Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa Xiyyaaraa: Daarikterotni kaampaanii Boeing balaa dhaqqabee tureen himatamuuf
Daarikterootni boordii kaampaanii Boeing balaa xiyyaaraa lama 737 Max dhaqqabeef abootii qabeenyaa dhaabbaticha keessaa qooda qabaniin himatamuuf jedhe abbaan seeraa US.
Morgaan Zurni akka jedhetti, balaan jalqabaa sirna nageenyaa qaama xiyyaarichaa ilaalchisee ''akeekkachiisa cimaa'' boordichi ilaaluun furuu qabu ture, garuu itti dhiisan.
Miidhamtootni sirriin warra lubbuu dhabanii fi maatii isaaniiti. Garuu investerootni kaampaanichaas ''doolaara biliyoona hedduu dhaban.''
Boeing ''tarkaanfiiwwan itti aanaan nan ilaala,'' jedhe.
Abbaan seeraa Delaware murtii isaa irratti: Ija namoota maatii isaanii dhabaniin maal na dhibdee wayii fakkaates, seerri bulchiinsa dhaabbilee miidhamaan biraa akka jirus ilaalaa. Boeing akka dhaabbataa fi qooda fudhattoota isaa jechuudha.
''Abbootiin qabeenyaa qooda keessaa qaban gara mana murtii kanaa dhufanii daarikterootnii fi ofiserootni Boeing nageenya imala xiyyaarichaaf waan murteessaa ilaaluu dadhabuun gati dhaabbatichaa fi qooda fudhattootaa tiksuu hin dandeenye jechuun himatan.''
Balaan xiyyaaraa Indooneezhiyaa fi Itoophiyaa bara 2018 fi 2019 dhaqqabe namoota 346 galaafachuun balaliin xiyyaara Boeing 737 Max akka adunyaa guutuu irraa ugguramu taasise.
Qorannoon booda irra akka agarsiisetti sirna to'annoo balalii kan tahe MCAS rakkoo akka godhate ibse.
Ji'a Amajjii keessa Boeing odeeffannoo sirna to'annoo balalii qondaalota nageenya balalii jalaa dhoksuun akka balaan dhaqqabu taasise jedhamuun himannaa yakkaa irratti dhiyaateef doolaara biliyoona 2.5 kaffale.
Garuu ammayyuu maatii miidhamtootaa fi abbootii qabeenyaa kaampaanicha keessaa qooda qaban irraa himanni irratti dhiyaatee jira.
Kibxata kaleessaa Itti aanaan Chaansileraa Zuurni himanni miseensa boordii irratti dhiyaate biraan itti fufa jedhe.
Qoodni namootni kaampaanicha keessaa bitaa turan erga balichi dhaqqabee gadi bu'eera. Ammayyuu akka duraatti hin deebine.
Dubbii himaan Boeing ''Manni murtii himatichi sadarkaa jalqabaa kana darbuun akka banamu eeyyamuu isaatti gaddineerra. Guyyoota itti aanaan keessatti yaada jiru itti dhiyeenyaan madaaluun tarkaanfiin itti aanu maal akka tahu ilaalla.''
US keessatti Max akka balaliitti deebi'u Sadaasa bara 2020 keessa eeyamameef ture. Amajji bara kana keessa ammoo Awurooppaa fi Kanaadaa keessa. Chaayinaa keessatti ugguramema hafe.
Balichi kaampaanii Boeing adabbiidhaan gara doolaara biliyoona 20 dhabsiise. Kun baasii kaanii fi ajaja kennamee ture akka haqamu gochuun.