Icciitiiwwan Warra hojii-gaggeessanii: 'Maallaqa hojjechaan ture, garuu maallaqa hin qabu'

Ibsa waa'ee viidiyoo, Hojii haaraa keessatti dhimmoota akkaataa maallaqni callaan ittiin socho'u sirreeffachuun waan dursa ta'uu qabudha jedha Iskoot
Maxxanfame

"Ani maallaqan hojjechaa ture, garuu maallaqa of harkaa hin qabun," jedha hundeessaan dhaabbata damma omishu Hilltop Iskoot Daaviis.

"Ani dhugumatti maallaqni hojjedhu eessa akka deemaa ture hin beeku. Ergan rakkoo sanaaf fala kenneen booda ture kan hojichillee caalaa babal'ate."

Iskoot Hilltop bara 2011 keessa lafa kan Niiwtawon, Miid Waalsi keessa jiru cinaatti jalqabe. Namni kun yeroo ammaa UK keessatti biizinasii guddaa waggaatti maallaqa Paawondii miliyoona 16 ta'een socho'u jedhameera.

Maallaqni Iskoot biizinasii isaa kana ittiin sochoosu gariin gagura kaannisaa Hilltop matuma isaarraa kan dhufu yoo ta'u, kaan ammoo kanuma inni itti dabalamudha.

Biizinasiin kun waggaa waggaan dachaan guddataa kan jiru yoo ta'u, dhiyeenya kana ammoo akka barruu Saanday Taayims Faast Tiraak Indeks baasetti UK keessatti kampanii hunda caalaa saffisaan guddatan keessaa 26 irratti argama.

Akkas ta'ees garuu, Hilltop sababa rakkoowwan maallaqa callaa mudachaa tureen duubatti harkifateera.

"Jalqabee waggaa sadan duraa keessa, gatantaraatuman ture," jedha Iskoot. "Osoon maallaqa kana hojjechaa jiruu maallaqa tokkollee dhabuukoo maal jedheen yaadaan ture.

"Kampaaniikoo kana osoon hin jalqabiin dura dhaabbata daldala cilee tokko keessa hojjechaan ture. Gorsaa dhugaa hin qabun ture, hubannaa biizinasii maala akka ta'e hin qabu."

Hojjetoonni yeroo qarooraatti amma guutan

Madda suuraa, Hilltop

"Bu'aa osoo hin argatiin kasaaraa guddaan yeroon hojjechaa turetti, maallaqa callaa yeroof itti fayyadamu dhabeen rakkaachaan ture."

Iskoot boodarra garuu akkamitti akka maallaqni biizinasa isaa keessatti galee bahu itti dhiyeenyaan hordofuun fala barbaadate.

Rakkoon ture warroota meeshaa ittii hojjetu isaaf dhiyeessaniif osoo maallaqa maamiltootasaarraa osoo hin fudhatiin dursee kaffaluu ture.

"Biizinasa haaraa ta'uurraan kan ka'e, dhiyeesssiyoonni na hin manan ture," jedha. "Isaan dura seenaa hojii hin qabu, kanaaf wanti jiru harkaarratti kaffatee fudhachuu qofa ture. Yeroon maamiltoota bira deemu ammoo akkas jedhu: 'Ni bitanna garuu guyyoota 60 asi keessatti siif hin kaffallu."

"Namni tokko damma qabee 5,000 ajajatee dhiyeessii isaaf barbaachisu ammoo bituun qaba, garuu maallaqni maamiltoota dammakoo bitatan bira guyyoota 60 tura. Kanaaf, yeroo namni tokko baayyee ajajatee dhiyeessii barbaachisan bittutti, ammallee maallaqni akka harka si gahu eegaa jirta.

"Nama jalqaba ajajaterraa maallaqa argachuun baayyee, baayyee rakkisaa ta'uu isaan hubadhe."

Yeroo gagaan dammaa gaagura keessaa baafamaa jiru

Madda suuraa, Hilltop

Biizinasiin isaa kun erga gaafa jalqabeetii bal'ataafi guddataa waan deemuuf fedhii maamiltootarraa dhufu guutuuf jecha dhiyeessii bal'isaa deemuuf ammoo maallaqni harka isaa galuu hin dandeenye.

Isaan booda Iskoot wayita warra meeshaa isaaf dhiyeessanirraa harkatti kafffalee, maamiltoota amma itti gugururraa ammoo ji'a lamaa booda fudhachuun harka qullaa isa gochuu hubatee fala barbaaddate.

Maamiltoota warra guyyaa 60 tursiisuun isaaf kaffalan akka dafanii kaffalaniif, warra isaaf meeshaa dhiyeessan ammoo harkatti osoo hin taane hojjetee erga gurguree akka kaffaluufitti gama lamaanuu waliin marii jalqabe.

"Warra dhiyeessan dhiibuu miti," jedha. Mariin keenya isaan waliin amantummaa horachuurratti. Torban tokko keessattin deebisee isiniif kaffala yeroon jehu isaanis na hubatan. Amma yeroo maallaqni harkaakkee keessa turun argadhe.

Isaan booda warri meeshaa inni ittiin hojjetu dhiyeessaniif isa manaa dhufuu kan dubbatu Iskoot, boodarra 'inni nuuf kaffala jedhanii guyyaa 30 hanga 60 turuu eegalan. Y

eroo kanatti kaffaltaan warran damma dhiyeesserrraa itti fuhahuufi meeshaa na barbaachisuuf yeroon itti kaffalu wal naaf qixxaataa dhufe jeha.

Iskoot baayyee hojjeta, dargaggoota hojii jalqaban ni gorsas. Yeroo hojii tokko jalqabanitti kaffaltaan baasii galteef baasan harkatti kaffalaa, omisha ofii ammoo kaffaltaa yeroo dheeraatti eegaa hojjechuun waan nama mudatudha.

Jalqaba dhugaa jiru kana beekanii irratti hojjechuudha akka Iskoot jedhutti. Adeemsa keessa yeroo kaffaltii dhiyeessiif baastuufi kan maamiltoota omishakee bitatanii irraa itti siif kaffalamu walitti fiduuf hojjechuudha. Inni guddaan mariin amantaa cimsachaa deemuudha jeha.

Adeemsa hojii dalalaa keessatti, keessumaa ammoo biizinasa bal'achaa deemuuf baasiifi galuu sirreeffachaa deemuun jalqaba dubbiiti.

Akkasiin itti deemnaan maallaqa osoo hojjetanii, maalla dhabuunis ni hafe jechuudha.