Sochii gamoowwan durii Finfinnee keessa jiran 'haaromsuu'fi gaaffii inni kaase

Gamoowwan durii Finfinnee keessa jiran

Madda suuraa, FACEBOOK

Maxxanfame

Finfinnee naannawaa Ambaasaddaritti kan argamu gamoon Kidaanee Bayyanaa jedhamu halluu cuquliisaafi adii dibuu eegaluu hordofee jiraattonni magaalaa tokko tokko birattiifi miidiyaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'eera.

Halluufi danaan gamoo kanaa, akkasumas qaama yaadannoowwan seenaa waan ta'aniif halluun dibamu kun kana waan jijjiiruuf waan ta'uu hin malle jechuun hedduun ni mormu.

Gamoowwan heduu ashaaraa mataa isaanii kan qaban yoo ta'u, waggoota 40 duubatti deebiyamee yeroo ilaalamu gamoon Kidaanee Bayyanaa kun seenaa dhaloota bara sanaa rifachiiseefi gaddisiise, kaasumas seenaa Ihaappaa jijjiire keessumsiiseera.

Namoota hedduu biratti kan beekamu Eegduu Warraaqsaa (Gaardiyaans Oof Ze Rivoluushin) jechuun kan waamaman, barattootaafi jiraattota magaalaan A L I bara 1969tti kan uumame waan dagatamu hin fakkaatu.

Barri sun yaaliin Mangistuu Hayilamaariyam fonqochuuf yaaliin gaggeeffame, Gooliin Diimaa itti hammaate, 'Tarkaanfiin Bilisaa' itti hayyamametti, manaa manatti deemuun sakatta'insi kan itti cimee ture ta'uu ragaaleen seenuu ni mul'isu.

A L I Bitootessa 15/1969 Tasfaayee Dabasaay fi Barrihun Maariyyee gamoo Kidaanee Bayyanaa keessa osoo dhokachuuf yaalaa jiranii loltoonni Dargiin marfaman.

Barrihun Maariyyeen yoo ajjeefamu, Tasfaayee Dabasaay ammoo gamoo sana darbii ja'affaa irraa karaa foddaa of darbate. Dursaan Ihaappaa haala kanaan lubbuun isaa dabarte.

Akka mallattoowwan Finfinnee keessaa tokkootti kan ilaalamu gamoo kana halluu dibuu jalqabuun walqabatee seenaan bule ilaalamuuf sababa ta'eera.

Gamoon akka halluu dibamuuf murtaa'ee Kidaanee Bayyaanaa qofa osoo hin taane gamoowwan durii naannawaa Sangaa Taraa jiru gamoo Baddiluu, Piyaassaatti kan argamu Baankoo dii Roomaa keessatti argamu.

Gamoowwan durii halluu yaa dibaman jechuun ogeessota ijaarsaa, seenaafi hambaalee biratti bifaafi danaa, akkasumas qabiyyee isaanii balleessuudha jechuun mormiin irratti dhiyaateera.

Jijjiirama saffisaan magaalota keessatti yeroo mul'atan hawaasni yaadannoowwan seenaa akkamiin eeggata? Wanta dagatamuu hin qabne jedhaman eenyutu murteessa? Kaneen jedhan gaaffiin ka'uun isaa hin oolu.

Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa sirna ijaarsa gamoofi ogeessa qorannoofi eegumsa hambaalee kan ta'an Arkitekt Yohaannis Mokonnon halluu dibuun sirrii miti jedha.

Ogeessi kun akka jedhanitti adeemsi ittiin halluu dibuuf hordofame adeemsa ogummaa kan hordofe akka hin taane kaasa.

"Akka hambaatti kan galmaa'an gamoowwan akka Baankoo Dii Roomaa, Kidaanee Bayyanaafi Baddiluu baroota dheeraa lakkoofsisan halluun isaanii yaa jijjiiramu yeroo jehamu adeemsa ogummaa mataa isaa qaba," kan jedhu Yohaannis, kan dhiyeenyatti yaalamaa jiru garuu adeemsa kana akka hin hordofne ubbata.

Gamoowwan kanneen halluu dibuun mallattoofi bifa isaanii waan jijjiiruuf gocha deeggaramu miti.

Adda durummaan ammoo gamoowwan kunneen hawaasni kan isaan beekuufi isaan bare waan ta'eef tursiifamuu feesisa jedha ogeessi kun.

"Bifa duraan qabu eeganii tursiisuu gochuu malee jijjiiruun yaadannoo waloo hawaasaa jijjiira," jedha.

