Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afgaanistaan: Ameerikaan haleellaan dirooonii Kaabulitti gaggeessite namoota nagaa galaafachuu amante
Ameerikaan haleellaan dirooniidhaan yeroo loltootni ishee bahuuf guyyaa muraasa hafu Kaabul keessatti raawwatte namoota nagaa kudhan ajjeesuu amante.
Ajajni Gidduugaleessaa US, hojjetaan deeggarsa namoomaa tokkoofi ijoollee torbaa miseensota maatii isaa nama sagal, gaafa Hagayya 29 ajjeefamuu qorannoon mirkaneesse.
Mucaa xiqqaan ajjeefame Sumayyaan umuriin isaa waggaa lama.
Haleellaan lubbuu galaafate kun buufata xiyyaaraa Kabulittitti haleellaan gaggeeffame guyyoota muraasa booda, yeroo biyyotni adda addaa lammiilee isaaniif achii baasaa turanittidha.
Haleellaan kun tarkaanfii xumuraa US Afgaanistaan keessatti fudhattee turtii waggoota 20 booda baatedha.Tikni Ameerikaa konkolaataa hojjetaa deeggarsaa san sa'aatii saddetiif bakka jiru hordofaa ture. Kunis IS-K damee IS naannicha keessa socho'utti hidhata qaba jedhamee waan amanameef jedhe Ajajaan Gidduugaleessaa US, Jeneraal Keeneet Makiinzii.
Qorannichis konkolaataan nama kanaa naannoo mooraa IS-K waliin hidhata qabu tokkootti argamuu mirkaneesse. Sochiin isaa odeeffannoo garee haleellaa qaqabsiisuuf karoorsan biroo argame waliin wal fakkaata jedhe.
Bakka tokkotti dirooniin basaasaa namni kun meeshaa dhohuu danda'u fakkaatu yeroo konkolaataa keessaa kaa'u mul'iseera. Garuu kun qaruuraa bishaanii tahee argame.
Jeneraal Makiinziin haleellichi ''dogogora gaddisiisaa'' jechuun ibsee Taliibaan basaasa haleellichi akka raawwatu godhe keessaa harka hin qabus jedhan.
Haleellichi kan raawwate yeroo hojjetaan deeggarsaa maqaan isaa Zamaayirii Ahmadi jedhamu buufata xiyyaaraa irraa gara mana isaa Km3 fagaatuutti yeroo konkolaachisaa ture.
Haleellichi dhohinsa lammaffaa uume. Qondaalonni US meeshaan dhohu keessa jiraachuu agarsiisa jedhanis qorannoon garuu taankerii boba'aa tahuu mala jedhan.
Warra ajjeefame keessaa tokko Ahmad Naaser kan humna waraanaa Ameerikaaf afaan hiikaa turedha. Miidhamtootni kaanis kana dura dhaabbilee idl-adunyaa bioof hojjetaa kan turanidha. Akkasuma viizaa US akka galan isaaniif eyyamullee harkaa qabu.
Firoonni miidhamtootaa guyyaa tokko booda BBCtti akka himanitti biyyicha keessaa bahuuf iyyannee bilbila gara buufata xiyyaaraatti koottaa jedhu eeggataa turan.
Humni Ittisaa US Looyid Oostiin ibsa baaseen, ''Amma Obbo Ahmadiin Isis-Korasan waliin hidhata akka hin qabne barreerra. Sochiin isaa guyyaa sanaa guutummaa guutuutti miidhaa kan qabu hin turre. Haleellaa ariifachiisaa miidhaa geesisudha jennee kan nuyi yaadnes miti,'' jedhan.
''Dhiifama gaafanna, dogogora keenya hamaa kana irraas ni baranna.''
Haleellaan boombi buufata xiyyaaraa kabul irratti erga dhaqqabee haalli nageenya naannichaa muddama keessa galee ture. Haleellichaan namootni 170 yoo ajjeefaman isaan keessaa 13 loltoota USdha. Haleellaa Hagayya 26 gaggeefame kana duuba jiraachuu ammoo IS-K mirkaneesse.
Warri ajjeefame xiyyaara anamoota biyyicha baastuun deemuuf kanneen eeggataa turan. Loltootni Ameerikaa Hagayya 31, 2021 waggoota 20 booda Afgaanistaan gadhiisanii bahan.
Lammiileen biyya alaa fi Afgaanistaan walumaagala 124,000 tahan Taalibaan aangootti deebinaan biyyichaa bahan. Kaan garuu yeroodhaan baafamuu waan hin dandeenyeef ammas akka bahan yaalamaa jira.