Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Dhimma Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Itoophiyaa hojii gadhiisuuf iyyata galfatte
Ministirri Dhimma Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Itoophiyaa, Filsaan Abdullaahii Ahmad hojii gadhiisuuf iyyata galfachuu beeksissan.
Ministirittiin har'a karaa fuula tiwitara isanitiin akka ifa taasisaniitti, 'uumamni dhuunfaa isaanii sammuu irratti dhiibbaa olaanaa taasisu' akka sababaatti eeruun hojii gadhiisuuf iyyata galfatte.
"Wanti safuufi naamusa kiyya miidhan kamiyyu faallaa waanan itti amaneefi dudhaawwanii waan ta'eef amantaawwan kanneen diiguun ammoo mataa kiyyaafi lammiilee koof amanamummaa cabsuudha," jedhan Filsaan Ahamad xalayaa iyyata hojii gadhiisu MM Abiyyiif barreessan fuula tiwitara isaanitiin qodan irratti.
Erga ''dhimmoota biyaaleessaafi idil-addunyaa'' irratti Ministira Mummee Abiy Ahimad waliin marii taasisaniin booda murtee kana taasisu himan kan jettu Aadde Filsan, himmoon jedhaman kunneen garuu maal akka ta'an bal'inaan hin ibsine.
Aadde Filsaan wayita aangoorra turanitti milkaa'ina hojii waajira Ministeera isaaniitiin galmaa'eetti akka boonan kaasaniiru.
Filsaan gaaffii fi deebii waliin taasisuuf BBCn gaaffii dhiyeesseef deebii kennuu baatan illeen, dubbi himaanaa ministeerichaa oduun aangoo gadhiisuu ishee kan hineegamne ta'u BBCtti himan.
Obbo Zalaalam Shaambal aangoo gadhiisuu Filsaan ilaalchisee kan toora miidiyaa hawaasaa irratti gadhiisaniin alatti, bal'ina biraa akka hinqabne BBCtti himan.
Motummaanis dhimmicha irratti hanag yoonaatti kan jedhe omtu hinjiru.
Haata'u malee lammiilee Itoophiyaas muraasni murtee iseen fudhate kan deegara yoo ta'u, kaan ammoo tiba waraanaa naannoo Tigraayiitti miidhaa quunnamtii saalaa qaqabee mormuun cimsitee hinhojjannee jechuu wayita midiyaa hawaasaa irratti qeeqan mulatu.
Aaddee Filsaan osoo gara aangoo motummaa kanatti hindhufiin dura roggeettii keessattuu walitti bu'iinsa baha Itoophiyaatti gareewwan Somaaleefi Oromoo jidduutti umamee turee keessatti marii hawaasaa jajjabeessuun beekamti turte.
Bara 2019tti ammoo buufata TV walabaa kan jalqabaa ta'ee naannoo Somaalee keessatti hundeessite turte.
Aangoo gadhiisuun ministirittii kun Mr Abiy miseensoota kaabinee jijjiiruuf jedha gabaasa jedhu dursee kan ta'edha.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanaa naannoo Tigraayiin walqabateen dhiibbaan idil-addunyaa mudataa jira.
Lammiileen biyyattii gahumsaafi fayyaan qaamaa isaanii hayyamuuf hundi waraanaa Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) irratti gaggeeffamuutti akka makamuuf waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.
Waraana naannoo Tigraayiitti baatii 11 dura eegaluun amma gara naannoolee ollaatti babalate kanaan wal qabatees lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman kan ajjeefaman yoo ta'u, kanneen miliyoonota ta'an ammoo bakka jireenyaa isaanii irraa buqaafamaniiru.
Dhaabbileen deeggarsaa akka jedhaniitti, namoonni kumaataman dhibbaan lakkaa'aman ammoo haala beela cimaa keessatti argamu.
Loltoonni raayyaa Ittisa Itoophiyaafi humnootiin TPLF namoota nagaa irratti ajjeechaa raawwachuun himatamaa jiru.
Haata'u malee gareewwan lamaamu himannaa kana ni waakatu.