Kana gochuun ammoo ogummaa karoora magaalaa keessatti, ijaarsa gamoowwanii keessatt, eegumsaafi qorannoo hambaalee keessatti wanta gorfamu miti jechuun dubbata ogeessi kun.

Yunivaersiitii Finfinneetti barsiisaa ogummaafi saxaxaa kan ta'an pirofeesarri gargaaraa Baqqalaa Mokonnon yaada Yohaannis waliin waliigalu.

Ogeessonni lamaanuu kan kaasan yeroo halluu dibuun barbaachisu ogeessota mariisisuu akka barbaachisudha.

Magaalota keessa gamoowwan, siidaawwanis ta'e bakkawwan gara garaa ashaaraa seenaa mataa isaanii ni qabaatu waan ta'eef ogeessonni isaan kam diigamuu akka qabaniifi halluu dibamuu akka qaban ni murteessu jedha pirofeesarri gargaaraa Baqqalaa.

Gamoowwan seenaafi ashaaraa mataa isaanii waan qabaniif eegumsi taasifameef tursiifamuu qabu namoonni jedhan akkuma jiran ammoo gamoowwan kunneen diigamanii haaraan yoo ijaaraman, akkasumas yoo haaromfamanis ta'e halluu dibaman magaalotaaf miidhagina adaa kennu kanneen jedhanis jiru.

Akka pirofeesarri gargaaraa Baqqalaan jedhanitti rakkoon haaromsuu osoo hin taane, gamoowwan dullooman bifaafi danaa qaban akkuma qabataniin akkamuun haaromfamuu qabu kan jedhudha.

pirofeesarri gargaaraa Baqqalaa wanti hundumtuu diigamuu qaba ykn wanti hundumtuus eegumsi taasifamuufiif qaba yaada jedhu hin fudhatan. Ogeessonni ulaagaaleen baasanii warra tuqamuu hin qabne adda baasanii akka dhaloota boruutti darbuun seenaa himu gochuu feesisadha kan jedhu.

Ogeessonni lamaan adda durummaan kan eeran barbaachisummaa gorsa ogeessaafi faallaa adeemsa ogummaa ta'een akka hin hojjetamnedha.

Biyyoota gara garaa keessatti gamoo qofa osoo hin taane magaalaafi naannawaa gamoon sun itti argamu dabalatee adeemsi tti eegamu jira. Kanaaf ammoo fakkeenyi gaariin magaalaa Indiaa Niiwuu Deelh kaasuun ni anda'ama.

Awurooppaa magaalota tokko tokko keessatti naannawaa gamoowwan duraan turaniitti gamoon haaraa kan ijaaramu taanaan akka keessummaa hin taanetti ykn faallaa kan duraan turee sana akka hin taanetti halluun dibamu, bifti gamoo sanaafi dhimmoonni biroon akka murtaa'an hima Yohaannis.

Gamoowwan Finfinnee keessa jiran waggoota baay'eef dhimma falmisiisaa ta'anii turaniiru. Finfinnee jijjiiruu waliin walqabsiisee gamoowwan dheddheeroo ijaaruu, aandiiwwaniifi bu'uuraalee misoomaa diriirsuuf jecha hambaaleen manca'an hedduu akka jiran ogeessonni kunneen ni dubbatu.

Haata'u malee, Yohaannis akka jedhutti, wanta kallattii mootummaatiin taasifamaa jiru yeroo ilaalu bifa haaraa kennuufiifiin nama ajaa'ibsiisuu fedhii jiruun malee, "ta'e jedhamee bifa qindaa'een hambaalee balleessuufidha jedhee fudhachuuf na rakkisa. Sababiin isaas itti dhiyeenyaan itti hirmaadhee waanan beekuuf," jedha ogeessi kun.

Garuu haalli ittiin hojjetamu ariitiin hojjechuun baay'ateefi qorannoofi qorsa ogummaa malee kan raawwatamu ta'uun isaa yaaddeessa taasisa.

"Fedhiin waan haaraa agarsiisanii namoota ajaa'ibsiisuu badiinsa qaqqabsiiseera. Kan ta'e kana malee, ta'e jedhamee seenaa jijjiiruu, bifa Finfinnee balleessuuf kan hojjetamaa jirudha jedhee fudhachuudhaaf ani nan rakkadha," jedha.

Dhiyeenya kana gamoowwan durii halluu dibuun haaromsuu waliin walqabatee mormiin ka'es kan bu'aa buuse yoo ta'u, gamoon Kidaanee Bayyanaa halluun dibamuun eegalamee tures akka dhaabbatu taasifameera. Qaamni gamoo sanaa garri halluu dibamee tures gara duraan turetti deebisuudhaaf mariin taasifamaa akka jirus eerameera.