.