Dubartiin hanga sa’aatii 11 hojjachuu didamte, akkamiin beenyaa argatte?

Aliis Toomsan

Madda suuraa, Alice Thompson

Maxxanfame

Aliis Toomsan waajira isheetti hojiidhaa yeroon baatee, mucaashee oolmaa daa’immaniiti fudhachuu barbaaddi ture, garuu dhimmishee kuni hojii akka gadhiistu ishee taasise.

UKtti ogeettiin gurgurtaa lafaa fi manaa dhabbat ishiin hojjettuuf gaaffii dhiyeessiteef fudhachuu dide, himachuudhaaf paawundii kumaatamaan lakkaa’amau baastetti.

Manni murtiis doolaara 254,505 isheef murteesseera. Torbee kanas ‘’adeemsa dheeraa fi dadhabsiisaa ture,’’ jechuun BBC'tti himteetti.

Manni murtichaa gaaffii dhaabbata isheef dhiyeessiteen loogiin saalaa al-kallattii tahe irra gaheeraa jechuudhaan isheef murteesse.

Aliis otoo bara 2018tti garaatti hin baatiin dura dhaabbata dhuunfaa manneen gurguru keessatti hoggantuu gurgurtaa tahuun tajaajilaa turte, hojii isheedhaan nama milkoofte turte.

"Hojii gurgurtaa qabeenyaa, kana keessatti garaakoo guutuunan waggaa 10f hojjechaa ture,’’ jechuun BBCtti himte.

"Gosa hojii dhiirootni itti baay’atan kana keessatti milkaa’inni koo hin lakkaa’amu, maamiloota waliin hariiroo gaarii uumuuf baay'ee dhama’era,’’ jetti.

Boqonnaa da’umsaan booda gara hojiisheetti deebi’uuf yeroo jettu, dhaabbatashee torbanitti guyyaa afur hojjechuun, sa’atiin itti hojii baatu sa’atii 12 irraa gara 11 akka gad-siquuf gaafatte.

Kunis yeroon baatee mucaashee oolmaa daa’immaniitii fudhachuuf akka itti toluufi jette. Haatahu malee hogganaan ishee sa’atii akkasiin akka hojjettu hin eeyyamu jedheen.

"Sa’atii hojii jijijjiiramun gaafadhe, garuu namni dhimma itti kenne hin turre,’’ jetti Aliis.

"Ani akkasittan hojjechuu fedha jedhee yeroon dubbadhu, yaada isaanii natti hin himne. Sa’atii guutuu akkan hojjedhu yoo fedhan isa sa’atii sadii hanga 12 ture sa’atii 2-11 otoo naan jedhanii ni ta'a ture."

"Garuu isaan cirumasaa naan deebisne. Karaa hunda cufan. Filannoo tokkollee gaafan dhabu, hojii sana nan gadhiise,’’ jetti.

"Egaa haadholiin akkamiin ijoollees guddisaa hojii hojjechuu danda'u? Barri 2021 malee 1971 miti,’’ jette.

Jijjiiramni akka dhufu ijaa barbaadduuf dubbii kana gara mana murtii geessuu himti.

"Daa’ima intalaa qaba, isheenis gaafa guddattee waaggaa 20 fi 30 taatu dhiibbaan wal-fakkaataa akka irra gahu hin fedhu,’ jetti.

Dhamaatiin ishee ‘’waan sirrii taheef dhaabachuufi dubbachuu dha,’’ jette.

Manni murtii dhaabbatichi hojjetaasaaf sa’atii mijataa kennuurratti kufeera jechuun himannaa haadha kanaa deeggare.

Abbaan murtiis doolaara 250,000 ol isheef murteesse, kunis galii ishee dhabuu, baasii sooramaaf kennamuufi ture, miidhaa miiraa irra gaheefi dhala dabalata.